Oromia tube

Oromia tube Oromia tube

15/06/2022

WALALOO

Ibsituu miira koo
Mi'eessituu aartii
Hiriyaa dhugumaa
Fira kiyya aantii!

Sumaanin si faarsa
Jedheen dhabe jecha
Jaalallikee gubee
Onnee na belbelcha!

Ati naaf ayyaana
Kennaa rabbii guddaa
Sinsinnii hin beektu
Na waliin jiraatta
kunoo yeroo hundaa!

Of biraa sin dhabu
Akkuma gaadidduu
Si waamnaan owwaatta
Tasuma nan diddu!

Madaa keessa kootii
Ummataan naaf geessa
Bakka guddaa qabda
Onnee kiyya keessaa!

Kennaa koo walaloo;
Hangafa afoolaa
Situ onnee natti horee
Gad nabaase golaa!

Gameettii umrii dheeraa
Kumootaaf dhibbootaa
Simboo aartii sabaa
Bu'uura sirbootaa...!

Erga galaa godhee
Waaq si nabaachisee
Si galaaseen darba
Dhaloota dhaalchisee!

Dilbiin jechoota Oromoo
Biiliyoonota kumaa
Hammaarran tasan fixu
Adada hin qabu dhuma!

Anis keessaa fudhadheen
Siin aartii sabaa kabaa
Dhimma filannoo miti
Kanaaf dirqaman qaba!

Akka sin xureessineef
Faltiin yeyyiif sarootaa
Kitaabaan katabamtee
Taa'uu qabda barootaa!

Har'a dhiibbaafi dhabni
Natti taatullee gufuu
Gaaf-tokko sin dabarsa
Anis dhaloota dhufuu!

Albuuda dhuma-n qabne
Kan hin hanne hattuuni
Naaf jiraadhu walaloo
Sin argatin hamtuuni!

15/06/2022

WALALOO

Ibsituu miira koo
Mi'eessituu aartii
Hiriyaa dhugumaa
Fira kiyya aantii!

Sumaanin si faarsa
Jedheen dhabe jecha
Jaalallikee gubee
Onnee na belbelcha!

Ati naaf ayyaana
Kennaa rabbii guddaa
Sinsinnii hin beektu
Na waliin jiraatta
kunoo yeroo hundaa!

Of biraa sin dhabu
Akkuma gaadidduu
Si waamnaan owwaatta
Tasuma nan diddu!

Madaa keessa kootii
Ummataan naaf geessa
Bakka guddaa qabda
Onnee kiyya keessaa!

Kennaa koo walaloo;
Hangafa afoolaa
Situ onnee natti horee
Gad nabaase golaa!

Gameettii umrii dheeraa
Kumootaaf dhibbootaa
Simboo aartii sabaa
Bu'uura sirbootaa...!

Erga galaa godhee
Waaq si nabaachisee
Si galaaseen darba
Dhaloota dhaalchisee!

Dilbiin jechoota Oromoo
Biiliyoonota kumaa
Hammaarran tasan fixu
Adada hin qabu dhuma!

Anis keessaa fudhadheen
Siin aartii sabaa kabaa
Dhimma filannoo miti
Kanaaf dirqaman qaba!

Akka sin xureessineef
Faltiin yeyyiif sarootaa
Kitaabaan katabamtee
Taa'uu qabda barootaa!

Har'a dhiibbaafi dhabni
Natti taatullee gufuu
Gaaf-tokko sin dabarsa
Anis dhaloota dhufuu!

Albuuda dhuma-n qabne
Kan hin hanne hattuuni
Naaf jiraadhu walaloo
Sin argatin hamtuun

15/06/2022

Nuti qaama tokko
Miilaa hanga mormaa
Addaan facaatanii
Hin ta'inaa orma!

Wallottis dhaladhu
Wallaggaafi jimmaa
Dhabnikee dhabakoo
Dhimmikee naaf dhimma

Harargees yoo taate
Arsii yookaan Baalee
An wol hin caalchisu
Gandaaf gooxii laalee

Booranaafi gujii
Matakkaliif shawaa
Anaafis qoricha
Wanti-isiniif dawaa

Faffaca'uun fafa
Addaan wal dhiluuni
Anaaf biyya kooti
Beddelleef iluuni...

Kutaan adda baanee
Hin dhandhamnu eelaa
Dheebuunkee Kan kooti
Beelli kee naaf beela

Bahaaf lixa-n jennu
Kaaba yookaan kibba
Wol jaalanna sabaa
Haa jibbinu jibba!......

Na gahee sin hanqatu
Cabnu woliin okkolla
Gufannus walumaani
Ceenus woliin offolla!..

Ija bitaaf mirgaa
Hin laallu addatti
Hin galinaa sabaa
Hin gallu gandatti!

Tokkummaan oromummaa
Irbuu goota kumaatii
Galfata hin nyaatinaa
Dhaamsa kiyya dhumaati!

Address

Nazareth
ETB€

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia tube posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia tube:

Share

Category