Kominikeeshinii Magaalaa Limmuu Gannat

Kominikeeshinii Magaalaa Limmuu Gannat Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kominikeeshinii Magaalaa Limmuu Gannat, Government Organization, Limu Genet.

kaayyoon fuula Facebook kanaa Bulchinsa Magaalaa Limmu Gannat fi uummata walqunnamsiisuu, yaa'insa odeeffannoo qulqulluu ta'e akka jiraatu gochuu, hirmaannaa fi itti fayyadamummaa uummataa guddisuudha.

22/08/2026
Follow 👇👇👇
22/08/2026

Follow 👇👇👇

⚖️
✔️ Haasawa jibbinsaa fi daddabarsa odeeffannoo sobaa too’achuu fi to'achuuf labsiin lakk.1185/2012 ifatti bahee hojii irra jira.
➤ Akkuma beekkamu sadarkaa addunyaattis ta’ee haala qabatama biyya keenyaatiin guddina teeknoolojiin wal-qabatee haasawaan jibbinsaa fi daddabarsi odeeffannoo sobaa haalaan dabaluu isaatiin waliin jireenya ummattootaa jeequu bira darbee soodaa nageenya biyyoolessaa ta'ee waan argameef balaa inni fidu kana qolachuuf labsiin lakk.1185/2012 bahuu danda’ee jira.

✔️ Labsii kana keewwata 2(1) jalatti hiikni yeroo itti kennamu haasawa jechuun “jechaan,barreeffamaan,fakkii,bobbocaalee garagaraa fi karaalee kana fakkaatan kan birootiin ergaa dabarsuu jechuudha “jechuun kaa'ee jira. Haasawa jibbinsaa jechuun immoo eenyummaa nama dhuunfaa ykn garee murtaa’ e tokko miidhuuf sabaa,amantii, qomoo,saala yookiin qaama miidhamumma bu’uura godhachuun itti yaadamee miidhaa geessisuuf haasawa godhamu jechuu akka ta'e keewwata 2(2) jalatti taa’ee arganna.

✔️ Odeeffannoo sobaa jechuun immoo odeeffannoo tokko abbaan odeeffannoo sana dabarsu carraa dhugummaa odeffannoo sanaa qulqulleeffachuu osoo qabuu osoo hin qulqulleeffatin odeeffannoo carraan jeequmsa ykn walitti bu’insa kaasuu isaa ol aanaa ta’e daddabarsuu jechuu akka tahe labsii kana keewwata 2(3) irraa hubachuun ni danda’ama.

✔️ Labsii kana keewwata 4 fi 5 irraa akka hubatamutti namni kamuu miidiyaalee ykn maxxansa hawaasummaatiin haasawa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa maxxansuun dhorkaa akka ta'e tumamee .


✔️ Nama dhoorkaawwan kana darbuun haasawa jibbinsaa kana facaase ykn dabarse adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa 2 ykn adabbii maallaqaa qarshii 100,000 hin caalleen akka adabamu keewwata 7(1) irraa hubachuun ni danda’ama. Sababbii haasawaa jibbinsaa dabarfame kanaan nama dhuunfaa ykn garee irratti miidhaan qaqqabe yoo jiraate adabbiin isaa hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga shanii ta'uu akka danda’u keewwata 7(2) jalatti tumameera.

✔️ Yakka odeeffannoo sobaa dabarsuu namni raawwate immoo adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa tokko ykn adabbii maallaqaa qarshii 50,000 hin caalleen kan adabbamu yemmuu ta’u yakka odeeffannoo sobaa kana kan dabarse fuula miidiyaa hawaasaa hordoftoota 5000 ol qabu ykn broadcastiin ykn maxxansa yeroo yeroon bahuun yoo ta’e adabbiin isaa hidhaa salphaa hanga waggaa 3 ykn adabbii maallaqaa hanga qarshii 50,000 ta'uu akka danda’u keewwata 7(3) fi 7(4) irraa hubachuun ni danda’ama.


✔️ Namoonni dhuunfaa fi Miidiyaaleen broadcastiis haasawa jibbinsaa daddabarsuu fi odeeffannoo tokko dhugummaa isaa osoo hin mirkaneeffatin dabarsuun nageenya ummataa jeequu irraa of qusachuu qabu.

Wajjira Abbaa Alangaa Aanaa Limmuu Kossaafi Magaalaa Limmuu Gannat

Odeeffannoo Magaalaa keenyaa hatattamaan argachuuf 👇🌹👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==

Nu hordofuu keessaniif galatoomaa🙏🙏🙏

21/08/2026

Follow 👇👇👇

21/08/2026

Magaalaan nageenyaa amansiisaa irratti bu'uureffatte holola diinaan hin diigamtu.

Leenjii gahumsaa fi naamusa Konkolaachiftoota Kilastara Limmuu 👇
20/08/2026

Leenjii gahumsaa fi naamusa Konkolaachiftoota Kilastara Limmuu 👇

20/08/2026
Follow 👇👇👇
19/08/2026

Follow 👇👇👇

Address

Limu Genet
NON

Telephone

+251472240091

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kominikeeshinii Magaalaa Limmuu Gannat posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Kominikeeshinii Magaalaa Limmuu Gannat:

Shortcuts

Share