26/02/2025
Suphaan Daandlii D/Gibee-Awwaannoo jalqabee jira.
Guyyaa 19/06/2017
Hojiin suphaa daandii D/Gibee-Awwaannoo guyyaa 18/06/2017 eegalee gaggeeffamaa jira. Waajjirri Daandiiwwanii fi Loojistiksii Aanaa Nadhii Gibee bara 2017 hojiiwwan ijaarsaa fi suphaa daandii sararoota daandii adda addaa irratti gaggeessaa kan jiru yoo ta'u, sararri Daandii D/Gibee-Awwaannoo dheerinni isaa 6 Km ta'e suphamaa kan jiruu fi hojiin lafa sirreessuu 'Gravel Road Surface Blading' yeroo kanatti gaggeeffamaa jira. Hojiiwwan itti aananii hojjatamanis tartiiba eeggatee kan itti fuufu yoo ta'u, suphamuun daandii kanaa faayidaa hawaas-diinagdee olaanaa gandoota naannoo gabbaraatti argamaniif kan qabuu fi walitti hidhamiinsa daldala cimaa Aanaa ollaa wajjin jiru daran kan cimsu ta'a.