Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kombolchaa

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kombolchaa Sirni Heeraaf Seeraan diriire kabajamee bulchiinsi sirn seeraa akka mirkanaa'uuf Manni Hojii keenya dirqama isaa ni baha

Sirna Bittaa Malaammaltummaa Irraa Bilisa Ta’e Akkamitti Diriirsuun Danda’ama?Malaammaltummaan  adeemsa bittaa keessatti...
02/06/2026

Sirna Bittaa Malaammaltummaa Irraa Bilisa Ta’e Akkamitti Diriirsuun Danda’ama?

Malaammaltummaan adeemsa bittaa keessatti raawwatamu qabeenyi biyyaa akka harka namoota muraasaatitti galu waan godhuuf sirni bittaa kun gutuun guututti karaa iftoominna qabuu fi itti gaafatamummaadhaan guutameen raawwatamuu qaba. Amaloota bittaan bu’a qabeessi qabaachuu keessaa isaan ijoon isaan armaan gadiiti.

Sirna Bittaa Teeknooloojiidhaan (e-GP) Deeggarame:-Yajaajilootni dhaabbilee keessatti kennamaan yoo karaa tuttuqqii namootaa hirdhiseen kennaman carraa uumamuu malaammaltummaa sadarkaa olaanaadhaan hirdhisu. Sirni beeksisoota caalbaasii, gurgurtaa fi sassaabiin sanadoota caalbaasii karaa dijitaalaatiin akka raawwatamu gochuun barbaachisaa dha.
Kanaan dabalataanis gahumsii fi seenaan dhiyeessitoota meeshaa karaa sirna dijitaalaatiin akka galmaayu, dhaabbileen gahumsa hin qabne ykn galmee gurraacha irratti galmaayaniiran akka hin hirmaanne to’annoo taasisuun barbaachisaa dha.
Iftoominnaa fi Haqa Qabeessummaa:- Adeemsi bittaa kamuu ummataa fi dorgomtootaaf banaa ta’uu qaba. Ulaagaleen mo’attonni caal-baasii ittiin adda baafaman osoo caal-baasiin hin bahiniin dura karaa ifa ta’een kaaya’amuu fi adeemsi caal-baasichaas bu’uuruma ulaagaleen kaayameetiin raawwatamuu qaba.
Kana irra darbees injifataan caalbaasichaa eennuun akka ta’e, Gatii meeqaan akka injifate fi sababa dorgomtootni biroo hin filatamneef dorgomtoota hundaafuu ifa taasifamuu qaba.

Sirna To’annoo fi Odiitii Cimaa:- Erga bittaan raawwatameen boodas adeemchi adeemsa sirrii ta’uu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaa dha. Akkasumas tokkoon tokkoo adeemsota bittaa gurguddoon qaama bilisa ta’een odiitii taasifamuu qaba.
Komii dorgomtoonni biroo adeemsicha keessatti hojimaatni badaan raawwatamee jira jedhanii shakkanii dhiyeefataniifis qaamni bilisaa deebii hatattamaa deebisu jiraachuu qaba.
Ogeessotaa Gahumsa Namusaa Qaban:- Ogeessotni bittaa kan faayidaadhaan hin sobamneef ogumichaan leenji’an ta’uu qabu. Ogeessotni adeemsa caal-baasii irratti murtee kennan yoo dhaabbilee caalbaasii irratti hirmaatan wojjiin firoomaa fi hariiroo faayidaa kamiinuu qabaatan seerri akka murtee caalbaasii sana irratti akka hin hirmaanne dirqisiisu jiraachuu isaa beekanii caalbaasicha irraa of hambisuu qabu.
Dabalataanis, qaamni adeemsa caalbaasi irratti aangoo garmalee fayyadame kamuu sirna cimaa itti gaafatamuu danda’uun diriisuudhaan itti gaafatamummaa mirkaneessuun barbaachisaa dha.
Walumaagalatti sirni bittaa firoomaa fi waliigaltee dhoksaadhaan taasifamu irraa bilisa bahee, gahumsaa fi teeknooloojii irratti kan hundaayu gochuudhaan malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuun barbaachisaa dha.
Dhaloota Safuun Ijaaruun;Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!
Madda: Fuula facebook: Federal Ethics and Anti-Corruption Commission




Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kombolchaa

⚖Adabbiin Yakkaa Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadamaa Qabeenya Bishaanii Oromiyaa Murteessuuf Bahe  Labsiin  Lakk. 256/2...
31/05/2026

⚖Adabbiin Yakkaa Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadamaa Qabeenya Bishaanii Oromiyaa Murteessuuf Bahe Labsiin Lakk. 256/2016 tiin tumamee jiru kanneen akkamiiti?
👉Dhimma kana irratti waan seerri tumee jiru asii gaditti dubbisa
✅Labsiin kun Keewwata 38 jalatti Namni gochoota labsii kanaan dhoorkaman irraa dabaruun yakka raawwatee Seerota biraatiin adabbii yakkaa kana olii yoo kan adabsiisu tahe malee:
1⃣Namni biqiltoota bishaan baay’inaan fayyadaman, hidda lafa keessatti gadi fageeffachuun bishaan harkisan qaama aangoo qabuun dhorkaman naannawa burqituu, lafa caffaa’aa yookiin qarqara yaatuu bishaanii irratti dhaabuu yookiin biqiltoota madda yookiin burqaa bishaanii yookiin qarqara lagaa yookiin haroo irraa mancaasee adabbii hidhaa salphaa ji’a 6 (jaha) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhan) hin caalleen ni adabama.
2⃣Namni daangaa lafaa adda bahee hayyamameefiin alatti lafa babal’ifachuun qabeenya bishaaniitti yoo fayyadame yookiin hojii ijaarsa bishaanii kan gaggeesse yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa 1 (tokkoo) gadi hin taaneefi waggaa 3 (sadii) hin caalleefi adabbii maallaqaa 20,000.00 (kuma digdama) gadi hin taaneefi qarshii 30,000.00 (kuma soddoma) hin caalleen ni adabama.
3⃣ Namni sadarkaa walirraa fageenyaa boolla bishaanii akkaataa waliigaltee Biiricha waliin seeneen ala bishaan boollaa baasee yookiin qorannoon osoo adda hin baasin yookiin hanga barbaadamu olitti bishaan maddisiisuun akka qisaasa’u taasise adabbii hidhaa cimaa waggaa 2 (lamaa) gadi hin taaneefi waggaa 3 (sadii) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 25,000.00 (kuma digdamii shan) gadi hin taaneefi qarshii 30,000.00 (kuma soddoma) hin caalleen ni adabama.
4⃣Namni hanga hayyamameen ala laga jallisuun yookiin bishaan harkisuun yookiin boolla qotuun bishaan baasuun kan ittifayyadame yookiin qaamni biraan akka ittifayyadamu kan taasisee yoo ta’e, adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 (sadii) gadi hin taaneefi waggaa 5 (shan) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 30,000.00 (kuma soddoma) gadi hin taaneefi qarshii 50,000.00 (kuma Shantama) hin caalleen ni adabama.
5⃣Namni hayyama ittifayyadama qabeenya bishaanii qabaachuun akkaataa Labsii kanaatiin barbaachisu osoo hin qabaatiin bishaanitti fayyadame yookiin bishaan gurgure yookiin hojii ijaarsa bishaanii raawwate yookiin hayyama ittifayyadama Bishaanii dhorkame yookiin haqametti fayyadame hidhaa cimaa waggaa 5 (shanii) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 20,000.00 (kuma digdamaa) gadi hin taaneefi qarshii 50,000.00 (kuma shantama) hin caalleen ni adabama.
6⃣Namni gataa yaalamuun qaama bishaaniitti akka gatamu hayyamameen alatti gataa kamiyyuu bishaanitti yookiin naannawa madda bishaanii, harootti, boolla bishaanii yookiin qarqara lagaatti gadi lakkise yookiin hayyama gataa yaalamuun qaama bishaaniitti akka gatuuf kennameefii ture dhorkame yookiin haqametti fayyadame hidhaa cimaa waggaa 5 (shanii) gadi hin taaneefi waggaa 10 (kudhan) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 50,000.00 (kuma Shantama) gadi hin taaneefi qarshii 75,000.00 (kuma torbatami shan) hin caalleen ni adabama.
✅Kanaafuu namni kamiyyuu gochaalee labsii kanaan dhoorkamani fi itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisu kanneen hubatee akka irraa of qusatuu akkasumaas namoota yakkoota asiin olitti ibsame kana raawwatan yoo argee eeruu gara Waajjira Abbaa Alangaa fi Poolisii akka dhiyeessu dhaamna.

⚡️⚠️Balaa Elektirikii Irraa Of Haa Eegnu! ⚡️Keessattu Qonnan Bultoota Aanaa Kombolchaa Humna elektirikaa Misoomaf kan fa...
30/05/2026

⚡️⚠️Balaa Elektirikii Irraa Of Haa Eegnu! ⚡️Keessattu Qonnan Bultoota Aanaa Kombolchaa Humna elektirikaa Misoomaf kan fayyadamnu.

👉Shiboo elektirikii hin haguugamne tuttuquu irraa of qusachuu.

👉 Dallaa qorqoorroo fi funyoo uffatni irratti hafamu irraa shiboo elektirikii fageessuu,

👉 Shiboo elektirikii citee lafa jiru ykn rarra’ee jiru tuquu dhiisuu fi gara wiirtuu tajaajila isinitti dhiyoo jirutti gabaasuu.

👉Nama elektirikiin qabame baraaruuf, sarara elektirikii madda isaa irraa dhaamsuu.

👉Bishaan keessa, lafa jiidha qabu yookiin meeshaa elektirikii dabarsu irra dhaabattanii meeshaa elektirikii tuquu irraa of qusachuu.

👉 Sarara elektirikii diriirfamu kamuu akkaataa sirriidhaan ta’uu isaa ogeessaan osoo hin mirkanaa’in fayyadamuu dhiisuu.

👉 Balaa elektirikii ittisuuf, maashina elektirikii kamiiyyuu lafatti hidhuu (grounding ) gochuu.

👉Karaa seera qabeessa hin taaneen mana tokko irraa gara mana biraatti sarara elektirikii dirirsuun balaa waan fiduuf, gocha akkanaa irraa of qusachuu

Biyyi keenya filannoo Biyyoolessaa marsaa 7ffaa yeroo ammaa gaggeessuuf adeemsarra jiraachuun ni beekkama.Mirgoota dimok...
29/05/2026

Biyyi keenya filannoo Biyyoolessaa marsaa 7ffaa yeroo ammaa gaggeessuuf adeemsarra jiraachuun ni beekkama.Mirgoota dimokraasii heera mootummaa fdri fi heera naannoolee keessatti tarreeffaman keessaa mirgoota filannoo kwt 38 jalatti tarreeffamee jira.mirgoota kana hojiirra oolchuuf labsiilee garagaraa baasuun hojiin filannaa karaa nagaa,seerqabeessa,iccitaawaa fi yeroo eeggate akka gaggeeffamu tumameera.Haaluma kanaan,gochoota dhoorkamanii fi yakka jedhamanii tumaman irraa ofqusachuun olaantummaa seeraa kabajanii kabachiisuu akkasumas mirgoota filattootaa kan tahan hunda kabajuun dirqama tahuu hubachuun barbaachisaadha.Waajjirri keenya filannoon marsaa 7ffaa caamsaa 24,2018 gaggeeffamu kan nagayaa fi seera qabeessa akka tahu qaama dhimmi ilaallatu wajjiin qindoomee ni hojjata.Kanaaf,Namoota gocha yakkaa raawwatan irratti eeruu yakkaa gara qaama seeraa naannawa keessan jiruutti kennuun seeratti akka dhiyaataniif gahee keessan akka baatan jenna.
Oromia Attorney General Bureau-Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kombolchaa

29/05/2026
Ol _Aantummaa Naamusa Abbaa Seeraa****"""****Heerrii fi dhaabbanni kan hiika qabaatan, keewwattoota isanii jireenya guyy...
27/05/2026

Ol _Aantummaa Naamusa Abbaa Seeraa
****"""****
Heerrii fi dhaabbanni kan hiika qabaatan, keewwattoota isanii jireenya guyyaa guyyaa keessatti gara haqaa fi jireenya qabatamaatti kan jijjiiran dandeettii dhuunfaa, ol-aantummaa naamusaa fi gadi fageenya ilaalcha abbaa seeraa irratti qofa waan ta'eefi. Kanaafuu, Abbaa Seeraa (The Judge) hojii biirookiraasii idilee irraa bilisa gochuun, akka ijaarsaa fi utubaa biyyaa, mootummaa fi dhaabbataatti fudhachuun agarsiiftuu ammayyummaati. Abbaan seeraa nama ijaarsa duraa irratti hirmaatu qofa osoo hin taane, hojii fi murteewwan isaatiin duudhaalee bu'uuraa hawaasaa fi carraa gara fuulduraa biyyaa kan qaxxaamuru humna haqaa isa guddaadha. Gahee kana akka ogummaa biyya ijaaruutti (The Judge as Nation-Builder) yommuu xiinxallinu, agarsiiftuun isaa inni guddaan ogummaa abbaan seeraa hiika seeraa fi loogii-dhabummaa isaatiin fedhii mirga namoomaa fi haqaa kan hawaasaa irratti calaqqisiisu dha. Murteewwan abbaa seeraa guutummaatti haqa kan qabanii fi madaalawaa ta'uun isaanii uummata biratti yoo amanamu, amantiin fi amanamummaan lammiilee sirnichaa irratti qaban baay'ee kan guddatu yoo ta'u, mirgoonni lammiilee gidduu-seenummaa seeraan alaa kamiyyuu jalaa haala amansiisaan eegamuun isaas tokkummaa biyyoolessaa fi jaalala biyyaa onnee namootaa keessatti bu'uura jabaa irratti ijaara.
Dhiibbaan dhaabbatichaa kun, tarsiimo ijaarsa mootummaa (State-Building) mirkanaa'uu bu'uura seeraa fi dandeettii bulchiinsa mootummaa keessatti gahee qorannoo madaala humnichaa (The Constitutional Check) isa guddaa taphata. Abbaan seeraa gochaalee qaama raawwachiiftuu fi caasmolee adda addaa, heera mootummaa irraa ka'uun ija jabinnaa fi loogii-maleessummaan madaaluun, humni mootummaa haala hin malleen akka hin dabsamnee fi bulchiinsi isaa akka fedhaa fi abbaa irree akka hin taane ol-aantummaa seeraa hojiin mirkaneessa. Jabinnaa fi fudhatamummaan mootummaa tokkoo kan madaalamu seeraa fi heera biyyaattiin tumatteen ta'a.

🌙🕋 Baga Ayyaana Arafaatiin Isin Gahee!Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa KombolchaaAyyaanichi kan nagaa, jaalalaa, obbolummaa ...
26/05/2026

🌙🕋 Baga Ayyaana Arafaatiin Isin Gahee!

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kombolchaa

Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa, obbolummaa fi gammachuu isiniif haa ta’u.
Rabbiin ibaadaa, du’aa’ii fi hojii gaarii keessan haa qeebalu.

🌙 Eid Mubarak 🌙

መልካም የአረፋ በዓል!

የኮምቦልቻ ወረዳ ዐቃቤ ሕግ ጽ/ቤት
መልካም የአረፋ በዓል እንዲሆንላችሁ ይመኛል።

26/05/2026
24/05/2026

💥Hoggansa Gandaa taatee muudamuuf ulaagaan barbaachisu maali? Sadarkaan barnootaa barbaachisu hoo?
💰Darbee darbee Yeroo namoota Hojjetaa mootummaa hin taaneefi sadarkaa barnootaaniis Ulaagaa hin gunne hoggansa Gandaa godhuun yeroon itti muudan ni mullata.
⚖️Dhimmi Kun bu'uura Qajeelfama Raawwii Fo’annoofi Ramaddii Hooggansa Gandoota
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa. 24/2016 baheen akkamitti ilaalama? Waliin haa Ilaalluu 👇
💥Qajeelfama kana Keewwata 5 jalatti Ulaagaalee barbaachisu akkanan ibsa
⚖️5. Qajeeltoo Ramaddiin Hooggansa Gandaa Ittiin Raawwatamu
✍️1. Hooggansaafi ogeessota manneen hojii Aanaalee yookiin Magaalotaa irra jiran
ciccimoofi ummataatti dhiyaachuun tajaajila kennuu danda’an akkaataa Qajeelfama
kanaatiin Gandoota irratti muuduun ramaddiin kan raawwatamu ta’a.
✍️2. Hooggansi yookiin ogeessi akkaataa Qajeelfama kanaatiin Gandatti ramadamu kamiyyuu hojjettoota mootummaa yookiin hooggansa mootummaa ta’uun sadarkaa Aanaa yookiin Magaalaatti kan tajaajilaa jiran keessaa ta’uu qaba.
👉As irraa wanti hubannu hoggansa Gandaa taatee muudamuuf ulaagaan barbaachisu keessa tokko hoojjetaa mootummaa tahuudha.
⚖️Qajeelfamu kana Keewwata 16 jalatti Ulaagaalee barbaachisu keessa kan biroo sadarkaa barnootaati
👉16. Qophii Barnootaa Hooggansa Gandaa Ta’uuf Barbaachiisu
✍️1. Hooggantoonni sadarkaa Gandaatti ramadaman kamiyyuu sadarkaan barnoota isaanii yoo xiqqaate digiriifi isaa ol ta’uu qaba.
✍️2. Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatus, Bulchiinsa Aanaa yookiin Magaalaa sababoota adda addaatiin qabeenya namaa ulaagaa taa’een argachuun hin danda’amnetti haala qabatamaa Aanichaa yookiin Magaalichaa tilmaama keessa galchuun nama sadarkaa barnootaa dippiloomaafi isaan ol qabu haala addaan hooggansa irratti ramaduun ni danda’ama.
❓Ulaagaa kana malees ulaagaale filannoo hoggansa Gandaa jechun keewwata 14 jalatti tumee kan jiru yo tahu kuniis.
👉14.Ulaagaalee Filannoofi Ramaddii Hooggansa Gandaa
✍️1. Hooggantoonni Gandaa muudamtoota yookiin ogeessota ol’aanoo yookiin ogeesotsa Gandaa ulaagaa guutan keessaa filatamanii muudamuun kan ramadaman ta’a.
✍️2. Namni akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin muudamee sadarkaa Gandaatti Bulchaa, Itti Aanaa Bulchaafi Sadarkaa Itti Aanaa Bulchaatti Gorsaa Gurmaa’insa Dhimma Ummataa ta’ee filatamu kamiyyuu ulaagaalee Barnootaafi
muuxannoo hojii Qajeelfama kanaan tumame guutuu qaba.
✍️3. Namni akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin muudamee sadarkaa Gandaatti Itti gaafatamaa Waajjiraa ta’ee ramadamu kamiyyuu ulaagalee armaan gadii guutuu qaba:
👉a. Imaammataafi tarsiimoo mootummaatti kan amanu;
👉b. Dandeettii Gaggeessummaafi Gahumsa Ogummaa kan qabu;
👉c. Ogeessota Ol’aanoo Aanaa yookiin Magaalaa keessaa kanneen ulaagaa qophii barnootaafi muuxannoo hojiin guutan;
👉d. Umriin isaanii dargaggeessa yookiin ga’eessa kan ta’ee; fi
👉e. Muuxannoon hojiifi barnoonni isaanii kallattiin damee irratti ramadaman waliin kan walisimu ta’uu qaba.
Qajeelfama kana ala bahuun qaamni namoota hoojjetaa mootummaa hin tahiin warri muudu itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisuu akka danda'u beeytaanii dogoggoraa uumtan akka sirreesitan jenna.

Maddi Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

Himatamtoonni yakka ajjeechaa suukanneessaa raawwatan hidhaa cimaan adabaman.Himatamtoonni yakka ajjeechaa suukanneessaa...
23/05/2026

Himatamtoonni yakka ajjeechaa suukanneessaa raawwatan hidhaa cimaan adabaman.

Himatamtoonni yakka ajjeechaa suukanneessaa nama irratti raawwatan hidhaa cimaan Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa adabee jira.

Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa, Abdii Hasaan Mumaad, 2ffaan, Turjaa Huseen Abdullaa, fi 3ffaa, Safiyyaa Xahaa Adaamee jedhaman nama ajjeesuuf itti yaadanii ykn wal gargaaranii guyyaa 22-08-17 halkanii tilmaama sa’a 6:00 irratti Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar Araddaa Iftaa Baas Gandaa Biiftuu jedhamu keessatti midhamtuu (du’aa) maqaan ishii Ayiishaa Ahimaad jedhamtu, haadha mana himatamaa 1ffaa yoo taatu, sokkitee mana nama biraa jirtuu “koottuu gara mana galii” jedhanii himatamaa 1ffaan himatamaa 2ffaa waliin fudhanii gara mana osoo deeman jiranii, duutuun kun erga karaa walakkaa geesseen booda “hin galuu” jettee deemuu yoo diddu, himatamaa 1ffaan mormaa ishii gubbaa irraa dhiitee, harka isaatiin yeroo tokko gateetti irraa dhahee, akkasumas garaa fi qaama saalaa ishii keessa dhiitee dhiigni qaama saalaa keessaa kan yaase yoo ta’u, himatamaa 2ffaan gochaa yakkaa fi bu’aa yakkaa ofitti fudhachuun yeroo yakki kun raawwatamu kan irraa hin dhoorkine fi kan dhoksee yoo ta’u, akkasumas himatamtuun 3ffaan erga midhamtuu ajjeesanii booda mana waamanii waliin ta’uun akka waan ofiif of ajjeefte fakkeessuuf jechuun duutuu muka irratti sabbata ishiitiin fannisuun isaanii kan biraa deeman yoo ta’u, gareen qorannaa yakkaa fi A/A waliin ta’uun galmee ragaa namaa fi ragaa mana yaalaatiin erga xumuraniin booda, himatamtoonni kun yakka ajjeechaa cimaa lubbuu namaa haala suukanneessaa fi gara jabbeessummaa qabuun kan raawwatan jechuun A/A himata 1ffaa, Seera Yakkaa Keewwata 32(1A) fi 539(1A) irraa darbuun yakka raawwate, fi himata 2ffaa, Seera Yakkaa Keewwata 40 fi 32(1A) irraa darbuun yakka raawwate jechuun erga himateen booda, himatamtoonni dhaddachaaf dhiyaatanii abukaattoo dhuunfaa dhaabbachuu hin dandeenyu jedhani, manni murtiis abukaattoo ittisaa dhabeefii, yakka kana hin raawwanne jechuun waakkatanis, jechuun amanata isaanii Mana Murtii Aanaa Dadaritti kennanii fi ragaa A/A dhiyaate erga ilaalameen booda Manni Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaa dhaddacha guyyaa 01-04-18 ooleen himatamtoota 3n bilisa yoo jedhuu, Manni Hojii A/A Godina Harargee Bahaa ol iyyannoo Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti fudhateen dhaddacha guyyaa 05-09-18 ooleen himatamtoota kana ni barsiisa, ni akeekkachiisa, kaayyoo seera yakkaa galmaan ni ga’a jechuun:Himatamaa 1ffaa irratti hidhaa cimaa waggaa 21 murteesse jira.

Himatamaa 2ffaa irratti hidhaa salphaa waggaa 1 fi ji’a 6 murteesse jira.
Himatamtuu 3ffaa irratti hidhaa salphaa waggaa 1 fi ji’a 2 murteesse jira.
Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kombolchaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa

Address

Kembolcha

Opening Hours

Monday 08:30 - 17:30
Tuesday 08:30 - 17:30
Wednesday 08:30 - 17:30
Thursday 08:30 - 17:30
Friday 08:30 - 17:30
Saturday 09:00 - 12:30

Telephone

+251253380700

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kombolchaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share