Paablisitii Aanaa Maannaa

Paablisitii Aanaa Maannaa Badhadhina Hunda Galeessa Lammiiwwaniif!

09/09/2024
05/09/2024

Moggaasa Guyyoota Qaammee!

Walooma keenya cimsuun bara haaraatti abdiif mul’ata haaraan cehuuf!

Torban Qaammee bara kanaan ciminaalee keenya hunda itichaafi jabeessaa, hanqinaalee jiran xiyyeeffannoon adda baafachaafi hojii fuula keenya duraaf dhuunfaanis ta’e akka gareetti xiiqiin kan itti qophoofnudha.

Kanaaf guyyoonni Qaammee hojii keenya fuula duraaf yeroo murteessaafi boqonnaa qophii waan ta’aniif karoora haaraa, yaadaa haaraafi walooma keenya cimsinee jibba hir’isaa, dhiifamaaf jaalala baay’isaa milkiin haa qophoofnu.

Guyyoota Qaammee shanan bara kanaa:
Qaammeen 1 : guyyaa Ce’umsaa,
Qaammeen 2 : guyyaa Riifoormii
Qaammeen 3 : guyyaa Birmadummaa
Qaammeen 4 : guyyaa Daneesummaa
Qaammeen 5 ; guyyaa Egeree jedhamuun kabajamu.

Aanaa Maannaatti hojiin dhaabbii Biqiltuu inisheetivii baala shaayii haala ho'aan gaggeefamaa jiru Cimee itti fufee jira...
28/07/2024

Aanaa Maannaatti hojiin dhaabbii Biqiltuu inisheetivii baala shaayii haala ho'aan gaggeefamaa jiru Cimee itti fufee jira.

Adoolleessa 20, 2016

➩Godina Jimmaa Aanaa Maannaa Ganda Somoddootti dhaabbiin Biqiltuu inisheetivii baala shaayii guyyaa har'dhaa Kutaa hawaasa hunda hirmaachiisuun haala ho'aan gaggeefamaa Oolee jira.

➩Dubartoonnii Akkaataa ijaarama isaaniitiin Sagantaa hojii dhaabbii biqiltuu baalaa shaayii kana irratti haala barbaadamuun hirmaannaa gaarii taasisaa jiru.

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Paablisitii Aanaa Maannaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share