26/10/2021
Ogeessa namaa!!
Namoonni tokko tokko na kofalchiisu na bohaarsus. Yeroo ta’e tokko si wajjiin hedduu walitti siqu. Yeroo waliin jiraattu sana keessatti akka tasaa ta’ee waan inni ta’uu fedhu sana dursitee taatee yoo argamte, siinis milkaa’inakees walumatti qabee si balfa.ykn si jibba.
Yoo tajaajilaa taate “ Tajaajilaa bara kanaa” jedhee hamilee si rukkuta. Yoo ati qabeenya horatte “barattiin waliin dhooftotaaf taate” jedha.
Ofii in ciisa, siin isa deemuuf tattaafatu immoo hamileekee gadi qu’a.
Yoo inni faarfate qofa faarfannaan Sirrii ta’a, yoo inni raaje qofa raajummaan sirrii ta’a, yoo inni waltajjii qabate qofa waltajjiin nama isa madaalu argate. Nama nana! Tarii akkasitti of yaadda taanaan na Amani ati Cuunfaa ( inaaffaa +jibbaa +Abdii kutannaa ) dhugaa jirta.
Qooda kanaa tattaafadhu, hojjedhu, dafqi, waan sirraa eegamu godhi. Isa booddee milkaa’inni aadaa jireenyakee siif taati. Yaa obbolootakoo waan gaarii waliif haa yaannu; nu malee Waaqayyoo akka nama qabu haa barru. hojii kamiin iyyu haa ta’uu nu Caalaa hojjechuu kan danda’an akka jiran garaan keenya haa beeku. Iddoo nagaa oolaa.
Share godhii darbi yoo sitti tole
Source: my life experience
.......Galatoomaa.......
https://youtube.com/channel/UCPTlQ6dbB-n2wGHEBlvcw1A