Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Botor Xoollaay

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Botor Xoollaay Bara 2022 ALI tti kenna tajaajilaa kenninuun waajjira Alangaa akka Godina Jimmaatti fakkeenyummaa qabu ta'ee mul'achuufi.

16/05/2026

MURTII BARSIISOO YAKKA BOBA'AA SEERAAN ALA GEEJJIBSIISUUN WALQABATEE KARAA RADIO OBN UMMATA QAQQABE.

09/05/2026

Oolmaa dhaddachaa Eebla 30/2018. Himatamaan yakka gowwomsuu raawwate adabbii hidhaa fi maallaqaan adabame. kunis himatamaan maqaan isaa Mogos Andaargee jedhamu Godina Jimmaa Aanaa Botor Xoollaay Ganda Garaangaraa bakka addaa Oomisha sanyii filatamaa jedhamee waamamutti gaafa guyyaa 24/8/2018 guyyaa keessaa tilamaamaan sa'aatii 8:00 yammuu ta'utti obboleessa isaa mr 'Y' jedhamutti bilbiluun namoonni ani hin beekne na ukkaamsanii waan akka urgooftuu/sh*ttoo natti dibuun of na wallaalchisuun bajaajii keessa na buusanii na fuudhanii deemuun qarshii 100,000(Kuma dhibba tokko) na gaafatanii jiru naaf ergi jechuun osoo hin uggaramin uggurameera jechuun sobee dhabamee maatiin isaa fi qaamni nageenyaa isa barbaada turanii gaafa guyyaa 26/8/2018 galgala keessaa tilamaamaan sa'aatii 2:00 yammuu ta'u Godina Jimmaa Aanaa Botor Xoollaay Ganda Laga Botor Bakka addaa Masgiida jedhamee waamamutti osoo gara mana maatii isaa galaa jiruu waan qabameef jechuun eeruun dhiyaatee Poolisii fi Abbaan Abbaan Alangaa waliin ta'uun galmee qorachuun, erga Abbaa Alangaa qaqqabee booda himannaa isaa Seera Yakkaa FDRI bara 1996 bahe Keewwata 692/1 jalatti mana Murtii Aanaa Botor Xoollaayitti irratti hundeessuun himatamaanis dhaddachatti dhiyaachuun gocha yakkaa ittiin himatame guutumaa guutuutti waan amaneef bu'uuruma inni amaneen Abbaan Alangaa yaada kennaniin murtiin balleessummaa bu'uura S/D/F/Y kewt 134/1 tiin akka itti nuuf kennamu jechuun gaafataniiru. Manni murtiis keewwatuma himatame jalatti balleessaa qabda jechuun himatamaa ni barsiisa, kaayyoon seera yakkaas galmaan ni gaha, hawaasaa waliigalaas ni akeekkachiisa kan jedhu hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji'a 2 fi adabbii maallaqaa qarshii 2000 tiin adabeera. Karaa dalgaa doroomuun yakka waan ta'eef irraa of-haa qusannuun dhaamsa WWAABX

07/05/2026

Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa manaa ragaa ofirraa hinqabu yoo ta’e qaama aangoo qabu biratti waan galmaa’eef qofa fudhatama hinqabu.
Dh Ijb MMWF glm Lkk 57356(Jld 12)

01/05/2026

Daa’imatti tajaajilamuun (exploitation of child labour) yakkadha. Daa’imman firaa ykn karaa faddaalaa fudhattanii warri mana keessa hojjechiifattan eeggadhaa! Labsii Lkk 1178/2012 kwt 3(1) : Dh Ijbt glm Lkk 178494 (jld 28).

Guyyaa Har'aa Gaafa 19/8/2018 hubannoon Dambii Ijaarsa Seeraan Alaa Dambiin booda Lafa magaalaa Naannoo Oromiyaa Sirna q...
27/04/2026

Guyyaa Har'aa Gaafa 19/8/2018 hubannoon Dambii Ijaarsa Seeraan Alaa Dambiin booda Lafa magaalaa Naannoo Oromiyaa Sirna qabsiisuuf bahe lakk 259/2018 irratti qaama dambicha hojiirra oolchuuf angoomaniif gara Abbaa Alangaatiin hubannoon kennameeraaf.

25/04/2026

Oolmaa Dhaddachaa Galmee RTD
Himatamoonnii Bu'aalee Boba'a fi Bu'aa Bosonaa geejjibsiisaa turan Adabamaan................... Himatamoonnii Maqaan isaanii 1/.Miftaa Olii 2/. Huseen Maansuur Jedhamaan konkolaachisaa fi gargaaraa konkolaachisaa ta'anii konkolaataa Siinoo Tiraakii lakk.Gabatee isaa 22260 ET. ta'een 1/ Beenzila liitira 890 2/ Naafxaa Liitira 40 3/xaawulaa kifafii 289 ta'e Giddugaleessaa Etoophiyaa Magaalaa Daargee irraa fe'anii gara Godina Jimmaa Aanaa Coraa Botor osoo geessaa jiranii Aanaa Botor Xoollaay ganda Yaatuu Dhayee iddoo addaa keellaa Laga gibeetti sakatta'insa taasifameen waan qaba meef Eeruun Waajjira Poolisii Aanaa Botor Xoollaaytti dhiyaatee Abbaan Alangaa fi Qorataan Poolisii eeruu dhiyaate qorachuun galmee ragaan deeggaruun gara Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Botor Xoollaaytti dabarsuun Abbaan Alangaa Aanaa Botor Xoollaay galmee dhiyaateef ilaaluun himannaa himatamoota lamaan irratti tarree himannaa 1ffaa jalatti bu'uura labsii Bittaa fi gurgurtaa Bu'aalee Boba'aa Mootummaa Federaalaa lakk 1363/2017 kee.8/1 fi kew.25/5 irraa darbuun himannaa kan irratti dhiyeesse yoo ta'u Tarree himannaa lammaffaa irratti labsii Misooma Bulchiinsaa fi itti Fayyadama Bosona Naannoo Oromiyaa Murteessuuf baye lakk.257/2016 kew.34/9 fi kew.35/7 jalatti himannaa kan irratti dhiyeesse yoo ta'u Himatamoonnii Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaaytti dhiyaatanii jecha kennaniin yakka keewwata lamaan jalatti ittiin himatamaan guutumaan guututti waan amananiif bu'uura jecha Amantaa isaaniin keewwata lamaan jalatti balleessaadha jechuun murtii balleessummaa itti kennuun yaada adabbii Salphisu bitaaf Mirga irraa fuuchuun keewwata lamaan jalatti adabbii kenne walitti ida'uun himatamoota kanaas ta'e fakkaattota isaanii ni barsiisa kan jedhee itti amane gaafa guyyaa 16/08/2018 irraa eegalee Kan lakkaawwamu Adabbii hidha cimaa Waggaa lamaaf baatii Sagalii fi Adabbii Maallaqa qarshii kuma dhibba Tokko, Mataa Mataan akka Adabamaan Itti murteesseera. Akkasumaas Ciraan qabame Mootummaaf ga lii akka ta'u ajajeeraa.

Oolmaa Dhaddachaa! *****Himatamaan boba'aa seeraan alaa osoo geejjibsiisuu qabame hidhaa cimaa fi adabbii maallaqaan ada...
23/04/2026

Oolmaa Dhaddachaa!
*****
Himatamaan boba'aa seeraan alaa osoo geejjibsiisuu qabame hidhaa cimaa fi adabbii maallaqaan adame.
Ebla 15/2018, Aanaa Botor Xoollaay, Waayyuu
*****
Godina Jimmaa Aanaa Botor Xoollaayitti himatamaan maqaan isaa Takla'aab Kaasaayee G/Mikaa'el jedhamu, Godina Jimmaa Aanaa Botor Xoollaay
Ganda Yaatuu Dhaayee iddoo addaa kellaa To'annoo laga Gibee jedhamee waamamutti gaafa guyyaa 11/6/2018 ganama keessaa tilmaamaan sa'aatii 12:00 yammuu ta'utti boba'aa seeraan alaa baay'inni isaa beenzila leetira 8,000(Kuma saddeet) fi naafxaa 8,000(Kuma saddeet) walumaa galatti boba'aa gosa gara garaa leetira 16,000(Kuma kudha ja'a) ykn barmeela 80 ta'u tilmaamaan qarshii 2,088,480(miliyoona lamaa f kuma saddeettamii saddeetiif dhibba afuriif saddeettama) baasu Waraqaa Ragaa Mirkaneessa Istaandaardii(Kalibirashinii) otoo hin qabatin osoo geejjibsiisaa jiruu qaamolee nageenyaan to'annaa jala oolee, Waajirri Poolisii fi Abbaan Alangaa Aanichaa waliin ta'uun galmee qorachaa turan erga xumuraniin booda galmeen Abbaa Alangaaf ergamee, Abbaan Alangaa Aanaa Botor Xoollaay galmee ilaaluun himannaa isaa labsii bittaa fi gurgurtaa bu'aalee Boba'aa mootummaa federaalaa Lakk.1363/2017 Keewwata 8/1 fi 25/5 jalatti hundeessuun,himannaa isaa Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaayitti gaafa guyyaa 16/6/2018 banuun falmiin adeemsifamaa edda tureen booda manni murtichaas ragaa Abbaa Alangaa dhaggeeffachuudhaan himannichis himatamaa irratti bu'uura himanna dhiyaateen waan mirkanaa'eef keeyyatuma himannaan ittiin dhiyaate jalatti akka ofirraa ittisu ajajeera.
Haaluma kanaan himatamaanis ragoota ittisaa isaa dhiyeeffatee dhageessifatus himannaa yakkaa kana irraa ittisuu waan hin dandeenyeef Manni Murtii Aanaa Botor Xoollaay dhaddacha gaafa guyyaa 15/8/2018 ooleen addabbii himatamaa kana ni barsiisa, fakkaattota isaas ni akeekkachiisa, hawaasaafis hubannoo kenna jedhee itti amane hidhaa cimaa waggaa 2 fi baatii 9 fi adabbii maallaqaa qarshii 100,000(Kuma dhibba tokkoot)tiin akka adabamu murtii dabarsee jira. Tilmaamni boba'aa qabamees gurguramee Mootummaaf akka galii ta'u murtaa'eera.
Daldala seeraan alaarraa of qusadhaan ergaa waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Botor xoollaayiiti.

11/04/2026

Namni Mana Jireenyaa Gurguruuf Aangoo Bakka Bu'ummaa Argate (Qabu) Qabeenyicha Wabummaadhaan Qabsiisee Baankii Irraa Faayidaa Ofiitiif Maallaqa Liqeeffachuu Ni Danda'aa? Manni Maree Federeeshinii Maal Jedhe?

===√√√====√√√√√====√√√√√√√√

Manni Maree Federeeshinii FDRI yaa'ii idilee 1ffaa gaafa 27/01/2018, bara hojii 5ffaa, bara paarlaamaa 6ffaa Lakk.Ga.129/6 irratti, Iyyattuu:-Aadde Alam Yimarifi Waamamtoota:-1.Zalaalam Asmaareefi 2.Baankii Birhaan W.A. gidduutti taa'ee tureen murtii kenne keessatti:

👉Iyyataan mana falmiif sababa ta'e waamamaa 1ffaa ammaa nama bakka bu'aa isaa ta'e akka gurguru, jijjiirufi garee 3ffaadhaaf akka kennu kan dandeessisuufi aangoo bakka bu'ummaa waliigalaa kan qabu ta'uun sanada bakka bu'ummaa sanirraa manneen murtii jalaa kan mirkaneeffatanidha.

👉Waamamaa 1ffaan ammaa kaartaa manichaa qaama mootummaa ilaallatu irraa mallatteessee fuudhuun manicha akka gurguruuf, jijjiiruufi garee 3ffaadhaaf akka dabarsuuf; kanarra darbuunis kennaadhaan akka dabarsuuf bakka bu'ummaan kan kennameef waan ta'eef mana iyyataa ammaa qabsiisee maallaqa liqeeffachuun isaa aangoo bakka bu'ummaarra kan darbe miti.

👉Waamamaa 1ffaan ammaas bakka bu'ummaa kana irratti hundaa'uun mana qabeenyummaan isaa kan iyyataa ta'e wabummaan qabsiisee maallaqa liqeeffateera. Waamamaa 1ffaan aangoo bakka bu'ummaa mana gurguruufi jijjiiruuf isa dandeessisu erga qabaatee aangoo kanaa gadi ta'e, mana qabsiisuun maallaqa liqeeffachuu, bakka bu'ummichi ni dhorkaan jechuun hin danda'amu.

👉Haala kanaan, aangoo kennameefii gaditti fayyadamee mana qabsiisuun baankii irraa maallaqa liqeeffachuun mirga abbaa qabeenyummaa iyyataa ammaa kan sarbu miti jechuudhaan, Heera Mootummaa kwt 40fi SHH kwt 3049(2) wabeeffachuun, yaada murtii Gumiin Calaltuu Heeraa hiikkoo Heeraa ni barbaachisa jechuun sagalee caalmaatiin dhiyeesse kuffisee sagalee guutuudhaan hiikkoon hin barbaachisu jechuun cimseera.

Desalegn B.

10/04/2026

🙏Murtii haaraa Dhaddacha Ijibbaataa Abbootii Seeraa 7 (Torba) ta’aniin Kenname; Lakk. Galmee 246230.🙏

👉Murtii kanaan dura Lakk. G. 186946 irratti, ‘‘Iddoo tokko irratti namootni adda addaa lama waraqaa ragaa qabiyyee (kaartaa) yoo qabaatan, inni tokko mana yoo irratti.ijaarrate , inni biraa immoo 'osoon mormu ijaarrate naaf haa diigamu' jedhee gaafachuu hin danda’u’’ jechuun kennamee ture haqameera.
👉Hiikoon dirqisisaan Mana Murtii Waliigala Federaalaa Dhaddacha aijibbaataa Lakk. G. 186946 irratti Ebla 26, 2013 kennamee fi galmeewwan biroo irratti ejjennoon walfakkaataan qabamee ture jijjiiramuun; Qabiyyee magaalaa abbaa qabiyyee tokkoon galmaa’uu qabu irratti namoota adda addaatiif waraqaan ragaa qabiyyee yookiin kaartaan lama (overlap) kennamee yoo argame, mirga abbummaa lafaatiif dursa kan argatu nama jalqaba galmeesiseedha” jechuun hiikni dirqisiisaa itti kennameera.
Yaadannoo:Hiikni kun yaada seeraa galmee sana keessatti ibsame haala qajeelfama kanaan dura ture jijjiiruun dhimma dursa galmeessisuu (priority of registration) irratti xiyyeeffata. Good Decision.
#"Eliyaas Kaasaa

   Ijaarsa Seraan Alaa Dambiin Booda Sirna Qabsiisuuf Bahe Dambii Lakkoofsa 259/2018
26/03/2026


Ijaarsa Seraan Alaa Dambiin Booda Sirna Qabsiisuuf Bahe Dambii Lakkoofsa 259/2018

Address

Jimma Zone
Jimma

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251920912183

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Botor Xoollaay posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Botor Xoollaay:

Share