Mana Murtii Ol'aana Godina Wallagga Bahaa

Mana Murtii Ol'aana Godina Wallagga Bahaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Ol'aana Godina Wallagga Bahaa, Government Organization, Nekemte, Nekemt.

Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Wallagga Bahaa 8ffaan Geggeeffame. # # # # # # # # # # #( Hagayya 06, bara...
13/08/2026

Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Wallagga Bahaa 8ffaan Geggeeffame.
# # # # # # # # # # #
( Hagayya 06, bara 2018 MMO Godina Wallagga Bahaa)-Yaa'iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Wallagga Bahaa 8ffaan Dhaadannoo "
Hudhaalee Tajaajila Abbaa seerummaa Maqsuun, Qulqullina tajaajila Abbaa Seerummaa ni Mirkaneesina! " jedhuun magaalaa Naqamteetti geggeeffameera.
Yaa'icha irratti Pirezidaantonni godinalee ollaa,Abbootiin seeraa godinichaa ,hooggantoonni manneen hojii sadarkaa godinaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Dhuma irratti Abbootii Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Aanaa raawwii ol'aanaa galmeessan,Manneen Murtii Aanaalee raawwii Ol'aanaa galmeessanii beekamtiin kennamuun yaa'ichi haala milkaa'ina qabuun goolabameera.

12/08/2026
Jala Bultii Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Wallagga BahaaHagayya 06/2018
11/08/2026

Jala Bultii Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Wallagga Bahaa
Hagayya 06/2018

Leenjiin hubannoo dandeettii raawwachisummaa cimsu dhimma moosaajii bulchiinsa dhimmoota qindaa'aa Manneen Murtii Oromiy...
30/07/2026

Leenjiin hubannoo dandeettii raawwachisummaa cimsu dhimma moosaajii bulchiinsa dhimmoota qindaa'aa Manneen Murtii Oromiyaa Manneen Murtii Aanaalee Godina keenyaaf pirezidaantootaa Aanaaleef, Abbootii Seeraa, Ofiseeroota Seeraa fi TQO hirmaachise guyyoota lamaaf Kennamaa ture xumuramee jira.

Hubannoon Moosaajii bulchiinsa dhimmoota qindaa'aa Manneen Murtii Oromiyaa Manneen Murtii Aanaalee Godina keenyaaf kennu...
28/07/2026

Hubannoon Moosaajii bulchiinsa dhimmoota qindaa'aa Manneen Murtii Oromiyaa Manneen Murtii Aanaalee Godina keenyaaf kennuun eegalameera.

Hubannoon Moosaajii bulchiinsa dhimmoota qindaa'aa Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaa Mana Murtii Olaanaatti abbootii seer...
25/07/2026

Hubannoon Moosaajii bulchiinsa dhimmoota qindaa'aa Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaa Mana Murtii Olaanaatti abbootii seeraa fi Ofiseeroota Seeraa Mana Murtii Olaanaaf guyyoota lamaaf Kennamaa ture goolabameera. Leenjiin hubannoo moosaajii bulchiinsa dhimmoota qindaa'aa Kun Manneen Murtii Aanaaleef torbee dhufuu kaasee kan itti fufu ta'a.

Moosaajii Bulchiinsa Dhimmoota Qindaa'aa Manneen Murtii Oromiyaa irratti leenjiin kennamuu eegale  # # # # # # # # # # #...
23/07/2026

Moosaajii Bulchiinsa Dhimmoota Qindaa'aa Manneen Murtii Oromiyaa irratti leenjiin kennamuu eegale
# # # # # # # # # # # #
( Adooleessa 16, bara 2018 MMO Godina Wallagga Bahaa)- Leenjiin hubannoo moosaajii kenniinsa tajaajila Abbaa Seerummaa gara waraqaa maleessatti ceesisuuf dhimma qindaa'aa Manneen Murtii Oromiyaa ' Oromia Integrated Court Case Management System' ( OICCMS) irratti leenjiin Abbootii Seeraa Mana Murtii Olaanaa, Ofiseeroota Seeraa, Ogeessota TQO, Deeksii Odeeffannoo, Garee Naamusaa fi Inspeekshinii hirmaachiseef kennamuu eegaleera. Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaas, moosaajiin bulchiinsa dhimmoota qindaa'aa Manneen Murtii guutummaan guututti gara waraqaa maleessatti ceesisa waan ta'eef hubannoon isaa hawaasa Manneen Murtii keenyaaf marsaa marsaan sadarkaa hundatti kennamuun kan itti fufuudha jedhaniiru

Gamaaggamni karoora raawwii hojii waggaa Manneen Murtii Aanaalee Godina Wallagga Bahaa gaggeeffame. # # # # # # # # # # ...
23/06/2026

Gamaaggamni karoora raawwii hojii waggaa Manneen Murtii Aanaalee Godina Wallagga Bahaa gaggeeffame.
# # # # # # # # # # #
( Waxabajjii 16, bara 2018 MMO Godina Wallagga Bahaa)- Gamaaggamni karoora raawwii hojii waggaa bara 2018 bakka Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa, koree bulchaansaa Mana Murtii Olaanaa, pireezidaantoota, Qindeesitoota Kenna tajaajila hojii abbaa seeraa, dursiitoota garee karooraa fi faayinaansii Manneen Murtii Aanaalee argamanitti dhiyeessi pirezidaantoota Manneen Murtii Aanaaleen dhiyaate irratti yaadaaf gaaffiin hirmaatota irraa fi koree gabaasa dubbiisan irraa dhiyaateen mariidhaan gabaasootni dhiyaatan gaabbataniiru. Dhuma irrattiis, Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Godina Wallagga Bahaa kabajamoo Obbo Zaraabzaa Goobasaa karoora raawwii hojii waggaa bara kanaa roga maraan waan milkaa'ameef hawaasa Manneen Murtii sadarkaan jiranii fi qaamoolee biroo tumsa hojiif taasisaa turan galateeffachuun wal-tajjiin gamaaggama gabaasa raawwii hojii waggaa xumurameera.

Yaa'iin  Manneen Murti Aadaa Aanaa Waayyuu Tuqaa fi hubannoon taarsimoo ittisa ragaa sobaa irratti gaggeeffame.∆∆∆∆∆∆∆∆(...
09/06/2026

Yaa'iin Manneen Murti Aadaa Aanaa Waayyuu Tuqaa fi hubannoon taarsimoo ittisa ragaa sobaa irratti gaggeeffame.
∆∆∆∆∆∆∆∆
( Waxabajjii 02, bara 2018 MMO Godina Wallagga Bahaa)- Yaa'iin Manneen Murtii Aadaa fi hubannoon taarsimoo Ittisa Ragaa Sobaa irratti jaarsoolee Mana Murtii Aadaa, Abbootii Gadaa, Haadhoolee Siiqee, Abbootii Amantaa, qaamoolee mootummaa Aanaa Waayyuu Tuqaatii bakka hoggantootni godinaa argamanitti gaggeeffameera. Hubannoon kenname karaa kabajamoo Obbo Kabbadaa Mallasaa Abbaa seeraa Mana Murtii Olaanaa fi sochii fi raawwii waliigalaa Manneen Murtii Aadaa immoo Karaa kabajamoo Obbo Tokkummaan Kooruu Pirezidaantii Mana Murtii Aanichaa dhiyaatee mariin gabbateera. Dhuma irrattiis, deeggarsa meeshaalee hojii Manneen Murtii Aadaaf kan kennamee fi raawwii hojii gidduu galeessa godhachuun sagantaan sadarkeessaa fi beekumtii Manneen Murtii Aadaas taasifameera.

Address

Nekemte
Nekemt

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Ol'aana Godina Wallagga Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mana Murtii Ol'aana Godina Wallagga Bahaa:

Shortcuts

Share