04/02/2026
Aanaa Sokorruutti waltajjiin Mariin sosochii Dubartootaa mata duree "Itoophiyaa Dubartootaan jabaattee fi badhaate" jedhu gaggeeffameera.
π‘π‘π‘π‘π‘π‘π‘π‘π‘π‘π‘π‘π‘π‘π‘
Waltajjii Sosochii Kana irrarti I/G Paartii Badhaadhina Aanaa sokorruu Obbo Misgaanaa Damee Ejjetaa fi I/G/tuu Ijaarsaa Aadde Muniiraa Abdoo kan argaman yoo ta'uu, I/G Paartii Badhaadhina Aanaa sokorruu Obbo Misgaanaa Damee hasawaa baniinsaa taasisaniin, biyya ijaarsa biyyaa keessatti, Nageenyaa fi misooma keessatti gaheen dubartootaa guddaa ta'uu ibsuun filannoo marsaa 7ffaa akka biyyaatti gaggeeffamu kessatti filannoochi karaa nagaa fi haqa qabeessaan akka gaggeeffamuu gahe isaani akka bahatan ibsaniiru.
Dhumarattis marii kanaaf ka'umsa kan ta'u I/G Gurmuu Dubartoota Aanaa Sokorruu Aadde Zamzam Biyyaa barreeffama gabaabaa dhiheessuin mariin bal'aa taasifameera.