Zeynu Love

Zeynu Love Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Zeynu Love, Library, Jimma.

Waancaa Afrikaa 2021: Itoophiyaan hiree waancaa Afrikaa 2021 irratti hirmaachuu bal'ifatte❗️Taphoota gulaallii Waancaa A...
26/03/2021

Waancaa Afrikaa 2021: Itoophiyaan hiree waancaa Afrikaa 2021 irratti hirmaachuu bal'ifatte❗️

Taphoota gulaallii Waancaa Afrikaa kaleessa taasifamaniin, biyyoonni darbuu isaanii mirkaneessan torba adda bahaniiru.

Taphoota guyyaa Kamisaan Gaambiyaa, Komoros, Gaabon, Gaanaa, Masrii, Zimbaabweefi Ikuwaatoriyaal Giinii dorgommii Kaameroon qopheessitu irratti hirmaachuuf carraa argachuusanii mirkaneessaniiru.

Gaambiyaan biyya Angoolaa 1 fi 0'n mo'achuun yeroo duraatiif Waancaa Afrikaaf dabarteetti.

Asuma ramaddii D jalatti kana argamtu Gaaboon 3 fi 0n DR Kongoon mo'achuun biyya hirmaattu ishii biraa taateetti. Kanaanis Gaabon erga dorgommiin 2019 erga ishee jala tare booda, carraa waltajjii kanaatti deebiyuu argatteetti.

Obaamaayaang, Deenis Buwaangaa fi Aron Buwuppenzaa galchiiwwan sadan galchaniiru.

Itoophiyaan hiree waancaa Afrikaa 2022 irratti hirmaachuu bal'ifatte

Gama kaaniin ramaddii F jalatti kan argamtu Masriin ammoo qabxii ishee barbaachisu tokko tapha Keeniyaa wajjin gooteen argachuun darbuushee mirkaneessite.

Tapha Kamisa Naayiroobitti taphatameen biyyoonni lamaan 1 fi 1n gargar bahan.

Maqaa masoo Fari'oonota jedhamuun kan yaamaman gareen Masrii, Komoros wajjin qabxii walqixa tahe sagal qabu. Keeniyaan ammoo qabxii afuriifi Togoon ammoo qabxii lamaan dhumarra argamti.

Biyyoonni amma duratti carraa hirmaachuu hin arganne, erga 2019 as lakkoofsi biyyoota dorgomanii 16 irraa gara 24tti guddachuu isaan fayyadamoo tahaniiru.

Ramaddii C keessaa ammoo Afrikaa Kibbaa wajjin 1 fi 1n kan adda baate Gaanaan, dorgommichatti makamuushee mirkaneessite.

Gama kaaniin Zimbaabween 1 fi 0n Botiswaanaa mo'atteetti. Aljeeriyaan ammoo ramaddiidhuma kana keessaa Zaambiyaa wajjin 3 fi 3n walqixa bahan. Kanaanis Zimbaabwee fi Aljeeriyaan ramaddii kana keessaa dabraniiru.

Gama kaaniin ammoo galchii Emiliyoo Nisuu lakkoofsiseen Taanzaaniyaan kan mo'atte Ikuwaatoriyaal Giiniin, dorgommichatti makamuu mirkaneessite.

Liibiyaa 2 fi 5n kan mo'atte Tuniziyaan durumayyuu darbuushee mirkaneessiteetti. Gareen Liibiyaa galchii hedduun mo'amanis, uggura ganna torbaan booda biyyi isaanii dirreessaanirra taphachuu arguu isaaniitiin gammadaniiru.

Dorgommii Kaameroon qopheessitu kanarratti gareen hirmaachuuf darban walakkaa ol baramaniiru.

Komoros, Gaabon, Gaambiyaa, Gaanaa, Masrii, Zimbaabwee, Ikuwaatoriyaal Giinii, Aljeeriyaa, Burkinaa Faasoo, Giinii, Maalii, Senegaal, Tuniiziyaa fi biyyi qopheessitu Kaameruun dorgomuuf dabruu isaanii ya mirkaneessan.

Itoophiyaan hoo abdii akkamii qabdi?

Gulaallii kanaan Ayivorii Kost, Maadagaaskaar fi Niijer wajjin kan ramadamte Itoophiyaan, marroo duraan Madagaaskaariin 1fi 0n mo'amtee kan turte oggaa tahu, tapha ittaanee Baahirdaaritti taphatameen Ayivorii Koostiin 2 fi 0n mo'atteetti.

Achiis gara Niijaritti imaluun 1 fi 0n mo'amanis, tapha lammeessoon ammoo 3 fi 0n injifataniiru.

Achiis Baahirdaaritti Maadagaaskaar keessummeessuun 4 fi 0n injifachuun, ramaddii kana qabxii sagaliin dursaa jiru.

Ramaddii kana keessa taphni murteessaan jedhamu kan Ayivorii Kost fi Nijer gidduutti adeemsifamu oggaa tahu, Ayivoorii Kost kan mo'attu taanaan Itoophiyaan sadarkaa lammaffaatti gadi buuti.

Taphicha Nijar kan mo'attu yookiis walqixa kan xumuramu taanaan, Waaliyaawwan sadarkaa tokkoffaarra turuun tapha xumuraasaanii taasisu.

Gareen Itoophiyaa tapha xumuraasaanii, Bitootessa 30, 2021 Abijaanitti taasisu.

Itoophiyaan Ayivoorikostiin kan mo'attu yoo tahe Waancaa Afrikaa irratti hirmaachuushee kan mirkaneessitu oggaa tahu, taphni Maadagaaskaariifi Nijer gidduutti taasifamus, mo'icha Nijerin obba'a taanaan, Itoophiyaan carraa dabruu guddoo argatti.

Maqaa masoo Waaliyaawwan jedhamuun kan yaamaman gareen biyyaaleessaa Itoophiyaa, tapha xumuraaf gara Ayivoorikoost guyyaa Jimaataa imalaniiru.

MM Abiy Ahimad taphattoonni garee biyyolessaa ''kanneen naannoofi garee garagaraarraa walitti dhufuun, kaayyoo tokkoof taphachuun mo'ichi argamsiisan fakkeenya guddaadha,'' jedhan. Bu'aa haga ammaa argamsiisan dinqisiifachuun, tapha ittaanuufis milkaa'ina hawwaniiruuf.

Taphni Waancaa Afrikaa marroon 33ffaa weerara koronaavaayirasiif jecha waggaa tokkoon achi siquunsaa ni yaadatama.

Horn Affairs

Finfinne City ❤💚❤
26/03/2021

Finfinne City ❤💚❤

مشهءالله تبركالله bultii rabbi isin haa badhaasu pega kana like godha
23/03/2021

مشهءالله تبركالله bultii rabbi isin haa badhaasu pega kana like godha

29/05/2020
23/05/2020

Eid Mubarak all Muslims

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Zeynu Love posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category