Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaay

Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaay Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaay, Government Organization, Ethiopia �, Jimma.

Qaamoleen deeggarsa gootan galatoomaa !
14/12/2025

Qaamoleen deeggarsa gootan galatoomaa !

Marii dhimma Koorniyaa fi haqa dubartootaa fi daa'immanii Sadaasa 11/2018, Aanaa Botorr Xoollaay, Waayyuu Mana Murtii Aa...
20/11/2025

Marii dhimma Koorniyaa fi haqa dubartootaa fi daa'immanii

Sadaasa 11/2018, Aanaa Botorr Xoollaay, Waayyuu

Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaayitti dhimma Korniyaa,haqa dubartootaa fi daa'immanii irratti qooda fudhattoota waliin mariin taasifame.
Marii kana irratti qooda fudhattoonni Mana Murtii , Waajira Abbaa Alangaa, Waajira Poolisii fi Waajira Dhimmoota Gurmaa'insa Uummataa(dhimma dubartootaa) irraa walitti dhufan argamaniiru. Marii kanaan yakkoota dubartootaa fi daa'imman irratti raawwataman karaa ittisuun danda'amu, yakki yeroo raawwatamu haala adeensa qorannaa fi qabiinsa nama yakka raawwatee fi dhimmoonni biroon bal'inaan ka'uun mariin irratti taasifameera. Kana malees bakka turtii daa'imman yakkaa raawwachuun shakkamanii ilaalchisee yaadonni ka'an xiyyeeffannoo kan barbaadu ta'uun hubatameera.
Dhuma irrattis fuulduratti idileedhaan marii taasisuu fi hawaasaaf bubannoo kennuuf kallattiin taa'ee mariin xumirameera.

15/10/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Kayruu Mahammadawwal Jamaal, Ra'is Abdu, Abdo Arsii

Gamaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa, bara 2018.
10/10/2025

Gamaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa, bara 2018.

10/09/2025

Baga Bara Haaraa 2018 Nagaan Geessan!
🌻🌼🌻🌼🌻🌼 🌼🌻🌼🌻🌼🌻🌼🌻
እንኳን ለ2018 አድሱ አመት በሰላም አደረሳችሁ

Gamaggama raawwii hojii waggaa Manneen Murtii Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti adeemsifamaa jiru.Guyyaa jakqabaa.
04/08/2025

Gamaggama raawwii hojii waggaa Manneen Murtii Oromiyaa
Magaalaa Jimmaatti adeemsifamaa jiru.
Guyyaa jakqabaa.

Sagantaa cufiinsa bara hojii 2017***************************************Adoolessa 17 bara 2017 Botor Xoollaay Waayyuu, M...
24/07/2025

Sagantaa cufiinsa bara hojii 2017
***************************************
Adoolessa 17 bara 2017 Botor Xoollaay Waayyuu,
Manni Murtii Aanaa Botor Xoollaay sagantaa cufiinsa bara hojii 2017 gaggeessee jira. Sagantaa kanaanis gamaggamni raawwii hojii bara 2017 taasifamee, karoora hojii bara 2018 tiifis kallattiin waliin mari'achuun kaa'ameera. Sagantaa kana irratti Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaay Obbo Batruu Guutamaa haasawaa taasisaniin bara kana keessa hojiileen KTAS karaa fooyyaa'insa qabuun kennamaa turuu kaasanii, raawwii gaarii bara kana galmeeffame itti fufsiisuudhaan hanqinaalee raawwii hojii keessatti mul'atan sirreessuudhaa karoora bara 2018 keessatti xiyyeeffannoodhaan ni hojjetama jedhaniiru.

Sagantaa kana irratti keessummoonni adda addaa kan argaman yeroo ta'u, tajaajila mana murtichaan kennamu ilaalchisee ciminaalee jiran dinqisiifachuudhaan harcaatiwwan oto sirratanii jedhan kaasaniiru.

Hojjettoota mana murtichaa bara hojii 2017 keessatti naamusa gaarii agarsiisanii fi raawwii hojii qabaniif beekamtiin kan kenname yeroo ta'u, dhuma irrattis affeerraan irbaataa taasifamuin sagantichi goolabameera.

Gabaasni Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaay Mana Mareef dhiyaate !**********************************Wqxabajjii 30/2017 Bot...
07/07/2025

Gabaasni Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaay Mana Mareef dhiyaate !
**********************************
Wqxabajjii 30/2017 Botor Xoollaay, Waayyuu.

Manni Maree Aanaa Botor Xoollaay gabaasa raawwii hojii Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaay kan bara 2017 dhaggeeffatee sagalee guutuudhaan raggaasise.

Gabaasni kun karaa Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaay Obbo Batruu Guutamaatiin kan dhiyaate yeroo ta'u, bara kana KTAS haalaa kanaan duraa irraa karaa fooyyee qabuun kennamaa kan ture ta'uu kaasanii, hojiin abbaa Seerummaa karaa qulqulluu, haqa qabeessa, dhaqqabamaa fi Si'ataa ta'een uummataaf kennamaa jira jedhaniiru.

Gabaasni kun bakka bulchaan bulchiinsaa Aanaa Botor Xoollaay kabajamoo Obbo Misbaahii A/ Moggaa fi hooggantoonni Aanichaa jiranitti kan gamaggamame yeroo ta'u, yaadnii fi gaafiin miseensota Mana Maree irraa ka'eef deebiin Pirezidaantii Mana Murtiin irratti kennameera.

Dhuma irrattis gabaasni kun sagalee guutuu miseensota mana maree Aanaa Botor Xoollaayiin raggaasifameera.

Address

Ethiopia �
Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Botor Xoollaay posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share