Burqaa Nagaa

Burqaa Nagaa Kottaa Asitti Waaqayyoon galateeffadhaa!

Ganama tokko tokko🥹"Doctor dha. Dilbata har'aa kana guyyaa boqonnaa isaa fayyadamuun dhimma wayiin dafee xumuradhee deeb...
25/01/2026

Ganama tokko tokko🥹
"Doctor dha. Dilbata har'aa kana guyyaa boqonnaa isaa fayyadamuun dhimma wayiin dafee xumuradhee deebi'a' jedhee ciree nyaachuu didee ba'e" jedhu Harmeen isaa.
Mana isaatii ba'ee daqiiqaa muraasa booda bakkuma homaa konkolaatan hin jirretti fireemiin didee, pooliidhuma fuula isaa dura jiru sana rukutee duubatti deebi'uun lubbuu isaa galaafate. Guyyaadhuma keeti gaafa siin jedhu qabeenyuma kee kan ati dafqa waggoota heedduun itti dadhabdee kan kee godhattetu si galaafata. balaadhuma guddaallee hin fakkaatu, gaafa bira geenyu garuu lubbuun homaa keessa hin jirtu.
Maatiin guddoodha; firriifi konkolaataan meeqa yaa'ee dhufee homaa gochuu hin dandeenye.
Yoo Waaqayyo qofti nama hin eegne, Afaan kaawwachuufi alanfachuu, alanfachuufi liqimsuu gidduu illee garaagarummaa guddaatu jira.
Waaqayyo nama ha eegu; Biyya lafaa soba💔

The most headache concept of Christianity for muslim. Warri Kiristaanaa hoo kana amantuu?
04/01/2026

The most headache concept of Christianity for muslim.
Warri Kiristaanaa hoo kana amantuu?

 Abbootiin Sinoodosii Oromiyaa Teessoo Magarsaa Badhaasaa eda halkan waajjira Poolisii Ashawaa Meedaa irraa humna hidhat...
03/02/2024


Abbootiin Sinoodosii Oromiyaa Teessoo Magarsaa Badhaasaa eda halkan waajjira Poolisii Ashawaa Meedaa irraa humna hidhateen fudhataman. Hawaasni Ortodoksii bakkichaa ganama kana barbaadaa turanii yeroo ammaa Laga Xaafoo fi Laga daadhii mana adabaa durii naannoo mishiniitti argamutti dukkana keessattti hidhanii jiraachuu himanii jiru.
!

Abboota Keenya✝️Isaan haqaaf falman✝️Isaan sabaaf rakkatan✝️Isaan mul'ata qaban✝️Isaan kaayyoof socho'an✝️Isaan sodaa hi...
20/01/2024

Abboota Keenya
✝️Isaan haqaaf falman
✝️Isaan sabaaf rakkatan
✝️Isaan mul'ata qaban
✝️Isaan kaayyoof socho'an
✝️Isaan sodaa hin qabne
✝️Isaan qaama walabaa
✝️Warra siyaasa dulloomaarraa bilisaa
✝️Warra ummanni duuba jiru,

Baga guyyaa yaadannoo Ayyaana Cuuphaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin isin gahe.
Bara kana dhiibbaa fi hacuuccaadhaan dhuunfaatti kabajjanis, bara itti aanu ummata isin jaalatu ummata Oromiyaa guutuu eebbistanii waliin akka kabajjan shakkii hin qabu.
Jabaan Waaqa!

!

Oosaayinaa ilma Daawit Maaqaa Waaqayyoon kan dhufu Galateeffamaadha!"ወደ ኢየሩሳሌምም ቀርበው ወደ ደብረ ዘይት ወደ ቤተ ፋጌ ሲደርሱ፥ ያንጊዜ ኢየሱስ...
05/04/2015

Oosaayinaa ilma Daawit Maaqaa Waaqayyoon kan dhufu Galateeffamaadha!
"ወደ ኢየሩሳሌምም ቀርበው ወደ ደብረ ዘይት ወደ ቤተ ፋጌ ሲደርሱ፥ ያንጊዜ ኢየሱስ ከደቀ መዛሙርቱ ሁለት ላከ፥ እንዲህም አላቸው። በፊታችሁ ወዳለችው መንደር ሂዱ፥ በዚያን ጊዜም የታሰረችን አህያ ውርንጫም ከእርስዋ ጋር ታገኛላችሁ፤ ፈትታችሁ አምጡልኝ።
ማንም አንዳች ቢላችሁ። ለጌታ ያስፈልጉታል በሉ፤ ወዲያውም ይሰዳቸዋል። [] ለጽዮን ልጅ። እነሆ፥ ንጉሥሽ የዋህ ሆኖ በአህያ ላይና በአህያይቱ ግልገል በውርንጫይቱ ላይ ተቀምጦ ወደ አንቺ ይመጣል በሉአት ተብሎ በነቢይ የተነገረው ይፈጸም ዘንድ ይህ ሆነ።"
(የማቴዎስ ወንጌል 21:1-5).

25/02/2015

03:55, Wed 25-02-2015
Maqaa Abbaa kan ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqayyo Tokko Ameen!
Hod 6:8 "Akkuma muudamee raawwateen ijasaanii duratti ajaa'iboota(raajiiwwan) fi mallatoolee gurguddaa hojjechuu eegale."
Maatiiwwan Waaqayyoo jaalatamtootni hirmaattota a xoofoo W/Q Isxifaanos yaa'ii Mooraa Jimmaa Yuniversitii kampasii JIT tti argamtan hundi keessan Xoofoon keenya qophiilee baratamoo ta'an akkuma duraanii qabachuun Dilbata(22/6/07) ganama sa'a 3:30 tti galma yaa'ii mooraatti isin eegaa jirti!
Hundumti keessan hirmaattuu eebba kanaa akka taatan Afeeramtaniittu!
XOOFOO W/Q ISXIFAANOSII

15/11/2014

11:00, Sat 15-11-2014
Barumsa Kutaa 2ffaa
B/saa Sooraa kakuu Haaraa Mangistuu dhaan.
''Bara Dargaggummaa keetti Uumaa kee Yaadadhu!''Fakk.12:1
Dubbii kana abbaa ogummaa kan ta'e ilma Daawwit, Solomoon tu dubbate.Egaa Yohaannis mul'atasaa irratti Gurra laphee kan qabu haa dhaga'u jedheera.
Har'a humna Waaqayyo nuuf kenneen tajaajiluu dhiisnee,faarfachuu dhiisnee,lallabuu dhiisnee,...keessumaa yaa'iiwwan mooraa keessatti maal fakkaanna laata?
Umurii kun umurii qorumsi itti baay'atu,akkasumas qorumsa mo'achuuf umurii murteessaa dha.
Amantaa fi siyaasa adda baasuu dadhabnee addunyaa dabartu keessa joorra moo?
Toora caatii,sigaaraa,dhugaatii fi araada garaa garaatti jaanja'aa jirramoo? sabboonummaan keenya akka jirutti ta'ee amantaa keenya akka warqeetti qabannee jirra?
Har'a Kitaabni kun jijjiirama nurratti fiduu qaba.
Egaa osoo guyyaan rakkinaa sun hin dhufin namni kamiyyuu galaa lubbuusaatiif ta'u har'a walitti qabuu qaba.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

15/11/2014

Bataskaana Gabriel jimmaati
Barumsa Wangeelaa
Luba Taaddasaa Sanbatoon
10:14, Sat 15-11-2014
Hod 9:6
''maal Akkan Siif Godhu Barbaadda?''
Mata dureen kun dhimma phauloos irratti xiyyeeffata.
Barumsi kun Saa'ol iddoo xuraa'aa,hammeenyaa fi kiristaanota hari'achuu irraa gara waamicha Waaqayyootti dhufuusaa akkasuma maqaansaallee jijjiiramuu barsiisa! Nuti hoo laata?
Eessaa eessatti deemaa jira?
Daawwitii goonee keessatti of haa ilaallu!

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Burqaa Nagaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category