Ethiopian Health Insurance Service Jimma Branch Office

Ethiopian Health Insurance Service Jimma Branch Office Community Service

Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa imala milkaa'inaa waggoota kudhanii fi kallattii hojii gara fuula duraa--------...
20/09/2022

Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa imala milkaa'inaa waggoota kudhanii fi kallattii hojii gara fuula duraa
---------------------------
Hojiin Inshuraansii fayyaa biyya keenyaaf haaraa ta’uun isaa ni beekama. Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa hojii isaa raawwachuuf labsiidhaan erga hundeeffamee waggoota kudhan xumuree jira. Daarektarri Daayirektoreetii Galmee fi Buusii Miseensootaa Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa Obbo Guddataa Abbabaa waggoottan kurnan darban keessatti maal akka milkeessanii fi itti aansee maal gochuuf akka karoorfatan ibsan.

Hojiiwwan tajaajila inshuraansii fayyaa lammiileef karaa dhaabbatichaa beeksisuuf hojjetaman keessaa;
•Inshuraansii fayyaa hawaasaa naannolee fi bulchiinsa magaalota hundaaf dhaqqabamaa taasisuudhaan aanaaleen 894 fayyadamoo ta’uun uwwisni aanaalee 85% gaheera.
•Biyya keenyatti lakkoofsi fayyadamtoota inshuraansii fayyaa hawaasaa miiliyoona 45 kan gahe yoo ta’u, kana keessaa lammiileen miiliyoona 8 ta'an tajaajila yaalaaf kaffaluu akka hin dandeenyee fi baasiin isaanii mootummaan kan haguugamu ta’uu ibsaniiru.
•Dhaqqabiinsaa fi walqixxummaa tajaajila fayyaa argachuu keessatti IFH gumaacha mataa isaa akka qabu ibsaniiru.
•sirni inshuraansii fayyaa waggaa waggaan baasii tajaajila fayyaa uwwisuuf maallaqa gara biiliyoona 4 walitti qabuu danda’amee jira
• Miseensummaa inshuraansii fayyaa waliin walqabatee fedhiin tajaajila yaalaa dabaluu fi daawwannaan dhaabbilee fayyaa dabaluu isaatiin gumaacha qaba
• Daballii galii dhaabbilee fayyaatti mootummaan waggaa waggaan baajata keessaa 25% deeggarsa waliigalaa ramadaa jira
• Sirna inshuraansii fayyaa cimsuuf Labsii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa raggaasisuun agarsiistota inshuraansii fayyaa hawaasaa keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Walumaagalatti, inshuraansii fayyaa waggoota kurnan darban keessatti baasii tajaajila yaalaa yeroo hunda dabalaa jiru, keessattuu daballii gatii dawaa dandamachuun akkasumas tajaajila yaalaa gatii madaalawaan lammiileen waggaatti al tokko kaffaluun tajaajila argatan caalaatti gaheen inshuraansii fayyaa aadaa wal gargaaruu cimsuu keessatti taphate baay’ee nama dinqisiisa jedhan.

Obbo Guddataan hojiiwwan gara fuula duraatti hojjetamuuf karoorfaman yeroo tarreessan;

1. Caasaa inshuraansii fayyaa hawaasaa namoota miiliyoona 120 ta’an tajaajiluu danda’u hojjechuu
2. Sirna inshuraansii fayyaa karaa dijitaalaa ta'een Gandoota irraa hanga mootummaa federaalaatti fayyadamuuf hojjechuu
3. sirna inshuraansii fayyaa itti fufiinsa qabu uumuuf sadarkaa biyyaatti Herrega Baankii olaanaa ta'e tokko hundeessuu fi madda galii adda addaa uumuuf hojjechuu.
4. Tarsiimoo imaammataa fi qorannoowwan sirna inshuraansii fayyaa fooyyessan qaamolee qooda fudhattoota waliin bal’inaan hojjechuun kallattii xiyyeeffannoon itti kennaman keessaa isaan ijoodha.

Akka biyyaatti lammiileen miiliyoona 45 ol Inshuraansii fayyaa hawaasaa (IFH) irraa fayyadamoo ta’uu akka danda’an ifoom...
05/08/2022

Akka biyyaatti lammiileen miiliyoona 45 ol Inshuraansii fayyaa hawaasaa (IFH) irraa fayyadamoo ta’uu akka danda’an ifoomeera.
Adoolessa 28/2014.
Dirree Dhawaa
----------
Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Ityoophiyaa waltajjii marii madaallii raawwii hojii bara 2014 fi qophii karoora bara 2015 magaalaa Dirreedawaatti qooda fudhattoota adda addaa waliin konfiraansiin eegalamee booda akka biyyaatti aanaalee 894 keessatti hojiirra ooluu isaa fi lakkoofsi fayyadamtootaa miiliyoona afurtamii shan ol gaheera jedhan.

Daayireekatarri Ol aanaa Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa Aadde Firehiwot Abbabee akka jedhanitti "labsiin inshuraansii Fayyaa Hawaasaa bara kana raggaasifamuun isaa hojii gara fuula duraatiif haalaan gargaara" jedhaniiru, Labsichi akka ragga’uuf qaamolee sadarkaa hundatti tattaaffii taasisaniif galata qaban ibsaniiru.

Waltajjii marii kanarratti gorsaan Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Ityoophiyaa Obbo Abdululjaliil Rashiid haala Labsii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiin ragga'ee fi dhimmoota bu'uuraa Labsii kana keessatti hammataman dhiheessaniiru.

Hirmaattota waltajjii marii labsii yaadame irratti gaaffilee hedduun kan ka’an yoo ta’u, Aadde Warqsamuu Maammoo Koree Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa fi Ispoortii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi itti aantuu dura taa'aa koree kanaa Aadde Firehiwot Abbabee waliin ta'uun gaaffii kaheef ibsa kennaniiru.

Guyyoota lamaan dhufan keessatti waltajjiin marii kun gabaasa qorannoo balaa, qorannoo qulqullina odeeffannoo waajjira damee barnoota fayyaa hawaasaa fi inshuraansii fayyaa, odeeffannoo walitti qabuu miseensotaa fi gumaacha dabalatee dhimmoota biroo ni ilaala jedhamee eegama.

19/05/2022

Paarlaamaan Wixinee Labsii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa raggaasise
===========
Caamsaa 11, 2014 Finfinnee; Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Federaalawaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Itiyoophiyaa wixinee labsii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa(IFH) labsuuf qophaa’e guyyaa har'aa raggaasise.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Bara hojii waggaa 1ffaa yaa'ii idilee 8ffaa har'a gaggeeffameen; Wixineen Labsii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa kun hawaasa baasii fayyaa gurguddaa hin eegamne irraa eeguuf kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru. Kanumaan Tajaajila Fayyaa haqa qabeessa ta'e fooyyessuuf wixinee labsii dhiyaate qoratee Labsii Lakk.1273/2014 gochuun sagalee guutuun raggaasiseera.

19/05/2022
Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa Waajjira Damee Jimmaa Waajjira Fayyaa Godina Jimmaa waliin ta'uun caamsaa 8/201...
16/05/2022

Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa Waajjira Damee Jimmaa Waajjira Fayyaa Godina Jimmaa waliin ta'uun caamsaa 8/2014 irraa eegalee Magaalaa Jimmaatti leenjiin Maanuwaalii Hojimaata Komii fi ol iyyannoo kenna tajaajilaa Fayyaa fi Hordoffii fi gamaggama fi Gabaasa qopheessuu irratti marsaa jalqabaa hoggantoota Godinaa, Aanaalee, dhaabbilee fayyaa fi ogeessotaaf guyyaa har'aa 8/9/2014 Magaalaa Jimmaatti Kennamu eegalee jira. Itti gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaa obbo Fu'aad Saabit haasaa baniinsaa taasisaniin leenjii kana bananiiru. Leenjiin kun akkaataa sagantaa kaa'ameen guyyoota itti aanan afran (4) walitti aansuun kan turu ta'a.

በኢትዮጵያ ጤና መድህን አገልግሎት ጅማ ቅርንጫፍ ጽ/ቤት ከጅማ ዞን ጤና ጽ/ቤት ጋር በመሆን በማህበረሰብ አቀፍ ጤና መድህን አገልግሎት አሰጣጥ አቤቱታና ቅሬታ አቀራርብና አፈታት የአሰራር ስርዓት እና የመረጃ አያያዝና ሪፖርት ማንዋሎች ላይ ለዞን፣ ለወረዳዎችና ለ ጤና ተቋማት አመራርና ባለሙያዎች የመጀመሪያ ዙር ስልጠና በዛሬ ዕለት 8/9/2014 በጅማ ከተማ
መሰጠቱ ጀመረ። የጅማ ዞን ጤና ጽ/ቤት ኃላፊ አቶ ፉዓድ ሳቢት የመክፈቻ ንግግር በማድረግ ስልጠናውን በእፋ አስጀምሯል። ስልጠናው በተቀመጠለት ፕሮግራም መሰረት ለቀጣይ አራት (4) ተከታታይ ቀናት የሚቆይ ይሆናል።

Wixineen Labsii IFH (CBHI) raggaasifamee jira.Hojiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa (IFH) waggoota dheeraaf bifa yaaliin h...
25/01/2022

Wixineen Labsii IFH (CBHI) raggaasifamee jira.

Hojiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa (IFH) waggoota dheeraaf bifa yaaliin hojiirra oolaa kan ture yommuu ta'u, barbaachisummaan isaa fi fayyadamummaan hawaasaa waan mirkanaa 'eefi akka biyyaattis uummatni miiliyoona 70 ol sirna kana irraa fayyadamaa ta'uun kan beekameedha. Hojicha daran cimsuuf kana booda seera qabeessummaan isaa sadarkaa biyyaatti labsiidhaan mirkanaa'ee haguugama seeraa qabaachuun isaa dirqama waan ta'eef labsichi guyyaa har'aa Mana Maree Bakka bu'oota uummataan ragga'eera.

Labsiin kun ragga'uun isaa qaamolee hojicha keessatti qooda fudhatanii fi hawaasa bal'aaf shoora ol'aanaa akka taphatu ni eegama.

03/01/2022
24/12/2021
24/12/2021
23/12/2021
15/12/2021

Konfiransiin Inshuuransii Fayyaa Hawaasaa akka Godina Addaa Oromiyaa Naannaawa Finfinneetti Taa’ame
*******************

Konfiransiin Inshuuransii Fayyaa hawaasaa akka Godina Addaa Oromiyaa Naannaawa Finfinneetti mata duree “Inshuuransii Fayyaa Hawaasaa, Wabii Hawaasa Keenyaa” jedhuun taa’ame.

Akka Godina Addaa Oromiyaa Naannaawa Finfinneetti, raawwiin gama hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa kanaan fooyyee akka qabu barreefamni dhiyaate ni agarsisa.

Godinichatti qonnaan bultootaa fi hawaasa jiran keessaa harki 64 fayyadamtoota inshuuraansii fayyaa hawaasaa tahuun waltajjirratti ibsameera.

Hooggantuu Itti aantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Siistar Tigisti Tafarii, naannichatti, inshuraansiin fayyaa hawaasaa, jireenya harka qalleeyyii fayyadamaa taasiisuu keessatti gahee ol-aanaa taphataa jira jedhan.

Kana caalaa hojjachuuf kutannoon hooggansi sadarkaan jiru bifa qindimaan hojjachuu akka qabu hubachiisan.

Bulchaan godinichaa Aabba Girmaa Hayiluu, Inshuraansii fayyaa hawaasa irratti hawaasa hin hirmaachisnu taanaan, badhaadhina maatii mirkaneessuu hin dandeennu; kun ammas hojii xiyyeefannoo barbaadu tahuu dubbatan.

Hirmaattoonni konfiraansichaas hanqinaalee turan sirreesinuun, milkaa'ina karoora baranaaf xiyeeffannoon ni hojjenna jechuusaanii OBNtu gabaase.

Odeeffannoowwan keenya saffisaan argachuuf chaanaalii teelegiraamii keenyaa https://t.me/EBCNEWSNOW itti makamaa
Odeeffannoowwan viidiyoodhaan dhiyaatan hordofuuf chaanaalii yuutuubii https://www.youtube.com/c/EBCworld/ subscribe taasisaa
Odeeffannoowwan Chaanaalii Bashannanaatiin dhiyaatan hordofuuf maatii yuutuubii https://www.youtube.com/channel/UCp9pS23Vw1n8WpcpZBDJNmA ta’aa; subscribe taasisaa
Odeeffannoowwan Suuraadhaan dhiyaatan hordofuuf fuula instaagraamii https://www.instagram.com/ebcnews1/ keenyatti makamaa
Odeeffannoowwan gaggabaaboo fi saffisoo argachuuf fuula tiwiitaraa https://twitter.com/ebczena keenya hordofaa

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethiopian Health Insurance Service Jimma Branch Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share