07/11/2025
Ani Barsiisaadha
isa gatiinsaa qaalii
deemiitii baradhu
sin sakaalin wallaalli
ogummaan kootiis kana
muummee Afaanii
ofirraa murii koottu
sin sakaalin haanni
ani lammiifiin hojjadha
nyaadhee hin baasu garaa
dhaloota qubee qaruuf
dubbisiiseen gargaara.
hojiin koo nama dinqa
ani dhalootaan barsiisa
dukkana irraa saaqeen
daandii ifaa garsiisa
yoomiyyuu hin dagadhu
imaanaa hawaasa kanaa
fuul durri koo ifaadha
balballi kootiis banaa
irbuu seeneetiin jira
hawaasa kankoo qaruu
miindaan kankoo xiqqaatuus
abdii hin kutadhu garuu.