Nagele Town Prosperity Party Youths League 2014

Nagele Town Prosperity Party Youths League 2014 Kun peejii Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Nageelleeti

Telegram:- https://t.me/nageleyouthsleague2014

25/05/2022
20/04/2022

Tarkaanfiin shororkeessitoota qulqulleessuu cimee itti fufa!

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Humni shororkeessaa, shaneen, jaarmiyaa siyaasaa akeekaa fi kaayyoo dantaa sabaa ka’umsa godhate kan hin qabne ta’uu isaanitiif gocha hammeenyaa waggoottan afran darban ummata Oromoorratti raawwateen mirkaneesseera.

Tarkaanfii qindaa’aa tibba kana irratti fudhatamaa jiruun kan guyyaan itti dukkanaa’e hoggantoonni humna shororkeessaa kanaa qabatamaatti waan dhalli namaa namarratti hin raawwanne ummata Oromoorratti raawwachaa kan turaniifi jiran ta’uu ofumaan ragaa ofirratti bahuu eegalaniiru.

Dantaan ummata Oromoo afaan qawween osoo hin taane, caalmaa yaadaa fi yaadamaa siyaasaa dirree demokraasii keessatti dhalatuun mirkanaa’aa waan ta’eef, humni kun qabsoo karaa nagaatti akka deebi’u yaalii bal’aan taasifamaa turee jira.

Waamichi qabsoo karaa nagaa kun Mootummaadhaan alattis ummata Oromoo hundarraa dhiyaachaa kan ture ta’ullee, shaneen ergama baandummaa siyaasa Oromoo cabsuuf manaa bahe waan ta’eef, guyyaa guyyaatti gochaa diinummaa Oromoo salphisuu hojii ijoo godhatee itti fufe.

Sababa kanaan, ummanni Oromoo waggoottan afran darban keessatti gochaa hammeenyaafi gar-jabinaa seenaa keessatti argeefi dhagahee hin beekne keessumeessaa turee jira. Gochoonni suukkaneessoon safuufi duudhaa Oromummaa faalleessan danuun shaneedhaan raawwatamaa turaniiru.

Horata dinagdee waggoota hedduuf itti dhama’e kaan ibiddaan kan hafe ammoo saamichaan dhabeera. Daandiin barnootaa gameeyyii qabsoo Oromoo kaleessaatiin saaqame humna shororkeessaa kanaan cufamuun ijoolleen Oromoo lakkoofsi isaanii xiqqaa hin jedhamne barnoota idilee irraa ugguramanii akka mana oolan ta’ee jira.

Ummanni Oromoo diina shanee caale hin qabu. Diina ammoo sosobbaan osoo hin taane haleellaan ofirraa dhabamsiisu. Bu’uura kanaan tarkaanfii qindaa’aan tibbana qaama nageenyaan humna gantuu kanarratti fudhatamaa jiru yeroo gabaabaa keessatti ummata Oromootiif aara galfii fiduu akka danda’u injifannoowwan t

26/02/2022
26/02/2022
Sochii Ispoortii koreen
26/02/2022

Sochii Ispoortii koreen

06/06/2014Ⓛ︎Ⓘ︎Ⓘ︎Ⓖ︎Ⓘ︎Ⓘ︎ Ⓓ︎Ⓐ︎Ⓡ︎Ⓖ︎Ⓐ︎Ⓖ︎Ⓖ︎Ⓞ︎Ⓞ︎Ⓣ︎Ⓐ︎Ⓐ︎Bulchiinsa Magaalaa Nageelleetti,Mariin "Filatamuun Jijjiiramanii Biyya J...
13/02/2022

06/06/2014
Ⓛ︎Ⓘ︎Ⓘ︎Ⓖ︎Ⓘ︎Ⓘ︎ Ⓓ︎Ⓐ︎Ⓡ︎Ⓖ︎Ⓐ︎Ⓖ︎Ⓖ︎Ⓞ︎Ⓞ︎Ⓣ︎Ⓐ︎Ⓐ︎
Bulchiinsa Magaalaa Nageelleetti,Mariin "Filatamuun Jijjiiramanii Biyya Jijjiiruuf" mata duree jedhuun guyyoota 3'f turu Jalqabeera.
Marii kanarratti Hoggansi Magaalaa,K/Hundee Hojjataa mootummaa,Jarmiyaalee Dargaggoo fi Dubartootaa fi Hoggansi Gandaa Hirmaataniiru.
Ajandaa kanaan Raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa,akkasuma Hojiimaata Paartii Badhaadhinaa Gamaaggamuun sirna raawwii fi raawwachiistummaa kan itti ilaallamu ta'a.
Dabalataan Tooraa fi keessoo paartichaa Qulqulleessuuf qaamaa hanga dhuunfaatti kan sakatta'amu ta'a.

Address

Negele

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nagele Town Prosperity Party Youths League 2014 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share