25/08/2026
👉Namni Kutannoo Qabu Xawalwaallee Miti.
Bineensota keessaa leenci mootii bineensotaa akka jedhamu beekkamaadha. Dhugaa kana garuu waraabeeysi hin jaalatu ture. Kanaaf gaaf tokko waraabeeysi ka'ee leenca gaaffii tokko gaafate . Gaafiiniis akkana jetti.
👉Waraabeeysa:_ Yaa leenca anaa fi atiis bosona keessa jiraanna. Aniis,atiis foon nyaanna. Maaliifiin akka kee cimuu dide jedhee gaafate.
👉Leenca:_Waraabeysoo aniis,atiis foon nyaanna garuu ani akka kee raqaa fi tortora funaanee hin nyaadhu. Ani jiraan adamsee nyaadha. Kanaafiin si caalaa cimaa tahe jedhee deebiseef
Waraabeeysi mataa luleeti ,"Eenyuutu eenyuu gadi" jedhe. Itti aansuuniis ,"Eegaa, yoo bineensa fayyaa adamsee nyaachuun kan ciimaa na godhu tahe aniis akkuma keetittiin adamsee nyaadha malee du'aa lafaa funaanee hin nyaadhu"jedhee kakate
Kanarratti eega waliigalan booda lama tahaanii bosona dhaqanii bineensa jiraa adamsuuf ka'an. Osuma karaa deemanii raqa harreerra dhufan. Waraabeeysi akkuma harree duute arketti gorora ofirra yaasuu jalqabe . Kaayyoo deemuuf dagatee raqa bira dabruu dadhabee nyaachutti seene. Leenci garuu didee bira dabree bosona dhaqee bosonuu adamsee qabatee nyaate. Akkanatti waraabeeysi kaayyoo ofii dagatee waadaa gale diigee salphate. Leenci garuu eenyummaa isaa agarsiifate
Kanaaf dargaggoonni keenyaas wantoota xixiqqoo argitan irratti kuftanii kaayyoo keessan kan akka gaaraa irraa of hin hambisinaa akkasumaas fedhii keessaniif osoo hin taane kaayyoo keessaniif dursa kennaan dhaamsa kooti.
✌️Suuraan qimama barreeffamaati.
nuti worraa kaayyooti Leencota
via sabona sabaa