Jimma City Communication

Jimma City Communication Community Mobilazation

03/06/2026

“Karoorri humnoonni badii nageenya uummataa gooluuf qopheessan tumsa uummataafi qindoomina qaamolee nageenyaan fashalaa’eera” Obbo Hayiluu Addunyaa
~~~~

Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressuun injifannoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irraan ga’uuf akka duudhaafi safuu Oromootti waamicha taasisaa tureen humnoonni hidhatanii Bosona turan hedduun galuun balbala qabsoo karaa nagaaf banametti fayyadamuu isaanii hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru.

Kanaanis Oromiyaatti qilleensi nagaan qilleensa’ee hojiilee misoomaa fuula duratti tarkaanfachiisuun kan danda’ame ta’uu himaniiru. Haata’u malee, humnoonni shororkeessaa Shanee balbala qabsoo karaa nagaa diduun bosonatti hafan hojii shororkeessummaa isaanii itti fufuun uummata nagaa irratti gocha gara jabinaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Humnoonni badii kunneen filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa danquuf ergama fudhatanii hojjechaa kan turan ta’us, uummanni sodaachisaafi dhaadannoo shorkeessitootaan osoo hin daangeffamin ba'ee sagalee isaa kennuun filannichi milkaa’uu himaniiru. Humnootni shororkeessaa filannoo danquuf karoorri qopheessan dambalii uummataa uumameen kasaaraan irra ga’uu hordofee, uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo ba'annaarratti bobba’anii jiraachuu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Gochi badii torbanuma kana keessa Godina Arsii Aanaa Asakootti bifa gara jabina qabuun uummata nagaa irratti raawwatame humna shororkeessaa Shaneetiin ta’uu kan ibsan obbo Hayiluun badiin lubbuu namaa, qabeenya uummataafi mootummaarra ga’uus himaniiru.

Humnoonni kasaaran kunneen gocha badii isaanii uummata nagaa irratti raawwachuun haaloo ba’uuf yaalanis karoorri isaanii guutummaatti akka hin milkofneef mootummaan humnoota nageenyaa bobbaasuun badiin dabalataa akka hin qaqqabne taasisuun karoora diinni walfixiinsa uummataa amantaa da’oo godhate uumuuf wixineesse fashaleessuun kan danda’ame ta’uus obbo Hayiluun ibsaniiru.

Mootummaan humnoota nageenyaa karaa qindaa'aa ta'een bobbaasuun shororkeessitoota ajandaa siyaasaa harkatti kasaareen uummataarratti haaloo ba'uuf bobba'an adamsee tarkaanfii madaalawaa fudhataa jiraachuu kaasuun, yeroo ammaa kanas hojiin namoota qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaa’an deebisanii dhaabuufi qabeenya barbadaa’e bakkatti deebisuu hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Mootummaan itti fufiinsaan hojii nageenya waaressuu kan hojjetu ta’uu himuun, Uummatnis caasaalee nageenyaa waliin ta'uun nageenya isaa akka mirkaneessu waamicha taasisaniiru.

03/06/2026
03/06/2026

"Itoophiyaa keessatti dimokiraasii cimsuuf tattaaffiin taasifamaa jiru jajjabeessaadha" Garee Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afrikaa
~~

Hogganaan garee taajjabdootaa Gamtaa Afrikaafi preezdaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa hojii mootummaan Itoophiyaa sirna dimokiraasii cimsuuf hojjeteef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Adeemsi filannoo marsaa 7ffaa Itoophiyaan geggeessite bu’uura seera Itoophiyaafi Idil-addunyaatiin gaggeeffamaa akka ture taajjabbii isaaniin kan adda baafatan tahuu kan ibsan Keeniyaattaan, Gamtaan Afrikaa jala bultii filannoo irraa eegalee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii bal’aa taasisaa akka tures yaadachiisaniiru.

Barnoota filattotaa ilaalchisee, uummanni akkaataa itti sagalee kennuu danda’u irratti hubannoon sirrii ta’e kennamuufiin filattotaaf haala mijataa kan uume ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan garee taajjabdootaa kun akka ibsanitti, teknooloojii fayyadamuunis keessumaa dargaggootaaf carraa guddaa kan uume ta’uu ibsanii, yeroon sagalee kennuu dheerachuun filattotaaf carraa dabalataa kan uume ta’uufi qaama miidhamtootaafi maanguddootaaf dursi kennamuun hirmaannaa lammiilee haalaan akka dabalu taasisuu eeraniiru.

Qondaaltonni filannoofi qaamoleen nageenyaa guutuu Itoophiyaa keessatti argaman itti gaafatamummaa isaanii haala gaariin ba’uu isaanii, akkasumas miidiyaaleen hojii isaanii miira itti gaafatamummaa wal fakkaatuun raawwachuufi hundaa ol hirmaannaa ummanni Itoophiyaa filannoo kanarratti taasisaniif Keeniyaattaan aaniif galateeffataniiru.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

Itoophiyaanotni filataniiru; Itoophiyaan injifateetti!Ijaarsi sirna dimokirasii hirmaannaa uummataan dhugooma. Imalli ij...
03/06/2026

Itoophiyaanotni filataniiru; Itoophiyaan injifateetti!

Ijaarsi sirna dimokirasii hirmaannaa uummataan dhugooma. Imalli ijaarsa biyyaas imaammata, tarsimoofi sagantaa uummatni sagalee isaatiin filateen kan milkaa'uudha. Kunis galma guddaa ijaarsa sirna dimokirasii keessatti mootummaan kan ijaaramu uummataan uummataaf uummata keessaa ta'uu kan mirkaneessuudha.

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa gaggeeffameenis Sabootni, Sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa filataniiru.

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaatiin imalli ijaarsa sirna dimokirasii gara olka'iinsaatti kan ce'e yoo ta'u kanaafis uummatni sagalee isaa kenne aarsaa kaffaluun boqonnaa haaraan akka saaqamu taasise.

Deemsi filannoo kunis dimokirasummaa isaatiin olitti uummatni sirna ofii ijaarrachuun dantaa isaa roga hundaan mirkaneessuuf kutannoo qabachuu isaatiif agarsiiftuu guddaadha. Boqonnaa haaraa kanaanis Itoophiyaanotni filachuun Itoophiyaa injifachiisuu danda'aniiru.

Jiraattotni Magaalaa Jimmaas Caamsaa 24/2018 murteessummaa sagaleen isaanii ijaarsa biyyaa keessatti qabu hubachuun halkan saa'atii 10:00 irraa eegaluun gara buufata filannootti deemanii hiriiranii qorra,aduu akkasumas beelaafi dheebuu hunda obsaa fi cichoominaan danda'anii dhabbachuun, dabaree isaanii eeggatanii karaa nagaaafi dimokiraatawaa ta'een bilisumma guutuun sagalee isaanii kennuun filatanii jiru.

Adeemsa Filannoo kana keessatti qaamaan miidhamuun, da'umsi, daa'imnii, dhukkubnii fi dadhabbiin kamiyyuu osoo isaan hin daangessin filannoo kanaaf dursa kennuun gootummaan agarsiisaniiru.

Dhugumaan "Itoophiyaanotni filataniiru; Itoophiyaan injifatteetti!" kan nama jechisiisu akka ta'es hubachuun danda'ameera.

02/06/2026
02/06/2026

Itoophiyaanotni filataniiru; Itoophiyaan injifateetti!
= =

Ijaarsi sirna dimokiraasii Mootummaa qofaan osoo hin taane, hirmaannaa uummataa bal'aan kan dhugoomu yoo ta'u, Uummanni Mootummaa isaaf ta'u filachuu, yaada isaa bilisaan ibsachuu, akkasumas hojii Mootummaan hojjetamu irratti hirmaannaa cimaa taasisuun sirna dimokiraasii jabaa bu'uuressuu keessatti qooda guddaa qaba.

Kanaafuu, dimokiraasiin dhugaa hirmaannaa uummataa irraa madduun misooma biyyaa saffisiisuun guddina diinagdee biyyaa humneessee sagalee uummataatti kabaja kan horuufi filannoo bilisaafi haqa qabeessa keessatti qooda fudhachuun, hojii misoomaa keessatti hirmaachuun biyya badhaateefi walqixxummaan lammiilee keessatti mirkanaa'e ijaara. Uummanni sagalee isaa sirnaan fayyadamee egeree biyyaasaa murteessa; Mootummaan haala kanaan filames milkaa'ina biyyaatiif karaa saaqa.

Imalli ijaarsa biyyaas imaammata, tarsimoofi sagantaa uummanni sagalee isaatiin filateen kan milkaa'udha. Kunis galma guddaa ijaarsa sirna dimokirasii keessatti mootummaan kan ijaaramu uummataan uummataaf uummata keessaa ta'uu kan mirkaneessudha.

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa biyyi keenya Itoophiyaan gaggeessite irrattis Saboonni, Sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa filataniiru. Kanaanis imalli ijaarsa sirna dimokirasii gara olka'insaatti kan ce'e yoo ta'u, kanaafis uummanni sagalee isaa kenne aarsaa kaffaluun boqonnaa haaraan akka saaqamu taasiseera.

Deemsi filannoo kunis dimokirasummaa isaatiin olitti uummanni sirna ofii ijaarrachuun dantaa isaa roga hundaan mirkaneessuuf kutannoo qabachuu isaatiif agarsiiftuu guddaadha. Boqonnaa haaraa kanaanis Itoophiyaanonni filachuun Itoophiyaa injifachiisuu danda'aniiru.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

01/06/2026

የኢትዮጵያ ሕዝብ አስደናቂም ተአምረኛም ሕዝብ ነው። ከፈጣሪ በቀር ሕዝባችንን አሟልቶ ሊያውቅና ሊገመግም የሚችል ማን ነው? የዳበረ ባህል፣ ሀገር ወዳድና የወል መሻቱን መጠበቅ የሚችል ሕዝብ መሆኑን በዘንድሮው ምርጫ ዳግም ለዓለም አሳይቷል። በዛሬው ታሪካዊ ዕለት፡-

• የሌሊቱ ብርድና ጨለማ ያላስፈራቸው፣
• የቀትሩ ፀሐይና ድንገተኛ ዝናብ ያልበገራቸው
• ሠርግ፣ ኀዘን፣ ወሊድና ሌሎች ማኅበራዊ ሁነቶች ያላገዳቸው፣
• ረጃጅም ሰልፎች ያላታከታቸው፣
• የአካል ጉዳት ድምጽ ለመስጠት ያልገደባቸው፣
• ሕመም እና እርጅና የሀገር ተስፋን ከማየት ያላገዳቸው፣
• የነገ ሀገር ተረካቢ ጨቅላ ልጃቸውን ማዘል ያላደከማቸው፣
• ከምንም በላይ የጠላት ጩኸትና ማስፈራሪያ ያላስቆማቸው ዜጎች፤

በብዙ ውጣ ውረዶች መካከል (against all odds) ያሳያችሁት ጽናት ለዴሞክራሲና ለሀገር ሕልውና የተከፈለ ነውና ከልብ የመነጨ ምስጋና ይገባቸዋል፡፡

ይሄንን ሕዝብ ማገልገል መታደል ነውና ተመራጮች ያከበራችሁን አክብራችሁ ለዴሞክራሲ ሥርዓት ዋጋ የከፈለውን ይሄንን ሕዝብ በንጽሕና ለማገልገል ያብቃችሁ።

Uummanni Itoophiyaa dinqisiisaafi ajaa'ibsiisaadha! Uumaa malee uummata keenya guutummaan beekuufi gamaaggamuu kan danda'u eenyu? Aadaa gabbataa, uummata biyya jaallatuufi fedhiisaa waloo eeguu danda'u ta'uusaa filannoo baranaatiin irradeebiidhaan addunyaatti agarsiiseera. Guyyaa seena-qabeessa har'aatiin:
- Qorriifi dukkanni halkani kan isaani hin sodaachifne,
- Aduun saafaafi bokkaan tasaa kan isaan jilbeenfachiifne,
- Cidhi, gaddi, da'umsiifi taateewwan hawaasummaa kanbiroon kan isaan dhorkine,
- Hiriironni dhedheeroon kan isaan hin nuffisiifne,
- Qaama miidhamtummaan sagalee kennuuf kan isaan hin daangessine,
- Dhukkubniifi dullumni abdii biyyaa arguuf kan isaan hin dhowwine,
- Daa'imasaanii kichuu bor biyya dhaalu baatanii filuun kan isaan hin dadhabsiifne
- Hundumaa caalaa lammiilee iyyiifi sodaachiifni diinaa isaan hin dhaabsifne,
Ciminni bu'aa bayii hedduu keessatti agarsiiftan gatii diimokraasiifi jiraachuu biyyatiif kanfalame waan ta'eef galata guddaatu malaafi.

Uummata kana tajaajiluun carroomuu waan ta'eef filatamtoonni warra isin kabajan kabajjanii uummata sirna diimookraasiif gatii baase kana qulqullummadhaan tajaajiluuf isin haa gahu.

The people of Ethiopia are an extraordinary and remarkable people. Other than the Creator, who can truly know and assess our people in their entirety? Through this year’s election, Ethiopians have once again shown the world that they are a people with a rich culture, deep patriotism, and the ability to safeguard the common good.

On this historic day:

* Citizens who were not intimidated by the cold and darkness of the night,
* Who were not deterred by the midday sun or sudden rain,
* Whom weddings, funerals, childbirth, and other social obligations did not prevent from participating,
* Who were not wearied by long lines,
* Whose physical disabilities did not stop them from casting their vote,
* Those whose illness and old age did not prevent from witnessing the hope of their country,
* Who were not exhausted by carrying their infant children; the future inheritors of the nation,
* And above all, whom the shouting and threats of enemies could not intimidate or stop;

The perseverance you demonstrated amid many challenges and hardships, against all odds, was a contribution made for democracy and for the very survival of the nation. For this, you deserve heartfelt gratitude.

It is a privilege to serve such a people. Therefore, may those who have been elected honor the trust placed in them and serve this people, with integrity and sincerity! A people who have paid a great price for the democratic system. May you be worthy of that responsibility.

Sagaleen ummataa ijaarame biyya ijaara. Jimmaa, Caamsaa 24/2018 (WKMJ)Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti sagalee kennuun kara...
01/06/2026

Sagaleen ummataa ijaarame biyya ijaara.

Jimmaa, Caamsaa 24/2018 (WKMJ)
Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti sagalee kennuun karaa nagaafi bilisaan ittifufeera.

Ummanni qaama bakka isa bu'u amanee yoo filate sagalee isaan biyya ijaara.

Biyyi tokko biyya kan jedhamtu yoo Mootummaa mataa ishee qabaatteedha. Mootummaan immoo sagalee lammiilee biyyattiin yoo filameedha.

Bu'uuruma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti jiraattonni barii barraaqaan kahanii Mootummaa biyyaafi ummataaf hojii gaarii hojjata jedhanii itti amanan karaa ifaafi bilisa taheen filataa jira.

 !Jimmaa, Caamsaa 24/2018 (WKMJ)Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa guyyaa har'aa gaggeeffa...
01/06/2026

!

Jimmaa, Caamsaa 24/2018 (WKMJ)
Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa guyyaa har'aa gaggeeffamaa jiru irratti jiraattonni magaalichaa barii sa'aatii 12:00 irraa eegalee buufataalee filannoo magaalicha keessa jiran hunda irratti sochii ho'aan bakka bu'aa isaanii filachuuf karaa dimokiraatawaafi naga qabeessa ta'een sagalee isaanii kennaa jiru.

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jimma City Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share