09/08/2025
ODUU:
Naqamtetti lolaan lubbuu namoota shanii galaafate.
Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti, rooba cimaa roobe hordofee balaan lolaa magaalattiitti mudate, namoota shan ajjeesuu, Obbo Dabalaa Tamasgeen, Itti gaafatamaan waajjira koomunikeeshinii Naqamtee dubbachuu gabaafameera.
Obbo Dabalaan, balaan lolaa kun Naqamtee gandoota sadii keessatti mudachuu ibsanii, garuu kan lubbuu namoota kanaa baasuu danda’e gandoota 02 fi 07 keessatti bakkeewwan maqaan isaanii Daargee fi Jaatoo jedhamanitti ta’uu ibsan.
Balaan lolaa kun qabeenya rrattillee miidhaa geessisuu Obbo Dabalaan dubbachuun gabaafameera
Jiraattonni magaalattii balaa kanaan gadduu ibsanii, ammas roobni gannaa kun kan itti fufu waan ta’eef mootummaan tarkaanfii eeggannoo fudhachuu malee jedhan.
Bulchiinsi magaalaa Naqamtees dhaamsa of eeggannoo jiraattotaaf dabarsaa akka jiru ibse. Jiraattonni daandii lolaa akka sirreessan, muki naannoo manaa yoo jiraate akka jigsan, itti himamaa akka jiru Obbo Dabalaan dubbataniiru.