Jimma Zone Urban Development And Housing Office

Jimma Zone Urban Development And Housing Office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jimma Zone Urban Development And Housing Office, Government Organization, Jimma.

Gamaaggama Raawwii Hojiilee Kurmaana 2ffaa Magaalota Godina Jimmaa!       🌾🌾🌾Guyyaa har'aa Guraandhala 16/2016 raawwii h...
24/02/2024

Gamaaggama Raawwii Hojiilee Kurmaana 2ffaa Magaalota Godina Jimmaa!
🌾🌾🌾
Guyyaa har'aa Guraandhala 16/2016 raawwii hojiilee magaalota Godina Jimmaa 48'ttanii gamaaggamamaa oole. Gamaaggama kanaan, ciminaalee argaman akka galtee olaanaa tokkotti akka fayyadamnu, akkasuma hanqinaalee gurguddoo karoora xiiqii ballinaan eega ilaalamanii, yeroo gabaabaa nuuf hafe keessatti hanqinaalee kanneen fooyyeffachuun milkaa'ina galmoota karoora xiiqii miira kutannoof itti gaafatamummaan tumsuun akka milkeessinu woliigalteen marichi goolabameera.

24/02/2024
 Baga Gammanne Baga Gammaddan!     ******Fooramii Magaalota Itoophiyaa marsaa 9ffaaf Magaalaa Wolayttaa Sooddoorratti ga...
22/02/2024


Baga Gammanne Baga Gammaddan!
******
Fooramii Magaalota Itoophiyaa marsaa 9ffaaf Magaalaa Wolayttaa Sooddoorratti gaggeeffamaa tureen, ambaasaddara ta'uun kan hirmaachaa ture Magaalli Guddattuu Limmuu Gannat magaalota biyyattii baay'ina Ummataa 20,000 ol qaban keessaa sadarkaa 3ffaan xumuruun geebaafi woraqaa ragaa fudhatanii jiru Magaalota Naannoo Oromiyaa arfan carraa badhaasaa argatan keessaa tokko ta'anii jiru.
Baga Injifattan Baga Milkooftan!!

Fooramii Magaalotaa Itoophiyaa!      *****Fooramiin Magaalota Itoophiyaa Marsaa 9ffaan Magaalaa Wolayttaa Sooddootti gag...
20/02/2024

Fooramii Magaalotaa Itoophiyaa!
*****
Fooramiin Magaalota Itoophiyaa Marsaa 9ffaan Magaalaa Wolayttaa Sooddootti gaggeeffamaa jiru akkuma ittifufetti jira! Fooramii kanarratti Magaalota bakka bu'uun hirmaachaa kan jiru Magaalli Guddattuun Limmuu Gannat turtii hanga yoonaan imala milkiirra jirti.
Haaluma kanaan, daawwattoota garaagaraa- ministiroota dabalatee qaamolee Federaalaa, naannolee biyyattii, Godinootaafi magaalota garaagaraarra achitti argamaniin daawwatamuun ofis Jimmaanis beeksisaa jirti.
Guyyaa har'aammoo, magaalaa faana faaydaa woloof woliigaltee wolitti hidhamiinsaa raawwatanii jiru. Sochii Magaalli Limmuu Gannat taasisaa jirtutti ajaa'ibsifachuun daran akka cimaniif Magaalaan Shaggar karaa bakka bu'oota jaraatiin beekamtii laataniifii jiru.

Magaalaa Limmuu Gannat!    *****Godina Jimmaatti Magaalli Guddattuu Limmuu Gannat, Fooramii Magaalota Biyyalessaa Magaal...
17/02/2024

Magaalaa Limmuu Gannat!
*****
Godina Jimmaatti Magaalli Guddattuu Limmuu Gannat, Fooramii Magaalota Biyyalessaa Magaalaa Wolaayttaa Sooddootti gaggeeffamaa jiru irratti argamuun, qabeenyaa/horataalee qabduun ofiishees Jimmaanis beeksisuutti jiru. Turtii Gaarii Isiniif Hawwina!

Barjaa Seensa Magaalaa! !    πŸ’«πŸ’«πŸ’«πŸ’«  Aanaa Saqqaa Coqorsaa Mana Qopheessaa Magaalaa   barjaan Seensa Magaalichaa hojjatama...
04/02/2024

Barjaa Seensa Magaalaa!
!
πŸ’«πŸ’«πŸ’«πŸ’«
Aanaa Saqqaa Coqorsaa Mana Qopheessaa Magaalaa barjaan Seensa Magaalichaa hojjatamaa ture guyyaa har'aa- Amajjii 25/2016 irraa kaasee tajaajilaaf banaa taasifamee jira.

Very Interesting!
29/01/2024

Very Interesting!

       *******Godina Jimmaa Aanaa Guumay Mana Qopheessaa Magaalaa Toobbaatti daandiin dhakaa bocamaa (Koobilii) bajata m...
29/01/2024


*******
Godina Jimmaa Aanaa Guumay Mana Qopheessaa Magaalaa Toobbaatti daandiin dhakaa bocamaa (Koobilii) bajata mana qopheessaa baasii qarshii miliyoona 3'n hojjatamaa jiru saarkaa xumuraarra ga'ee jira. Daandiin dhakaa bocamaa agarsiiftuu guddina magaalotaa waan ta'eef magaalonni keenya biroon irraa barachuu qabuu. Magaalichatti dabaataan, paarkii ollaaf Oolmaa dargaggoo sadarkaa isaa eeggateefi daandii cirrachaa keessoo magaalaa km 20 hojjachuuf haalduree xumuuranii jiraachuu kantiibaan magaalichaa Obbo Naziif Ibraahim himanii jiru.

 !      ****Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa Mana Qopheessaa Magaalaa Sarbootti bara kana bu'uuraaleen misoomaa garaagaraa baj...
28/01/2024

!
****
Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa Mana Qopheessaa Magaalaa Sarbootti bara kana bu'uuraaleen misoomaa garaagaraa bajata magaalichaa, hirmaannaa Ummataafi deeggarsa Mootummaa Naannoo baasii qarshii mil. 46.2 oliin hojjatamaa jiara.

Ijaarsa mana barumsa bu'uura boruu, Ijaarsa Paarkii Ollaa, Ijaarsa Buufata Konkolaataa, haaromsa galma magaalichaafi Barjaa Seensa Magaalaa woliigala baasii qarshii Mil.26.2'n hojjatamaa jira. Sochii kanaan gaaffilee rakkoo bulchiinsa gaarii hawaasa magaalichaa deebisuun cinaatti, miidhaginaaf guddina magaalichaa saffisiisuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Kana malee magaalichatti, aguuggii bishaan dhugaatii hawaasa magaalichaa ol-guddisuuf kan tajaajilu, ijaarsi proojektii bishaan boolla gadi fagoo baasii Qarsh mil-20'n hojjatamuu eegalee jira. Bajanni kunis, %75 deeggarsa Mootummaa Naannoo, kan hafe bajata magaalichaafi hirmaannaa ummataatiin kan haguugamu ta'uu kantiibaan Magaalichaa Obbo Mahdii Kaliifaa ibsanii jiru.

Barjaa Ulaawwan Seensa Magaalaa!Magaalaa  !   ****  Aanaa Omoo Naaddaa Mana Qopheessaa Magaalaa Asandaabootti barjaan ul...
27/01/2024

Barjaa Ulaawwan Seensa Magaalaa!
Magaalaa !
****
Aanaa Omoo Naaddaa Mana Qopheessaa Magaalaa Asandaabootti barjaan ulaawwan magaalichaatti hojjatamaa turan xumuuramuun tajaajilaaf qaqqabee jira.

27/01/2024

Address

Jimma

Telephone

+251911995854

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jimma Zone Urban Development And Housing Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share