Mayor office of Holeta Town

Mayor office of Holeta Town Welcome to Holeta, the Town of love and peace! 🕊

03/09/2026

Injifannoo kaleessaa,ifaajjee har'aa Olka'insa Itoophiyaaf!

Itoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darbanitti gama siyaasaa,dinagdeefi hawaasummaatiin milkaa'ina galmeessaa,qormaata hunda injifannoon ce'uudhaan boqonnaa olka'insaa irraatti argamti.

Kanarraa ka'uunis, bara kana guyyootni qaammee kabajaman milkaa'inoota argaman karaa yaadannu,dilbiiwwan qabnu yeroo itti sakattaanu,hanqinoota turan gamaggamuufi imala olka'insaaf abdii haaraa yeroo itti hidhannu yeroo addaati.

Keessattuu, ayyaanni qaammee bara kanaa biyyi keenya filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa milkaa'inaan xumuruun paartiin sagalee ummataan eyyentaa argate imaanaa ummataa amanamummaan raawwachuuf yeroo itti of qopheessaa jirutti kan kabajamuufi mareen biyyaaleessaa milkaa'inaan yeroo goolabameetti kabajamuun isaa adda isa godha. Waan ta'eef kabajni qaammee bara kanaa misiraachoo,abdiifi mul'ata badhaadhina biyya keenyaa karaa beeksisuun kan kabajamu yoo ta'u,Itoophiyaan boqonnaa ce'umsa gara olka'insaatti gochaa jiraachuu isheetiinis qaammeen bara kanaa ergaa ijoo"Olka'insa Itoophiyaa" jedhuun kan kabajamu ta'a. Guyyootni qaammee bara kanaas ergaa kana karaa ibsaniin moggaafamuun kabajamu.

Bu'uura kanaanis,
Qaammee 1: Guyyaa Oommishtummaa
Qaammee 2: Guyyaa Olka’iinsaa
Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa
Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa
Qaammee 5: Guyyaa Egeree jedhamuun kan moggaafaman yoo ta'u,sirnoota gara garaan nii kabajamu.

Itoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darbanitti gama siyaasaa,dinagdeefi hawaasummaatiin milkaa'ina galmeessaa,rakkoowwan mudatan hunda injifannoon ce'uudhaan boqonnaa olka'insaa irraatti argamti.

Kanarraa ka'uunis, bara kana guyyootni qaammee kabajaman milkaa'inoota argaman karaa yaadannu,dilbiiwwan qabnu yeroo itti sakattaanu,hanqinoota turan gamaggamuufi imala olka'insaaf abdii haaraa yeroo itti hidhannu yeroo addaati.

Keessattuu, ayyaanni qaammee bara kanaa biyyi keenya filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa milkaa'inaan xumuruun paartiin sagalee ummataan filatame imaanaa ummataa amanamummaan raawwachuuf yeroo itti of qopheessaa jirutti kan kabajamuufi mareen biyyaaleessaa milkaa'inaan yeroo goolabameetti kabajamuun isaa adda isa godha. Waan ta'eef kabajni qaammee bara kanaa misiraachoo,abdiifi mul'ata badhaadhina biyya keenyaa karaa beeksisuun kan kabajamu yoo ta'u,Itoophiyaan boqonnaa ce'umsa gara olka'insaatti gochaa jiraachuu isheetiinis qaammeen bara kanaa ergaa ijoo"Olka'insa Itoophiyaa" jedhuun kan kabajamu ta'a. Guyyootni qaammee bara kanaas ergaa kana karaa ibsaniin moggaafamuun kabajamu.

Bu'uura kanaanis,
Qaammee 1: Guyyaa Oommishtummaa
Qaammee 2: Guyyaa Olka’iinsaa
Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa
Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa
Qaammee 5: Guyyaa Egeree jedhamuun kan moggaafaman yoo ta'u,sirnoota gara garaan nii kabajamu.

03/09/2026
03/09/2026
29/08/2026
07/08/2026

"Oromoon guutummaatti bilisomeera;Kana boodas gonkuma garboomuu hindanda'u."
Abiyi Ahimad(PhD)

07/08/2026

Gaaffiiwwan qabsoo Oromoo ijoon: Gaaffii Dinagdee, Eenyummaafi kan Dimookiraasiti.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) turtii OBN waliin taasisaniin, ka'uumsa qabsoo seenaa dheeraa uummata Oromoofi sababoota injifannoon qabsoo kanaa akka harkifatu taasisan irratti ibsa bal'aa ibsa kennan.

Haasaa isaanitiin akka ibsanitti, gaaffiiwwan qabsoo ummata Oromoo ijoon bakka sadii ta'uu ibsuun, inni jalqabaa gaaffii dinagdee ta'uu himan. Ummanni Oromoo abbaa lafaafi qabeenyaa ta'uu, dafqa isaatiin hojjetees naannoo fi biyya isaa jijjiiruu barbaada. Lafti Oromoof "lafee" isaati. Qonnaan bulaan lafa isaa irraa buqqa'uufi qabeenya isaa irraa saamamuun ka'uumsa qabsoo ture.

Inni biraa gaaffii Eenyummaa ture. Kunis afaan ofii dubbachuu qofa otoo hin taane, aadaa, eenyummaa ofii guutummaan calaqqisiisuufi guddisuu kan hammatuudha. Inni sadaffaan, gaaffii dimokiraasiti. Ummanni Oromoo Sirna Gadaa hirmaachisaa ta'e kan mataa isaa qabaachaa ture waan ta'eef, ofiin of bulchuu, seera tumuu fi seera sanaan buluuf gaaffii qabsoo bara dheeraa tureera.

Gaffiwwaan qabsoon kun jaarraa tokkoo oliif sababoota: hanqina yaada tarsiimawaa, rakkoo hariiroofi walitti dhufeenyaa, akkasumas hanqina hoggansaafi sammuu injifannoo dhabuutiin injifannoo osoo hin argatiin turaniiru.

Yeroo ammaa Oromoon guutummaan bilisoomera. Gaaffiiwwan ijoon eenyummaafi ofiin of bulchuu deebi'eera. Gaaffiwwan hafani adadaan deebi'aa jiru.

07/08/2026

Address

Holeta

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mayor office of Holeta Town posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share