01/01/2023
# Hin # Senee
Hin senee tasuumaa
Akkan kufee cabuu
Wadaan haqaan se,am
Anoo shakkii qabuu
Akkaa kayyoon kiyyaa
Harraa galmaa dhabuu
Irbuuf wadaan qabaa
Ofittaan si anse
Ofirraan si jallee
Galmaa kayyoo kotii
Sifaan dursee banee
Gorsii namaa hundaa
Kino harraa naf galee
Dhugaan sttii of ladhee
Wadaa seenne qabnaa
Irbuu kee ilalee
Akkaa shiraa xaxxuuf
Bollaa ati naf qottuu
Ano yomaan baree
Senaa nattii tatee
Hundumaa dursiitee
Ani dadhabbillee
Atu ni obsitee
Sin dhoksuu nan jettee
Garaa na dhoksitee
Sin obsuus nan jettee
Numaa na obsitee
Akkas Yoo na jettuu
Nattii fakkessitee
Jalalaa sobatiin
Bayyumaa na mitee
Imanaa nyatanii
Wadaa Nama diguun
Garuu barbachisuum
Sirraa gargar ba,uun
Nas nan gammachisuu
Gochaa ketii kinoo
Kan na hirarsisuu
Fallii jiruu jaranaa
Danda,erraa obsuu
Dirmammuu jalalaa
Nattii maxxansitee
Gafaa gidduu gessuu
Na gattee dheessiitee
Kan biraa argannan
Ato ittii obsitee
Karorrii kee malii
Mee mal murtteessitee
Jalalaa sobatiin
Onnee na koo mitee
Si kadhannaan diddee
Tulluurraan qaritee
Dhibee koo agarttee
Na dhowwattee dawwaa
Sif jedheen midhamee
Malaan sittii himaa
Gaffii koo jalaalaaf
Debii dhiyyessiitee
Anaan iyyeessa goote
qoqqoobii nati goote
Ano kan birraa barree
Ato isatii obsitee
Maf sittii hadhessaan
Senaa koo mi,awwaa
Gotee jirenyaa koo
Jirenyaa hadha,awwaa
Innii kiyyaaf ketii
Maliif akkaas ta,ee
Hinumaan jiradhaa
Sirraas garagar ba,ee
Wan gariis gadheen
Maqaa kee hin dha,uu
Obseen waqaa egaa
Hangaa guyyaan ga,uu
💔
Wa,e kee dadhabeem
Onnee koo simachuu
Kessii koos ni dhabeem
Gongumaa gammachuu
Gamadee hin jiratuu
Kan garaan Bora,ee
Nan jiradhaa hin senee
Sirraa gargaar ba,ee
💔💔💔💔
Yadaan qofaa tanee
Qalbiidhaan raraa,ee
Yoon duraa of bekuu
Sin obsuu danda,ee
Gamadee jiratuu
Namnii biyyaa ba,ee
💔💔💔💔
Boqqadhaa gaf-tokkoo
Galmaa kayyoo ga,ee
Ani hin barbaduu
Fedhiin si gaggeessee
Sifaan du,aa jette
nattii fafakkeessite
💔💔💔💔
Mee narraa faggadhuu
Hafii Yoo dhaggeessee
Anaan maltu galchee
Lafaa fetee ga,ii
Anaf Yoo jeette moo
Badii biyyaa ba,ii
💔💔💔💔
Gaddaa kee dadhabee
Biyyaa irraa godanee
Imalaa kayyoo koos
Sumaaf jedhen kufee
Si obsuu dadhabee
Debi,eettaan dhufee
Bidiruu jalaalaa koof
Donii kotuu kufee
💔💔💔💔
Amalas tolte aalas bareedde
lubbuun teenya adda tatuus
yadaaf jireenyi keenya tokko
jette hasa'uu sobaatin
Onnee koo na gubde
hiree kootti taphattee
gadaaf na keennite
💔💔💔💔
Balbalaa jalalaa sobaa
Dhugaan natti cuftee
Ani harraa mitii
Qataan gad-si tufee
💔💔💔💔
Kiyyaa wadaan hafee
Abbaa qarshii jalattee
Garuu wanttaan jedheen
Ati na hubbattee
Yoo na sobuu Fetuu
Na duraa dhabbattee
Isaa bukkee demtee
Anan na dhokkattee
💔💔💔💔
Qubbeellaa koo battaa
Fayidaadhaaf jettee
Ati bektaa garuu
Bayyee dogogorttee
💔💔💔💔
Wadaa kiyyaa digddee
Mee nattii dhiyyadhuu
Jiradhuu lafaa fetee
Anarraa faggadhuu
Amarraa jalqabee
Ani sin milladhuu
Si millaachuu dhabuu
Kan koo kanan gadduu
Guyyaa tokkoo batii
Dhugaani hin baddu
Ergaa addaan banee
Nagadhaan jiradhuu
Basee qubbeellaa kees
Atis koo baafadhu
💔💔💔💔
Wan gadhees
hin yaduu Garaa koo
kuttadhee Dhibbimmaan dhibbaattii
Shiraa kees gubbadhee
Jalaalaa dhugaa koo
gaddatti jijjirtee
💔💔💔💔
Carraa hedduun qabaa
Jedheen of hubbadhee
Badii kiyyaa baruuf
Barbadeetaan dhabee
Fayyaaf nagaa ta,ii
Walittii hin debiinuu
Dhagaa gargaar cabee
💔💔💔
# Garaa madaan💔💔
# onnee madaan💔💔
# qalbii cabaan💔💔
# Imimanniin 💔💔
# gaddaaf 💔💔
# Dhukkubbii 💔💔
# sammuun 💔💔
# Goddannisaan kan barreefaamee