Jimma Zone Communication

Jimma Zone Communication Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jimma Zone Communication, Government Organization, Jimma.

Coordinates and delivers accurate Government information, promotes public awareness and enhances communication between the government and the communities across the zone.

06/08/2026
06/08/2026
''Bajatni mootummaa qisaasama tokkoon maletti hojii ummata fayyadu qofaaf ooluu qaba.'' Obbo Tijjaanii Naasir.********Go...
06/08/2026

''Bajatni mootummaa qisaasama tokkoon maletti hojii ummata fayyadu qofaaf ooluu qaba.'' Obbo Tijjaanii Naasir.
********
Godina Jimmaatti waltajjiin kallattii qooddii bajata Aanaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa bara 2019 irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa ture xumurameera.

Waltajjiin kun bajata bara 2019 Aanaaleefi Magaalotaaf qabame qusannaafi ofeeggannoo akkasumas hojiiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessaniif qooduudhaan akkaataa hojiirra oolchuun danda'amu irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffame yemmuu ta'u, kallattiin ittaanu kaa'amee jira.

Ittigaafatamaan Waajjira Maallaqaa Godina Jimmaa Obbo Mahammad Nuuraddiin, bajatni mootummaa bara 2019'f qabame qajeelfamaafi kallattii akka mootummaatti kaa'ame qofaan hogganamuu qaba jedhanii, qajeelfama kaa'ameen alatti bajata qabame sochoosuun ittigaafatamummaa kan hordofsiisu ta'uu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, bajanni qabamu hojii ramadameef qofaaf akka ooluuf manneen mareefi koreewwan dhaabbiitiin ilaalamee mana maree aanaatiin ragga'ee hojiirra ooluu qaba jedhanii, qajeelfamoota bahan hunda keessa darbuun hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru.

Bulchiinsi bajataa qajeelfama faayinaansiitiin hojiirra ooluu qaba kan jedhan Obbo Tijjaaniin, akkaataa barbaachisummaa isaatti odiitii taasisaa pirojektootas qulqullinaafi ariitiin raawwachuun murteessaadha jedhan.

Gama biraatiin bajatni ramadamu qisaasamaan maletti ofeeggannoo olaanaan hojiirra ooluu kan qabu ta'uufi hojiiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessaniif ooluu akka qabus dubbataniiru.

Hojiiwwan bu'uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, bishaan, kilaastaroota carraa hojiif oolan dabalatee hojiiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessaniifi gaaffii ummataa deebisaniif ooluu akka qabus kallattii kaa'aniiru.

Godina Jimmaatti kallattii qooddii bajata Aanaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa bara 2019 irratti mariin gaggeeffamaa jira.**...
06/08/2026

Godina Jimmaatti kallattii qooddii bajata Aanaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa bara 2019 irratti mariin gaggeeffamaa jira.
*******
Waltajjiin kun bajata bara 2019 Aanaaleefi Magaalotaaf qabame qusannaafi ofeeggannoo akkasumas hojiiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessaniif akkaataa qooduudhaan hojiirra oolchuun danda'amu irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjii kanarratti Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dabalatee qooda fudhattoonni Aanaalee kan argaman yemmuu ta'u, Ittigaafatamaan Waajjira Maallaqaa Godina Jimmaa Obbo Mahammad Nuuraddiin kallattii qooddii bajataa fi qajeelfamoota kanaan wal qabatan irratti barreeffama dhiyeessaa jiru.

05/08/2026
05/08/2026
Tajaajilli Lammummaa, DaandiiMisooma Walooti!*****Mootummaan jijjiiramaa sagantaa Tajaajila Lammummaa labsuudhaan erga h...
05/08/2026

Tajaajilli Lammummaa, Daandii
Misooma Walooti!
*****
Mootummaan jijjiiramaa sagantaa Tajaajila Lammummaa labsuudhaan erga hojiirra oolchuu jalqabee lammileen dadhaboo ta'an rakkoo isaaniif fala akka argatan gochuun cinaatti, hariiroon obbolummaafi walitti dhufeenyi gaariin lammilee gidduutti akka dagaagu taasisaa jira.

Sagantaa Tajaajila Lammummaa kanaanis hojiiwwan hawaasummaa gara garaa hojjachuun lammiileen deeggarsa argachuu qofa osoo hin taane hojjatanii nama biraaf gaaddisa gaafa rakkoo akka ta'aniif hojii hojjechaa jiruun bu'aaleen abdachiisaanis argamaa jiru.

Godina Jimmaattis hojiin kun karoora of-danda'een hogganamaa kan jiru yemmuu ta'u, bara kana Ganna kana irraa jalqabee gosoota hojii 72 ta'aniin hojjechuuf karoorfamee Aanaalee hunda keessatti sagantaawwan gara garaatiin dabaalamee gaggeeffamaa jira.

Haaluma kanaan guyyaa har'aa Aanaa Shabee Sombootti tajaajila lammummaa Gannaa bara kanaatiin namoota qaama miidhamoo, hirkoof deeeggarsa hin qabne akkasumas barattootaa maatiin isaanii harka qalleeyyii ta'an dabalatee lammilee gara garaatiif deeggarsi adda addaa taasifamee jira.

Sagantaa kanaanis ijaarsa mana harka qalleeyyii bolokkeetiin, uffata halkanii, firaashii, meeshaalee barnootaa, midhaaniif zayita, beelladoota, lukkuuwwan, gaagura ammayyaafi gemmoo qoraan qusatu dabalatee deeggarsi gosa adda addaa qarshii miiliyoona 49 olitti tilmaamamu namoota harka qalleeyyii ta'aniif kennamee jira.

Bulchaan Aanaa Shabee Somboo Obbo Mahammad Saanii Abbaa Olii, aanichatti bara kana sagantaa Tajaajila Lammummaatiin gosoota tajaajila 73 qarshii biiliyoona 2.1'tti tilmaamamu raawwachuuf karoorfamee Gandoota hunda keessatti qindoominaan raawwatamaa akka jiru himaniiru.

Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Ittigaafatamtuun Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Aadde Najaat Kadir, mootummaan jijjiiramaa hojii Tajaajila Lammummaa qaama humnoota waloo afran keessaa tokko taasisuun hojiirra oolchaa jira jedhanii, kanaanis lammileen rakkoo gara garaa qaban irraa baraaramuu danda'aniiru jedhan.

Godinichatti bara kana sagantaa Tajaajila Lammummaatiin gosoota tajaajilaa 76 tilmaama qarshii biiliyoona 44 ol ta'u raawwachuun lammileen dadhaboo ta'an akka fayyadaman gochuuf qindoomina olaanaan hojjetamaa jira.

===============
Odeeffannoo dabalataaf
👉 Facebook
https://www.facebook.com/kgodinajimmaa
👉 Youtube
https://youtube.com/.zone.communication?si=9rWer7I5rIeTBk60
👉 Tiktok
https://vm.tiktok.com/ZMHWmcr2fsy7t-eDntH/
👉Telegram
https://t.me/Jimmazonecomunication
Nu hordofaa.

''Karoora of-danda'uu mootummaa jijjiiramaatiin qabame milkeessuuf hoggansi sadarkaan jiru xiiqiifi kutannoo olaanaan ho...
04/08/2026

''Karoora of-danda'uu mootummaa jijjiiramaatiin qabame milkeessuuf hoggansi sadarkaan jiru xiiqiifi kutannoo olaanaan hojjechuu qaba." Obbo Tijjaanii Naasir.
*********
Godina Jimmaatti raawwiin hojiiwwan xiyyeeffannoo hanga ammaa qooda fudhattoota sadarkaa Godinaafi Aanaalee waliin galgala kana qoratameera.

Waltajjii kanaan raawwiin hojiiwwan xiyyeeffannoo baatii Adoolessaa keessatti qindoominaan raawwatamaa ture dhiyaatee kan qoratame yemmuu ta'u, ciminootaafi hanqinaaleen mullatan addaan bahee kallattiin ittaanu kaa'ameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa, hojiiwwan karoora bara 2019 akka Paartiifi Mootummaatti qabaman milkeessuuf boqonnaa qophii irraa kaasee jalqabbiin jiru gaarii ta'uu himanii, garaa garummaan raawwii Aanaalee fi Gandoota akkasumas seektaroota gidduutti mullatu garuu dhimma xiyyeeffannaa olaanaa barbaaduufi sirrachuu qabu akka ta'e ibsaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, barri bajataa 2019 bara karoorri of-danda'uu qophaa'ee hojiirra ooluu itti jalqabee jiru ta'uu ibsanii, kana milkeessuufis hoggansi sadarkaan jiru xiiqiifi kutannoo akkasumas miira ittigaafatamummaa olaanaadhaan hojjechuu qaba jedhan.

Bu'uura milkaa'ina hojiiwwan hundaa kan ta'e nageenyi amansiisaan Godinicha keessa jiru daran akka itti fufuuf caasaan nageenyaa sadarkaan jiru hawaasa waliin ta'ee qindoominaan hojjechuu qaba kan jedhan Obbo Tijjaaniin, hojiiwwan olaantummaa seeraa kabachiisuufi al-seerummaa darbee darbee mullatu sirreessuuf hojjetamaa jiran jabaatanii itti fufuu akka qabanis kallattii kaa'aniiru.

Inisheetiivonni mootummaa jijjiiramaatiin dameewwan hunda keessatti bocaman hojiirra oolchuu, galiiwwan mootummaa qixaan sassaabuu, humnoota waloo kanneen akka Tajaajila Lammummaafi Buusaa Gonofaa qixaan milkeessuu, hojiiwwan fayyadamummaa dargaggootaaf dubartootaa mirkaneessuu danda'an irratti xiyyeeffannaa olaanaan hojjechuu dabalatee kallattiiwwan karoora of-danda'uu milkeessuuf kaa'aman hunda hojiirra oolchuun dhimma xiyyeeffannoon hojiirra ooluu qabu akka ta'e kallattiin kaa'amee jira.

===============
Odeeffannoo dabalataaf
👉 Facebook
https://www.facebook.com/kgodinajimmaa
👉 Youtube
https://youtube.com/.zone.communication?si=9rWer7I5rIeTBk60
👉 Tiktok
https://vm.tiktok.com/ZMHWmcr2fsy7t-eDntH/
👉Telegram
https://t.me/Jimmazonecomunication
Nu hordofaa.

04/08/2026

Turtii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad OBN waliin taasisan guyyaa dhiyootti!

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jimma Zone Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share