Aba Saya Head Office

Aba Saya Head Office Bulchiinsa Ganda Abbaa Saayyaa

12/03/2026
Bulchaan ganda Abbaa Saayyaa obbo Mangistuu Yiggazuu fi kantiibaan bulchiinsa magaalaa Mattuu Obbo Tashaalee Ejarsoo san...
02/08/2025

Bulchaan ganda Abbaa Saayyaa obbo Mangistuu Yiggazuu fi kantiibaan bulchiinsa magaalaa Mattuu Obbo Tashaalee Ejarsoo sanada karoora hojii galii bara 2018 waliif mallatteessan.🙏

Yaa'iin idilee mana maree uummataa gana Abbaa Saayyaa gaggeeffamaa jira. Manni maree uummataa ganda Abbaa Saayyaa yaa'ii...
13/06/2025

Yaa'iin idilee mana maree uummataa gana Abbaa Saayyaa gaggeeffamaa jira.

Manni maree uummataa ganda Abbaa Saayyaa yaa'ii idilee shanaffaa bara hojii 2ffaa kan waggaa 12ffaa bifa addaan gaggeessaa jira. Yaa'ii kanaanis raawwiin hojiilee mootuummaa garagaraa akka gandichaatti hojjetamaa jiran bakka miseensonni mana marichaa argamanitti dhiyaatee jira.

Bakka bu'oonni hawaasaa fi miseensonni mana marichaas yaadaa fi gaaffilee adda addaan waltajjicha gabbisaniiru.

05/06/2025

Bulchaan ganda Abbaa Saayyaa baga geessan isiniin jedhaniiru

Kaleessa, har'aafi boru guddummaa Itiyoophiyaaf!God8na Iluu Abbaa Boor magaalaa Mattuutti Bitootessa 24, guyyaa Injifann...
29/03/2025

Kaleessa, har'aafi boru guddummaa Itiyoophiyaaf!

God8na Iluu Abbaa Boor magaalaa Mattuutti Bitootessa 24, guyyaa Injifannoo fi dhagaa bu'uuraa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa sababeeffachuun dorgommiin fiigicha daandiirraa geggeeffameera.

Itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee godina Iluu Abbaa Boor obbo Moosisaa Lammeessaa, Bitootessi 24 guyyaa sabaafi sablammootni biyyattii dhimma biyyasaanii murteeffachuuf gaheefi aangoo itti gonfateefi misooma waloo humna walootiin itti eegale ta'uusaatiin guyyaa injifannoo addaati jedhan

Obbo Kaasaahun Haayiluu itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Mattuu, Bitootessi 24, guyyaa hin danda'amuun itti danda'ameefi qaanqeen injifannoo biyya keenyaa itti qabsiifame guyyaa addaati jedhaniiru.

Fiigicha kanarratti hojjetootni mootummaafi jiraattotni magaalaa Mattuu hirmaataniiru.

Bitootessa 24, guyyaa biyyattiin qabsoo sabaafi sablammoota biyyattiitiin daandii haaraa itti eegaltedha. Karaa biraatiin immoo guyyaa dhagaan bu'uuraa hidha guddicha Itoophiyaa itti kaa'ame ta'uusaatiin guyyaa Injifannoo dachaa ta'uudhaan kabajama.

Fiigichi kun dhaadannoo harka Xiiqiif gamtaa'ee, Siidaa dhalootaa kaa'e jedhuun kan geggeeffame yoo ta'u dorgomtoota mo'ataniifis badhaasni kennameera.

Address

Metu

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aba Saya Head Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share