Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii

Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Haqaan, Haqaaf, Haqa hojjenna!

Manni Murtii Aanaa kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii hordoftoota amantii Islaamaa hundaan baga ayyaana IId-Alfaxii...
19/03/2026

Manni Murtii Aanaa kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii hordoftoota amantii Islaamaa hundaan baga ayyaana IId-Alfaxiir waggaa 1447ffaan tiin isin gahe jechaa, ayyaani kun kan milkii, kan nagaa fi kan gammachuu akka isiniif ta'u hawwiina!

Manni Murtii A/Kutaa Magaalaa LXL/Daadhii hordoftoota amantaa Kiristaanaa maran  baga Ayyaana Yaadannoo Dhaloota Gooftaa...
07/01/2026

Manni Murtii A/Kutaa Magaalaa LXL/Daadhii hordoftoota amantaa Kiristaanaa maran baga Ayyaana Yaadannoo Dhaloota Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isin gahe jechuudhaan ayyaanichi kan nagaa fi kan milkii akka isiniif ta'u hawwa!

Mata duree lamarratti abukaatota kutaa magaalaa keenyaaf leenjiin kennameera           ***(Sadaasa 20, 2018 L/X/L/Daadhi...
29/11/2025

Mata duree lamarratti abukaatota kutaa magaalaa keenyaaf leenjiin kennameera
***
(Sadaasa 20, 2018 L/X/L/Daadhii) Mata dureewwan "Tajaajila Abukaatummaa fi Naamusa Abukaatummaa jedhurratti; Fi Haala Itti Fayyadama Shaggar E-Court" jedhurratti abukaatota kutaa magaalaa keenyaaf leenjiin kennameera.
Leenjicharratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan pirezdaantiin Mana Murtii A/Ku/Magaalaa L/X/L/Daadhii kabajamoo obbo Jiidhoo Bacharee leenjiin kun haala kenninsa tajaajila haqaa abukaatoon deeggaramee kennamurratti naamusa ogummaa ogeessota kanarraa barbaadamurratti kan xiyyeeffatee fi haala itti fayyadama himannaa halaalaa (Shaggar E-Court) irratti waan xiyyeefateef leenjii kana booda hanqinaalee muraasa kanaan dura adda bahanii turan furuun tajaajila si'ataa fi naamusa ogummaatiin dabaalame ni kennama jedhamee kan amanamu ta'uu ibsaniiru.
Barreeffamni ka'uumsaa mariif ta'u karaa itti gaafatamaa waajjira Abbaa Alangaa kutaa magaalaa L/X/L/Daadhii kabajamoo obbo Diina'ool Taaddasaatiin erga dhiyaateen booda marii bal'aan hirmaattota waltajjiirraa ka'ee marichi kallattii fuul-duraa akeekuun xumurameera.
Dabalataanis haala itti Fayyadama moosajii Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar misoomse (shaggar e-court) irratti karaa bakka bu'aa ogeessa TQO Mana Murtii keenyaa ob Caalchisaa Dirbabaatiin leenjiin qabatamarratti hundaa'e kennameera.
Walumaagalatti leenjii guyyaa har'aa kenname kanaan kan fayyadaman ta'uu hirmaattonni leenjichaa kaasanii kan jiran yoo ta'u; ogummaan abukaatummaa ogummaa kabajamaa haqa hawaasaa baasuu keessatti gahee ol'aanaa qabu waan ta'eef naamusa ol'aanaa ogummichi barbaadu gonfatanii hojjechuun dirqama filannoo hin qabne ta'uun waliigalamee leenjichi goolabameera!
****
★★★Haqaan Haqaan Hojjenna!

Manuma keessan teessanii, jojii keessan hojjechaas, 8794 irratti bilbiluun "Hello Shaggar" jennaan  tajaajila barbaaddan...
04/11/2025

Manuma keessan teessanii, jojii keessan hojjechaas, 8794 irratti bilbiluun "Hello Shaggar" jennaan tajaajila barbaaddan kamuu Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar irraa, akkasumas Manneen Murtii Aanaalee kutaa magaalaa hundarraa argachuu dandeessu!
★ One Call Center
★isinitti dhiyaannee isin tajaajilla!

Leenjii Mata Duree lama irratti hawaasa Mana Murtii Kutaa Magaalaa LXL/Daadhiitiif kenname!        ****(Fulbaana 30/01/2...
10/10/2025

Leenjii Mata Duree lama irratti hawaasa Mana Murtii Kutaa Magaalaa LXL/Daadhiitiif kenname!
****
(Fulbaana 30/01/2018- LXL/Daadhii)
Guyyaa har'aa mata duree lamarratti jechuunis 1ffaa Dhimma Naamusa Hawaasa Manneen Murtii; fi 2ffaa Karooraa fi Hoggansa Bu'aa Irratti Xiyyeeffatee fi haala Qophii Karooraa irratti hojjettoota mana murtii keenyaa hundumaaf kennameraa!
Itti gaafatamaan Waajjira Naamusaa fi Inispeekshinii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar kabajamoo ob Taganee Tasfaayee dhimma Naamusa hawaasa Manneen Murtii akka waliigalaatti fi qabatama haala naamusa hawaasa Mana Murtii Kutaa magaalaa keenyaa irratti bifa hawwataa fi barsiisaa ta'een kennaniiru.
Akkasumas Maalummaa Karooraaf hoggansa Bu'aa irratti xiyyeeffatee fi haala qophii karooraa gareelee/adeemsaalee fi nama dhuunfaa jedhurratti immoo karaa Daarektooreetii Karooraa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar kabajamoo ob Abajjee Allelliny'n leenjiin hawwataa fi bu'a qabeessa ta'e kennameera.
Leenjicha ilaalchisuun Pirezdaantiin Mana Murtii keenyaa kabajamoo ob Jiidhoo Bacharee xumurarratti yaada kennaniin mata dureewwan lamaan filatamanii leenjiin irratti kenname kun mata duree murteessaa fi milkaa'ina hojii bara kana karoorfanneef lafee dugdaa ta'ee kan nu gargaaru waan ta'eef, yeroon leenjichi itti kennames yeroo itti hojii idilee keenya itti jalqabnee fi karoora dhuunfaa fi garee itti qopheeffachaa jirru waan ta'eef haalan kan nu fayyadudha jedhaniiru. Hawaasni Mana Murtichaa hundi leenjii argaterraa sirnaan fayyadamuu akka qabu ibsaniiru. Dabalataanis hojjetaan Mana Murtii kamuu akka gareettis ta'ee akka dhuunfatti Karoora Bu'aa irratti Xiyyeeffate qopheeffachuudhaan karooraan hogganamee hojii isaa naamusa ol'aanaa isarraa eegamu gonfatee hojjechuu akka qabuu fi waan hojjete immoo gabaasa qulqulluu fi yeroo isaa eeggate bifa qindaa'aa ta'een gabaasuu akka qabu akeekaniiru.
Guyyoota muraasa booda karoora Manni Murtichaa qopheeffate bu'uura godhachuudhaan gareeleen fi hojjetaan hundi karoora dhuunfaa qopheeffachuudhaan waadaan waliigaltee kan taasifamu ta'uu ibsaniiru.
★★★ Haqaan haqaaf hojjenna!

Hojiin idilee Manneen Murtii Oromiyaa Fulbaana 21,2018 kan eegalu ta'uun ni beekama!kanumaan Manni Murtii kutaa Magaalaa...
30/09/2025

Hojiin idilee Manneen Murtii Oromiyaa Fulbaana 21,2018 kan eegalu ta'uun ni beekama!
kanumaan Manni Murtii kutaa Magaalaa keenyaas guyyaa boruu hojii idilee kan eegalu ta'uu isaa hawaasa kutaa magaalaa keenyaa fi tajaailamtoota keenya beeksisna!

Address

Lege T'afo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share