EMGOO Damee Jimmaa የኦሮሚያ የሙያ ብቃት ማረጋገጫ ኤጄንሲ ጅማ ቅርንጫፍ OOCAA Jimma Branch

  • Home
  • Ethiopia
  • Jimma
  • EMGOO Damee Jimmaa የኦሮሚያ የሙያ ብቃት ማረጋገጫ ኤጄንሲ ጅማ ቅርንጫፍ OOCAA Jimma Branch

EMGOO Damee Jimmaa የኦሮሚያ የሙያ ብቃት ማረጋገጫ ኤጄንሲ  ጅማ ቅርንጫፍ OOCAA Jimma Branch EMGOO DAMEE JIMMAA
(5)

19/08/2026
15/08/2026
Rabbi Lubbuu isaanii Jannataan haa qanasiisu  maatiif firoottan hundumaaf jajjabina haa Laatu !
11/08/2026

Rabbi Lubbuu isaanii Jannataan haa qanasiisu maatiif firoottan hundumaaf jajjabina haa Laatu !

# IBSA GADDAA

Hojjetaa Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa kan turan Obbo Warquu Kadir du’aan boqochuu isaaniitiin gadda guddaa nutti dhaga’ame ibsina.

Obbo Warquu Kadiir, Adoolessa 16 /1959 kan dhalatan yoo ta’u, Waxabajjii 18 bara 1980 irraa eegalee tajaajila mootummaa keessatti ramadamanii waajjiraalee mootummaa gara garaa keessatti hojii isaanii amanamummaa fi itti gaafatamummaa guddaadhaan hojjetaa turaniiru.

Haaluma kanaan, Waxabajjii 24/2006 irraa eegalee Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa keessatti makamuun, gitoota hojii gara garaa irratti ramadamanii waggoota hedduuf Tajaajila mootummaaf Misooma Ogummaa kan jedhu galchii bahaa turaniiru.

Hojii isaanii keessatti naamusa, itti gaafatamummaa, obsa, amanamummaa fi kutannoo qabaachuun, akkasumas hojjettootaa fi qooda fudhattoota waliin hariiroo gaarii uumuun kan beekaman Obbo Warquu Kadiir, Hagayya 05/2018 dhibee tasa isaan mudateen addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Obbo Warquu Kadiir abbaa ijoollee dhiiraa lamaa kan turan yoo ta’u, umurii isaanii waggaa 59ffaa irratti du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Du’a isaaniin maatii, firoottan, hiriyoota, akkasumas hawaasa Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa hundaaf gadda guddaa ta’eera. Keessumaa, tajaajila isaanii yeroo dheeraa keessatti Ejensii keenyaaf gumaacha isaan taasisaa turan yaadachuun, boqonnaa isaanii irraa kan ka’e gaddi nutti dhaga’ame guddaadha.

Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa du’a Obbo Warquu Kadiiritti gadda guddaa itti dhaga’ame ibsaa; maatii fi firoottan isaanii, akkasumas hiriyyoota, hojii fi hawaasa Ejensii keenyaaf jajjabina fi obsaa hawwa.

Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa
Hagayya 2018

Adoolessa 27/2018Duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa akka biyyaatti guyyaa har'aa gaggeeffamaa jiru irratti hojj...
03/08/2026

Adoolessa 27/2018
Duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa akka biyyaatti guyyaa har'aa gaggeeffamaa jiru irratti hojjettoonni Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa damee Jimmaa hirmaannaa taasisuun gahee isaanii bahataniiru !

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when EMGOO Damee Jimmaa የኦሮሚያ የሙያ ብቃት ማረጋገጫ ኤጄንሲ ጅማ ቅርንጫፍ OOCAA Jimma Branch posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to EMGOO Damee Jimmaa የኦሮሚያ የሙያ ብቃት ማረጋገጫ ኤጄንሲ ጅማ ቅርንጫፍ OOCAA Jimma Branch:

Shortcuts

Share