Bulchinsaa Magaalaa Qullubbii

Bulchinsaa Magaalaa Qullubbii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bulchinsaa Magaalaa Qullubbii, Government Official, K'ulubi.

Yaa'ii Idilee 8ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa
09/02/2025

Yaa'ii Idilee 8ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa

Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 8ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa taa’uu eegale

10/09/2024

"Bacaqii Gannaa Oofkaltanii Booqaa Birraatti Baga Nagaan Ceetan!" Af-Yaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan
= = =
Uummanni Oromoo, akkasumas, Ummattoonni Itoophiyaa hundi bacaqii gannaa ofkaltanii booqaa birraa arguuf Jala Bultii Bara Haaraa 2017 Baga Nagaan Geessan; Waliin Nu Gahe!

Uumamni dabareen waljijjiiraa birraa waggaan maree dhufu arguuf hawwiin eeggata. Qaammeen waktii jijjiirraa gannaas, dabaree ishee eeggattee birraa goobanee as adeemu simachuuf dirqamti. Keelloon daraartee dacheetti miidhagina addaa uwwistus waggaatti yeroo tokko mul’achuun barii birraa weeddisti.

Roobni gannaa qooree, malkaanis taliila. Uumamni magariisaan badhaate, abaaboon dabaaltee miidhagina addaa dacheetti horti. Barataan wallalummaa dhabamsiisuuf birraa barii obsaafi abdiin eegaa ture argata. Barsiisaan yaadaafi qorqalbii haaraan beekumsaan dhaloota jijjiiruuf qophaa’ee eeggata. Qonnaan bulaanis, bu’aa dadhabbiifi dafqa isaa ganna gurraacha dabarse yaadachaa, daraaraa miidhaniifi oyiruu barakaa baattee as adeemtu ijaan ilaalaa quufa leellisa. Daldalaanis, abdii milkaa’ina egeree isaaf qabu of fuulduratti ilaalaa bara haaraa simata. Mootummaan, yaadaafi karoora haaraan ummata isa ceessisuuf bara haaraatti waan haaraa qabatee as baha. Wayita kana, abdiin keenyas lalisee akka ililii birraa daraaree firii isaa hawwiin eeggata.

Ummata keenyaaf, guyyoonni waggaa haaraa kana keessatti argaman hundinuu qabeenya guddaa jijjiirama barbaannu gama hundaan ittiin galmeessinudha. Guddina hawwinu bira gahuuf, dadhabuun, carraaqqachuun, qormaatilee adeemsa raawwii hojii keessatti nu mudatan injifachuun mul’ata qabanne biraan nu gaha. Barri haaraan kun, bara itti ofiifi maatii keenya jijjiirru, darbees, naannoofi biyya keenya ceessisuuf akka lammii tokkootti kutannoofi xiiqiin hojjennudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, jiruufi jireenya ummata naannichaa bu’uura irraa jijjiiruuf halkaniif guyyaa xiiqeffatee hojjechuu irratti argama. Nagaafi tasgabbii naannoo keenyaa mirkaneessuun misooma keenya waaressuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Guddinaafi galmoota misoomaa walgitiinsa qaban diriirsuun diinagdee naannoo keenyaa utubuuf xiyyeeffannoo addaan hijjechaa jira. Kanaaf, lammiin hundinuu bakka jirutti jijjiirama bu’uuraa fiduuf miira jijjiiramaan hojjechuun dirqama isaa bahachuu qaba.

Mootummaan, fedhii misoomaa ummataa hubatee, bulchiinsa gaariifi nagaa hawaasaa waaressuuf, tajaajila si’ataafi haqa qabeessa ta’e hawaasatti gadi buusuun gurmaa’iinsaafi hojimaata haaraa diriirsee jira. Hanqina kenna tajaajilaan ummanni keenya mootummaa ofiin hundeeffateen furmaata akka argatuuf deddeebisee gaaffii gaafachaa ture, hundeerraa furuun jijjiirama qabatamaa fiduuf hojii seena qabeessa ta’e hojjechuu irratti argama.

Kanaaf, bara dabarsine keessatti hojiiwwan gurguddoo dameewwan hunda irratti itti milkoofne qabannee, muuxannoowwan milkaa'ina keenyarraa argaman qindeessuun badhaadhina ummata keenyaa roga maraan mirkaneessuuf carraawwan misoomaa jiran hundatti fayyadamuun kan hojjetamu ta’a. Galma gahiinsa karoora bara 2017f ammoo, hirmaannaafi qooda fudhannaan ummata keenyaa iddoo olaanaa qaba.

Caffeen Oromiyaas, waggoottan sadeen dabarse keessatti aantummaa ummata isaaf qabu gochaan mirkaneessuuf waadaa gale kabajee raawwachaa tureera. Waggoottan lamaan Bara Hojii Caffichaa hafan keessattis, milkaa’ina marii biyyaalessaaf gahee isaa kan bahatu, murtiiwwan fayyadamummaa ummata naannoo keenyaa mirkaneessan raawwachuun fedhiifi faayidaa ummata keenyaa dhugoomsuuf kan hojjetu ta’a.

Milkaa’ina hojii kanaafis, riifoormiiwwan adda addaa taasisuun hojiirra oolchaa kan dhufe yommuu ta’u, qajeeltoo Heera Fooyya’aa Naannichaa hordofee mootummaa cimaa sadarkaa Gandaatti ijaaramaa jiru karaa utubuun gurmaa’insi Mana Maree Gandaa taasifamus, humna jijjiiramaa qaamolee mootummaa utubuu danda’u akka ta’uuf kan hojjetu ta’a.
Badhaadhina hunda galeessa gama hawaasummaan, diinagdeefi siyaasaan qabanne dhugoomsuuf, gamtaan hojjennee EGEREE biyya keenyaa dhaloota milkeessuu danda’u rabbiin nu haa taasisu jechaa, irra deebi’uun ummata naannoo keenya hundaan BAGA JALA BULTII BARA HAARAA 2017n ISIN GAHE jechaa barri haaraan dhufu kan nagaa, gammachuu, milkaa'inaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwiin qabu ibsa.

Sa’aadaa Abdurrahmaan
Afyaa’ii Caffee Oromiyaa
Qaammee 05 Bara 2016
Finfinnee

“Baga Waggaa Haaraa Bara 2017 Nagaan Geessan"  Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO~~~Yeroon kennaa uumaa marfata taate...
10/09/2024

“Baga Waggaa Haaraa Bara 2017 Nagaan Geessan" Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
~~~

Yeroon kennaa uumaa marfata taateewwan uumamaafi namtolcheen taliigamee qormaataafi carraan guutamee ilma namaaf kenname kennaa gati jabeessadha. Marfatni yeroo uumaan qajeelchee kenne taateewwan jajjaboo jireenya dhala namaatiif hiikoo garagaraa qaban duraa duubaan keessummeessuun qormaatilee keessatti milkaa’inootaafi muuxxannoo jireenyaa gonfachiisa. Ilmi namaas qormaatilee mo’achuun eebbaafi carraa yeroo waliin maree dhufu hunda gonfachuuf gareefi dhuunfaan ifaaja. Kanaafis Oromoon falaasama guddicha ilaalama Addunyaalessaa qabuun yeroo maree dhufu yayyabee injifannoofi milkii bulfatee qormaata namtolcheef uumamaa hooddachuun faloo keewwachaa waloomaan akka sabaatti of ijaaraa as ga’e.

Oromoon hayyuudha; hayyuu dhuka yeroo beekumsaan lakkaa’ee dhaha isaa xiinxalee waaqa yeroo maree fidee dabarsu eebba waakkii malee nama badhaasu kan darbeef galateeffachaa; kan dhufuuf ammoo itti kadhatudha.

Kabajamtoota Uummattoota Oromoofi lammileen Itoophiyaa hundi baga bacaqii Gannaa hulluuqxanii jalbultii Booqaa Birraa bara 2017 nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada.

Barri 2016 bara qormaatilee keesstti milkaa’inoota hedduu itti galmeessineefi pootenshaalaa qabnu sirriitti yoo fayyadamne raajii dalaguu danda’uu keenya kan itti adda baafannedha. Fayyadamummaa uummata Keenyaa gama hundaan mirkaneessuuf karoora xiiqii qopheessinee hojii hojjenneen kallattii laannee gaafa hordofnuufi karoorsinee gaafa qixaan hooggannu milkaa’uu akka dandeenyu qabatamaan kan itti agarredha.

Haala biyya keenya keessatti hin baratamneen Gannaa Bona, Birraa Arfaasaa qotuun callaa gaarii argamsiisuu akka danda’uufi laftiifi cittuun lafaa kamuu agabuu akka hin bulle golee misoomaa ta'uu akka danda'u kan itti mirkaneeffanneefi dacheen Oromiyaa hundi callaa kuntaala miliyoonotaan laatee abdii egeree biyya kanaa ta’uu keenya bara itti sirriitti ibsine, qote bulaan keenya karooraan qotee galii argaturraa karooraan yoo qusate Inveestimentiitti ce’ee ofiifi lammii isaaf carraa hojii uumee jijjiirama waaraa keessa galuu akka danda’u qabatamaan bara itti agarre bara milkii ture.

Gaaffii ummata keenyaa deebisaa fedhii misoomuu inni qabu guutuuf hojii hojjetameen haala kanaan dura hin baratamneen Pirojektoota fayyaa, barnootaa, bishaaniifi daandii kumaatamaan yeroo gabaabaa keessatti xumuruun fayyadamummaa uummataaf oolchuun akka dandaa’amu irra deebii bara itti agarsiifneefi bara itti galaa dhalootaa keenye ture.

Sirna jabaa qabnu giddu galeeffannee duudhaa keenya ganamaatti yoodeebine haqa waloo mirkaneessuun haqni kan abbaa haqaa ta'uu akka danda'u, tokkummaa keenya cimsaa Buusaa Gonofaa yoo jabeeffanne rakkoo numudatuu kamiifuu eeggattuummaa alagaa irraa walaba baanee wal utubuu akka dandeenyu bara itti adda baafanne, qormaatilee keessatti injifannoo galmeessuun akka dandaa’amuufi humnaafi beekumsa akkasumas qabeenya qabnu tajaajila lammummaaf yoo oolchine raajii dalaguu akka dandeenyu bara itti agarreefi hanga danda’uu Keenyaa daguugnee yoo fayyadamne uummata raajii dalaguu danda’u ta’uu keenya ormaafi firatti bara itti mul'ifnee imala keenya boriif daandii haaraa kan saaqee milkaaína egereef xiiqii addaa kan nutti h**e bara raajii ture.

Bara 2016 keessa milkaa'inoota gama siyaas dinagdeefi hawaasummaan ummata keenya boquu olqabachiisan kan itti galmeessine ta'us, milkaa’inotni argaman kanneen garuu dirree walqixxaataafi mijataa keessatti osoo hin taane gootota sirnaafi uummata isaaniif amanamoo ta’an hedduun aarsaa lubbuufi qaamaa kaffalaniiti. Ummanni sirna isaaf ta'u ijaarrate; sirna isaa tursiifatee injifannoo isaa bulfachuuf hojjeta, kanumaaf aarsaa qaqqaalii kaffalameen ummanni keenya boquu ol qabate. Akeekni diinni Oromoo bara baraan Oromoo qilee rakkinaa, boo'ichaafi gadadoo keessatti ilaaluuf karoorses fashalaa'eera.

Diinota injifachuun Oromoo isaan hubu finxaaleyyiin bitaafi mirgaa kanneen ummata dararuufi bu'uuraalee misoomaa barbadeessuu injifannootti lakkaawwatan harka tokkoon qolachaa, gara nagaatti akka dhufaniif waamicha nagaafi araaraa taasifneenis bara kana dargaggoonni gowwomsaa sobaan diina uummata isaaniitti makaman hedduun nagaan galuun mootummaafi ummata isaanii dhiifama gaafachuun injifannoo waaraa bara kanaa ture.

Mootummaan naannoo Oromiyaa Mootummaa qormaata kamiifuu hin jilbeenfanne, qormaata riqicha ce’umsaa taasifachuun fayyadamummaa uummata isaa mootummaa si’oomsu ta’uu firris ta’e hormi argeera.

Kabajamtoota ummattoota naannoo keenyaa;

Akkuma waktiin Gannaa lufee waktiin Birraa dhufe akka sabaattis ta’e akka biyyaatti barri 2017 bara itti dhuka imala keenyaa qorree injifannoo bulfannee nagaa keenya itti waaressinu akka ta’u abdii guutuun qaba. Akka mootummaatti karoora gochaan masakameen tokkummaa saba keenyaa bu’uura jabaa irratti ijaaruuf tarkaanfii fudhatamuu qabu hunda fudhachaa, duudhaa keenya ganamaa jabeessuun imaanaa gootota keenyaa kudhaammannee daandii gara galma guddichaatti nu geessu beekumsaan hoogganaa injifannoo dachaa galmeessuuf kutannoon hojjenna.

Karoora xiiqii marsaa 2ffaa qopheessine qixaan hoogganaa hojii qabatamaatti seenuun fayyadamummaa uummata keenyaaf hojjechuun hojii dursaa bara kanaati. Boqonnaan qabsoo keessa jirru haaraadha. Kanaafis sirna siyaasaa keenya ammayyeessuun dorgommii Addunyaan keessa jirtu keessa seennee imaanaa gootota darbaniirraa dhaalle osoo hin sharafin ergama dachaa fudhannee biyya badhaateefi kabajamte ijaaruuf kutannoon hojjenna. Imalicha yaadama haaraan utubuuf akka sabaatti sabboonummaa Oromoo dinagdee, barnoota, saayinsiif teeknoloojiin ijaarree fagoo yaadnee fagoo ga’uuf imala keenya milkiin itti fufuun dhimma filannoof dhihaatu miti.

Seenessi qeenxee saba tokkoofi sirna tokko leellisu, kan aarsaa saboonniifi sablammoonni ijaarsa biyya isaaniif kaffalan balfee moggaatti dhiibu sirni cuqursaa aduu qabsoo uummataan erga dhabamsiifamee as biyya hundaaf taatu hundaan hundarraa seenessa waloon ijaaruu eegalle cimsinee itti fufna.

Kabajamtoota Uummattoota naannoofi biyya keenyaa

Mootummaan jijjiiramaa hiyyummaan qaanii badhaadhinni qananii ta’uu gochaan dhugoomsuuf imala dinagdee damdaneessaa tarsimoon masakee eegaluun uummata isaa qindeessee injifannoo galmeessuu itti fufa.
Gannaafi Bona Arfaasaafi Birraa hojjennee idaa kaleessarraa dhaalle haqnee biyya badhaateefi idaarra walboomte dhaloota dhaalchisuuf kutannoon keenya har’aa murteessaadha. Imalli gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ceúufi eegalles qaama karoora imala badhaadhinaati. Biyyi biyyoo gabbataa oomishaaf mijaa’aa ta’e qabdu gargaaramtummaaf harka bal’isuun daba seenaa waan ta’uuf Ganna roobaan bona jallisiin hojjennee oomishtummaa keenya jabeessuun seenaa hojjechuuf kutannoon hunda keenyaa murteessaadha.

Cabiinsi barnootaa har’a keessa jirrus kuufama idaa kaleessaati. Kuufamni idaa ammoo godaannisa hin fayyamnme osoo hin taane xiyyeeffannoon hojjetanii kan itti ofirraa haqan hojii xiyyeeffannoo addaa barbaadudha. Kaanaaf uummanni naannoo keenyaafi caasaan barnootaa hundi dhimmi kun dhimma dhaloota gahoome biyyaaf oomishuu waan ta’eef cabiinsa barnootaa keessaa baanee hayyoota miliyoonataan lakkawaman akka qabaannuuf tumsi keessan cimuu qaba.

Barii jijjiiramaa irraa eegallee imalli keenya kan nutti agarsiisu hanga dubbanne kan hojjennu hanga hojjennes kan milkoofnu ta’uu isaati. Ce'umsi boqonnaa haaraa keessa jirru bu’uura amansiisaa irratti akka ijaaramuuf sirna cimaafi mootummaa jabaa ijaaraa jirra. Kanaafis sadarkaa Gandaatti gurmaa'insa haaraa hojiirra oolchuun tajaajila mootummaa uummatatti siksuuf hojiin eegalle injifannoo guddaadha. Gurmaa'insa kanaan hojii keenya hunda uumataati siksinee uummata waliin yoo hojjenne milkaa'inni dachaan waan galmaa'uuf ummanni keenyas deeggrsa eegale akka cimsu waamichakoon dabarsa.

Jalqabni keenya xiqqaa yoo fakkaateyyuu galmi keenya guddaadha. Gaara rakkinaarra qaarinee yeroon injifannoo guca badhaadhinaa qabsiifnee guddummaa keenya Addunyaaf labsinus dhiyoodha. Qoramnee ni injifanna, hojjennees ni milkoofna. Gama hundaan caallee duudhaa hammannaa keenyas gabbifnee ulee diinni Oromoon Oromoo cabsuuf qopheesse waliin cabsinee bara haaraatti nagaa keenya waaressuuf hojjechuu qabna.

Xumura irratti waggaa haaraan bara kanaa uummata Oromoo, saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa maraaf kan gammachuu, milkii gaariifi imala badhaadhinaa itti milkeesinu akka nuuf ta’un hawwa.

Ayyaana gaarii!

Oromiyaa ni ijaara,
Itoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nu gargaara !

Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii MNO
Qaammee, 5/2016
Finfinnee

28/03/2024

Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaattii Kilaasteraa Dammaa Magaalaa Qullubbii Iddoo Godaa Goraa jedhamuttii Hojjatame Misooma jiru...

Address

K'ulubi

Telephone

+251925325738

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bulchinsaa Magaalaa Qullubbii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Bulchinsaa Magaalaa Qullubbii:

Shortcuts

Share