04/08/2026
📜Barruu Hubannoo Seeraa
🫱Komii Dhimma Kaffaltii Gibiraa (Taaksii) Daldalaan Dhiyeeffatu irratti Qophaawe ⚖️
🟢Labsii Bulchiinsa Taaksii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk. 203/2009 tiin walqabatee dhimmoota ijoo tahanii fi haala yeroo ammaan walqabatan irratti barreeffama qophaawee dhihaatee dha.
✅️Gaaffilee Barruu Kana Keessatti Deebii Argattan
1️⃣ Namni gibira akka kaffaluu murtiin taaksii irratti komii qabu haala kamiin dhiyeeffachuu danda’a?
2️⃣ Adeemsi komiin murtii taaksii (gibiraa) itti dhiyaatu hoo maal fakkaata?
3️⃣ Qaamoleen komii dhimma kaffaltii gibiraa (taaksii) ilaallanii hanga xumuraatti murtii itti kennan eenyu fa’i?
⚖️ Seerri Maal Jedha?
Dubbisaa👇
🟠Labsiin kun dhimmoota kana haala ifa ta’een Keewwata 56–62 jalatti tarreesse tumee jira.
💶 Keewwata 56
🟢 Beeksisa Komii Murtii Taaksii Irratti Dhihaatu
1️⃣Kaffalaan taaksii murtii taaksii irratti komii qabu beeksifni murtichi isa qaqqabee guyyoota 21 (digdamii tokko) keessatti komii murticha irratti beeksisa komii barreeffamaan Abbaa Taayitichaatiif dhiyeessuu ni danda’a.
2️⃣Murtii taaksii komiin irratti dhihaate shallaggii taaksii fooyya’een yoo tahe, mirgi shallaggii taaksii fooyya’e komachuu kaffalaa taaksichaa shallaggii taaksii duraa fooyyessuun, hir’isuun yookiin dabaluun fooyya’insa taasifame qofa irratti kan daangawe taha.
3️⃣Akkaataa Keewwata kana muraa 1tiin beeksifni komii kaffalaa taaksiitiin dhihaate sirnaan akka dhihaateetti kan lakkaa’amu haal dureewwan armaan gaditti tarreeffaman yoo guutan qofadha:
A🫱Beeksifni komichaa kaffalaan taaksii sababoota murtii taaksii itti komatu, kaffalaan taaksichaa murticha sirreessuuf fooyya’iinsa taasifamuu qaba jedhee itti amanuu fi sababoota fooyya’iinsa kana taasisuun barbaachiseef sirriitti kan ibsu yoo tahe;
B🫱Komichi shallaggii taaksii waliin kan wal qabatu yoo tahe, kaffalaan taaksii bu’uura shallaggii taaksiitiin taaksii kaffalamuu qabuu fi beeksisa komiitiin mormiin irratti hin dhihaanne kan kaffale yoo tahe; akkasumas
C🫱Murtii taaksichaa irratti komii yoo qabaates taaksicha kaffalee beeksisa komii dhiyeeffachuu kan filate yoo tahe, taaksii itti murtaawe yoo kaffaledha.
4️⃣Abbaan Taayitichaa beeksifni komii sirnaan hin dhihaanne jedhee yoo amane kaffalaa taaksiitiif beeksisa barreeffamaa kanneen armaan gadii ibsu battalumatti ni kennaaf:
A☑️Sababoota komichi sirnaan hin dhihaanne ittiin jedhu; fi 🫴Kanneen armaan gadii keessaa kaffalaan taaksichaa yeroo ture keessatti komii isaa yoo hin dhiyeeffanne yeroon komii itti dhiyeeffatu akka darbu:
☑️Komichi kan ilaallatu beeksifni murtii taaksii qaqqabee guyyoota 21 (digdamii tokko) keessatti; yookiin Akkaataa Keewwata kana muraa 4(b)(i)tiin beeksifni kennamu qaqqabee guyyoota 10 (kudhan) keessatti.
5️⃣Akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 4tiin yeroon komiin itti dhihaatu kan darbe yoo ta’e, Abbaan Taayitichaa beeksisa barreeffamaa kanuma ibsu kaffalaa taaksii ilaallatuuf ni kenna.
6️⃣Akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti ibsameen yeroon komiin itti dhihaatu osoo hin darbiin dura kaffalaan taaksichaa murtii taaksii irratti yeroon beeksisa komii dhiyeeffatu akka dheeratuuf Abbaa Taayitichaatiif beeksisa barreeffamaa dhiyeessuu ni danda’a.
7️⃣Akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 6tiin iyyatni yeroo dhihaatu; Abbaan Taayitichaa:
🟪(a) Kaffalaan taaksichaa naannicha keessa kan hin turre ta’uu isaatiin, sababa dhukkubaatiin yookiin sababa quubsaa birootiin yeroo murtaa’e keessatti beeksisa komii dhiyeeffachuu dadhabuu isaatiinii fi
⬜️(b) Turtiin sababaawaa hin taane akka hin jirre yoo itti amane, yeroon beeksifni komii itti dhihaatu guyyoota 10 (kudhan) hin caalleef dheeressuu ni danda’a.
🟢Keewwata 57
⚖️Komii Taaksii (Gibiraa) Irratti Murtii Kennuu
⏺️1. Abbaan Taayitichaa akkaataa Labsii kana Keewwata 56tiin komiiwwan sirnaan dhihaatan bilisummaan qorachuun murtii komiiwwan irratti kennamuuf kutaa hojii dhaabbii yaada murtii dhiyeessu ni hundeessa.
↘️2. Abbaan Taayitichaa deemsa komiiwwan ittiin dhihaatanii fi dhimmoota yaadni murtii ittiin hundeeffamu qajeelfamaan ni baasa.
➡️3. Kutaan hojichaa komii shallaggii taaksii yeroo qoratu hangi taaksii dabalamuu danda’a jedhee yoo amane, hojjetaan shallaggii irra deebi’ee akka ilaalu yaada murtii ni dhiyeessa.
▶️4. Abbaan Taayitichaa yaada murtii erga qoratee booda komii guutumaan guutuutti yookiin gar-tokkeen fudhachuu yookiin kufaa gochuun murtii ni kenna.
📶5. Murtiin kun kaffalaa taaksiitiif barreeffamaan ni beeksifama; shallaggiin taaksii yoo fooyya’e tarkaanfiileen barbaachisoon ni fudhatamu.
⏸️6. Beeksifni murtii dhimmoota ijoo, argannoowwan, sababoota murtii fi mirga Boordii Ol’iyyannoo Taaksiitti ol’iyyachuu ibsuu qaba.
🛜7. Abbaan Taayitichaa guyyoota 180 keessatti murtii yoo hin kennine, kaffalaan taaksii guyyoota 30 keessatti Boordii Ol’iyyannoo Taaksiitti ol’iyyachuu ni danda’a.
⏺️Keewwata 58
🟪Boordii Ol’iyyannoo Taaksiitiif Ol’iyyannoo Dhiyeessuu
🔲1. Kaffalaan taaksii murtii ol’iyyannoon irratti dhihaachuu danda’u irratti komii qabu beeksisa ol’iyyannoo Boordii Ol’iyyannoo Taaksiitiif dhiyeessuu ni danda’a.
🟫2. Komii shallaggii taaksii irratti dhihaate yoo ta’e, ol’iyyannichi sirrii ta’ee fudhatamuuf taaksiin falmii irra jiru %50 kaffalamuu qaba.
◽️ 3. “Taaksiin falmii irra jiru” jechuun adabbii fi dhala osoo hin dabalatiin taaksii qofa jechuu dha.
🟫 4. Boordiin Ol’iyyannoo Taaksii yeroo ol’iyyannoo dheeressuuf qajeelfama baasuu ni danda’a.
☑️Keewwata 59
🟡Ol’iyyannoo Mana Murtii Ol’aanaatiif Dhiyaatu
1️⃣Murtii Boordii irratti komii qabu beeksifni murtii qaqqabee guyyoota 30 keessatti Mana Murtii Ol’aanaaf dhiyaachuu ni danda’a.
2️⃣Yoo yeroo dabalataa gaafate, Manni Murtii Ol’aanaa yeroo sana dheeressuu ni danda’a.
3️⃣Komii shallaggii taaksii yoo ta’e, taaksiin falmii irra jiru %75 kaffalamuu qaba.
4️⃣Ol’iyyannichi dhimmoota seeraa qofa irratti ta’a. Manni Murtii Ol’aanaa:
🟠 (a) Murtii Boordichaa cimsuu;
⚪️ (b) Murtii Boordichaa diiguun:
- (i) Murtii bakka bu’u kennuu; yookiin
- (ii) Dhimma deebisee Boordii yookiin Abbaa Taayitichaaf erguu;
🔵 (c) Ol’iyyannicha kufaa taasisuu;
🟣 (d) Murtii biroo barbaachisaa ta’e kennuu ni danda’a.
5️⃣“Taaksii falmii irra jiru” jechuun adabbii fi dhala osoo hin dabalatiin taaksii qofa jechuu dha.
☑️ Keewwata 60
🟢 Ol’iyyannoo Mana Murtii Waliigalaatiif Dhihaatu
1️⃣Murtii Mana Murtii Ol’aanaa irratti komii qabu guyyoota 30 keessatti Mana Murtii Waliigalaaf ol’iyyachuu ni danda’a.
2️⃣Yoo yeroo dabalataa gaafate, Manni Murtii Waliigalaa yeroo sana dheeressuu ni danda’a.
🟤Keewwata 61
✅️Dirqama Ibsuu
⚪Bu’uura Kutaa kanaatiin murtii taaksii waliin walqabatee adeemsi falmii taaksii kamiyyuu keessatti, murtiin taaksii sirrii ta’uu dhabuu isaa dirqamni ibsuu kan kaffalaa taaksichaati.
🔴 Keewwata 62
🟢 Murtii Boordii Ol’iyyannoo Taaksii Yookiin Mana Murtii Raawwachuu
1️⃣Abbaan Taayitichaa murtiin Boordii Ol’iyyannoo Taaksii, Mana Murtii Ol’aanaa yookiin Mana Murtii Waliigalaa erga isa qaqqabee booda guyyoota 30 keessatti beeksisa shallaggii taaksii fooyya’e kennuu dabalatee murticha raawwachuuf tarkaanfiilee barbaachisoo ta’an fudhachuu qaba.
2️⃣Daangaan yeroo shallaggii taaksii fooyya’ee Keewwata 30 jalatti ibsame murtii Boordii Ol’iyyannoo Taaksii yookiin Mana Murtii raawwachuuf fooyya’iinsa shallaggii taaksii taasifamu irratti raawwatiinsa hin qabaatu.
📚Hubannoo Seeraa Hawaasaaf!
⚖️ Seera beekuun mirga kee tiksuu fi dirqama kee sirnaan bahuuf furtuudha.
.