Waajjira Bishaani fi Inarjii A/M/Bal'oo

Waajjira Bishaani fi Inarjii A/M/Bal'oo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Bishaani fi Inarjii A/M/Bal'oo, Public & Government Service, Melka Belo, Jaja.

 Waadaa Gochaan!
04/04/2026


Waadaa Gochaan!

YAKKA ITTI FAYYADAMA BISHAAANII FI MIIDHAA INNI QABEENYA BISHAAANII IRRATTI GEESSISU WALIIN HAA ITTISNU!====== -(Bitoote...
23/03/2026

YAKKA ITTI FAYYADAMA BISHAAANII FI MIIDHAA INNI QABEENYA BISHAAANII IRRATTI GEESSISU WALIIN HAA ITTISNU!
======
-(Bitootessa 14/2018,Finfinnee)-
Qabeenyi bishaanii bu’uura jireenyaa fi misooma hawaas-dinagdee biyya tokkooti. Bishaan dhugaatiif, qonna, industiriifi fayyaa keessatti gahee olaanaa qaba. Haa ta’u malee, yeroo ammaa yakki itti fayyadama bishaanii bifa garaagaraatiin babal’achuun qabeenya kana irratti miidhaa guddaa geessisaa jira.

Qabeenyi bishaanii bishaan lafa irraa fi lafa jalaa of keessatti qabata. Bishaan sirnaan yoo itti fayyadamne guddina dinagdee, oomisha qonnaa, hojii uumuu fi fayyaa ummataa fooyyessuuf murteessaadha.

Garuu yakki itti fayyadama bishaanii irratti raawwatamaa jiru kanneen akka hayyama malee bishaan baasaanii fayyadamuu, sarara bishaanii cabsuun karaa seera maleessan fayyadamuu, bishaan xureessuu fi qabeenya mootummaafi ummataa qofaatti dhuunfachuun itti fayyadamuun babal’achaa jira.
Rakkoon kun keessumattuu magaalota garaagraa keessatti daran cimaa dhufeera. Sababiin isaa baayyina ummataa Magaalotatti dabalaa jiru faana fedhiin bishaanii garmalee olaanaa ta'aa dhufuusaati.

Addatti, Magaalaa akka Shaggar keessatti immoo babal’ina magaalaa saffisaan dabalaa jiruu fi hanqina bu’uuraalee bishaanii irraa kan ka’e rakkoon kun garmalee dabalaa waan jiruuf furmaata barbaada.

Yakki kun miidhaa hawaasummaa, dinagdee fi naannoo geessisa; ummanni bishaan qulqulluu dhabuun rakkoo fayyaa keessa seena, mootummaa irratti baasii dabalataa, akkasumas rakkoo bulchiinsa gaarii geessisa. Kanaafuu qindoomina qaama waloo barbaachisa.

Furmaanni isaa hubannoo hawaasaa guddisuu cinaatti, olaantummaa seeraa fi to’annoo cimsuu, teeknooloojii ammayyaa fayyadamuu fi hirmaannaa hawaasaa babal’isuun murteessadha.

Qabeenyi bishaanii kan hundaa keenya waan ta’eef itti gaafatamummaan itti fayyadamuun dirqama keenya hundaa ta'uu qaba.
Yakka itti fayyadama bishaanii ittisuun har’a keenya qofa osoo hin taane, jireenya dhaloota boruufis murteessaa t

Happy World Water Day!Sunday, March 22/2026A Water Diplomacy Forum, organized by the Ministry of Water and Energy, will ...
23/03/2026

Happy World Water Day!
Sunday, March 22/2026
A Water Diplomacy Forum, organized by the Ministry of Water and Energy, will be held from March 14 to 15, 2018 E.C. The forum will bring together local and international researchers who have accumulated experience in the field, ministers, media professionals, and various international guest.

 🌙 Hordoftoota Amantaa Musliimaa Maraaf Baga Ayyaana Iid Al-Faxiriin Isin Gahe!======= -(Bitootessa 92018)-Biiroon Bisha...
19/03/2026


🌙 Hordoftoota Amantaa Musliimaa Maraaf Baga Ayyaana Iid Al-Faxiriin Isin Gahe!
=======
-(Bitootessa 92018)-Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa hordoftoota amantaa Islaamaa biyya keessaafi addunyaarra jiraatan hundaaf ergaa baga Iidaa 1447ffaan baga geessanii gammachuu olaanaan dabarsa.

Ayyaanni kun kan nagaa, araaraa fi obbolummaa cimsu akka ta’u hawwina. Yeroo jaalala waliif qooduu, waliif dhaabbachuu fi tokkummaa jabeeffachuun itti mul’atu akka isinif ta’u abdatama.
Biiroon keenya hojii misooma bishaanii fi inarjii cimsuun jireenya hawaasaa fooyyessuuf yoomiyyuu caalaa ciminaan hojjechaa jira.

🌿 Irra deebi’uun baga isiniin gahe! Waliin nu gahe! Iidni kun kan nagaa, gammachuu, milkii, jaalalaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwina.
.

 !====== -(Bitootessa 7/2018)- Bishaan jireenya ilma namaatiif bu’uura. Garuu guddina uummataa, hojii dinagdee fi fayyad...
16/03/2026

!
======
-(Bitootessa 7/2018)- Bishaan jireenya ilma namaatiif bu’uura. Garuu guddina uummataa, hojii dinagdee fi fayyadama qabeenya uumamaa dabalaa dhufuun faalamni bishaanii addunyaa fi biyya keenyarratti rakkoo guddaa ta’aa jira.

Addunyaarratti faalamni bishaanii irra caalaa kan dhufu keemikaalota qonnaa, balfaa industirii, xurii magaalaa fi hojii albuudaa irraa yoo ta’u, kunis dhukkuboota akka koleraa fi taayifooyidii babal’isuun fayyaa uummataa irratti miidhaa guddaa geessisa.

Rakkoo kanaan kan walqabatu Bu’aa Qorannoo Godina Gujiitti gaggeeffame cuunfinee isiniif dhiheessina. Qorannoon kun Godina Gujii, Aanaa Oddoo Shaakkisoo gandoolee shan keessatti gaggeeffame maddoonni bishaanii sababoota adda addaatiin faalamaaf saaxilamanii akka jiran agarsiise.
Sababoota Ijoo Faalama Bishaanii kunneenis
• Hojii albuuda warqee
• Xurii industirii buna miicuu irraa bahu
• Balfaa magaalaa fi xurii adda addaa
• Keemikaalota qonnaa
• Daballii uummataa fi tajaajila qulqullina naannoo gahaa dhabuu akka ta'e qorannichi agarsiiseera.
Kunis hawaasni bishaan dhugaatii qulqulluufi nageenya qabu akka hin arganne taasisaa jira. Kanaafuu furmaata barbaada.

Furmaata-Rakkoo kana hir’isuuf:
• Maddoota bishaanii sirnaan eeguu fi misoomsuu
• Bosona deebisanii dhaabuu fi cirama bosonaa hir’isuu
• Hojii albuudaa fi industirii irratti to’annoo cimsuu
• Hubannoo hawaasaa tikfannaa bishaanii irratti guddisuu barbaachisaa akka ta'es qorannichi akka furmaataatti kaa'eera.

➡️ Bishaan qulqulluun bu’uura fayyaa fi misooma hawaasaati. Kanaaf maddoota bishaanii tikfachuun dirqama hundaati.
BBIO

Tekinoloojii Inarjii Haarofamaa: Tarsiimoo Soolaaraayizeeshinii  ====== -(Bitootessa 5/2018)_Addunyaa har’aa keessatti i...
14/03/2026

Tekinoloojii Inarjii Haarofamaa: Tarsiimoo Soolaaraayizeeshinii
======
-(Bitootessa 5/2018)_Addunyaa har’aa keessatti inarjii haarofamaa fayyadamuun furmaata misooma itti fufiinsa qabuuf murteessaa ta’aa jira. Keessattuu humni aduu (soolaarii) akka madda inarjii qulqulluu, hin dhumnee fi naannoo hin miineetti biyyoota hedduun bal’inaan fayyadamaa jiru.

Biyya keenya keessattis qabeenyi humna aduu guddaa waan jiruuf teeknooloojii soolaarii babal’isuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan Mootummaan Naannoo Oromia hanqina elektirifikeeshinii jiru furuuf Tarsiimoo Elektirifikeeshinii waggaa shanii (2026–2030) irra deebiin qopheessee hojiirra oolchuuf qophii xumuraa jira.

Tarsiimoon kun tajaajila elektirikii uummata bal’aaf geessuuf 65% sarara elektirikii (grid) fi 35% sirna sarara alaa (off-grid) fayyadamuun hojii bal’aa hojjechuuf karoorfameera. Keessumaa naannolee fagoo sararri elektirikii hin geenye keessatti teeknooloojii soolaarii furmaata ijoo ta’ee jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa faytadamummaa ummata naannichaa gama kanaan mirkaneessuuf tekinoloojii kana karaa adda ta'een babal'isuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira.

Sirnoonni soolaarii kunneen bakka saditti qoodamuun ibsamu. Isaanis:-
☀ Solar Home Systems – manneen jireenyaa keessatti ibsaa fi tajaajila elektirikii kennuuf kan oolu,
☀ Solar Mini-Grid – baadiyyaa hedduu keessatti fayyadama elektirikii waliiniif kan tajaajiluufi
☀ Solar Water Pumping – bishaan dhugaatii fi jallisiif kanneen oolanidha.
tajaajila hawaasaa babal’isuuf shoora olaanaa qabu.

Fayyadamni teeknooloojii soolaarii bu'aalee armaan gadii qabaata.
✔ Inarjii qulqulluu fi hin dhumne argamsiisa
✔ Baadiyyaa elektirikii hin qabne ibsaan wal qunnamsiisa
✔ Qonna jallisii fi hojii daldalaa jajjabeessa
✔ Carraa hojii uuma
✔ Naannoo faalamarraa eeguu keessatti gumaacha guddaa qaba.

Kanaaf Tarsiimoon Soolaaraayizeeshinii Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa 2019-24/ 2026–2030 qophaa'e kun baadiyyaa hedduutti ibsaa

  Bishaanii  Malkaa Bal'oo gandoota adda addaa keessatti Hirmaannaa ummataan Hojiin madda bishaan qotuu,Haroo qotuu/eela...
24/02/2026

Bishaanii
Malkaa Bal'oo gandoota adda addaa keessatti Hirmaannaa ummataan Hojiin madda bishaan qotuu,Haroo qotuu/eela qotuun tajaajila addaa addaa akka tajaajilu hojjatamaa jira.

Guyyaa 10/6/2018  Hojii Kurmaana Lammaffaa.~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~G/H/Bahaa Aanaa malkaa bal'ootti gamaagamni hojii...
17/02/2026

Guyyaa 10/6/2018
Hojii Kurmaana Lammaffaa.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
G/H/Bahaa Aanaa malkaa bal'ootti gamaagamni hojii kur.2ffaa Hoggansa waldaalee bishaanii fi I/g/Bu'uuraalee misooma gandaa waliin gaggeeffamee jira.Gamaaggama kanaan hanqinaalee jiruu fi ciminni jiru ilaalamee kallattiin hojii fuula duraas kennamee kan jiruudha.Gamaaggamicharratti BB I/g/Waajjira paartii Aanaa obbo kadiir Abdallaa Aragamuun Bishaan lubbuu akka taheefi Kunuunsa isaa irratti xiyyeeffachuun Ummata akka bishaan dhugaatii argatu gochuu akka qaban ergaa dabarsanii jiran.Kana malees Baraachisummaa fi Kallattii hojii xiyyeeffannoo fuula duraa kennanii jiran.

  Lubbuudha  malkaa Baaloo Ganda Tokkummaa bilisummaatti bufaata Bishaanii  boolla gadi fagoo Soolaar paampii Shawaabarr...
12/02/2026

Lubbuudha
malkaa Baaloo Ganda Tokkummaa bilisummaatti bufaata Bishaanii boolla gadi fagoo Soolaar paampii Shawaabarrii ji'a 8 oliif rakkoo boolla keessatti uumameen dhaabbatee ture Yeroo ammaa Tattaaffii cimaa rakkoo kana furuuf hojjatamaa tureen kireenii fiduun Hojii guyyaa lama keessatti hojjatameen rakkoon furamee jira.Ummanni ganda tok/bil baga gammaddan.

  Belo woreda Mulisa Haka Motorised scheme line Maintenance in Ifabas kebele after Finishing and Functionality.
06/02/2026

Belo woreda Mulisa Haka Motorised scheme line Maintenance in Ifabas kebele after Finishing and Functionality.

Sadaasaa 21/2018 'oo Magaalaa Bareedaatti Rakkoo Bishaan dhugaatii magaalichaa hundeerraa furuuf Koreen   Bishaanii orom...
30/11/2025

Sadaasaa 21/2018
'oo Magaalaa Bareedaatti Rakkoo Bishaan dhugaatii magaalichaa hundeerraa furuuf Koreen Bishaanii oromiyaa_Waajjira Bishaanii Godina Harargee Bahaa fi Bishaanii Aanaa Malkaa Balloo irraa walitti dhufuudhaan magaalaa teenyatti argamanii piroojektii Bishaanii keenya mootorarraa gara Soolaaraatti jijjiiruuf ragaalee barbaachisu hunda xumuruudhaan site selectioniis xumuruudhaan kallaattii kaayaniiti jiran.

Address

Melka Belo
Jaja

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Bishaani fi Inarjii A/M/Bal'oo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Bishaani fi Inarjii A/M/Bal'oo:

Shortcuts

Share