Debela Enkosa Ebsa

Debela Enkosa Ebsa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Debela Enkosa Ebsa, Transit System, Nekemt.

31/01/2026
04/09/2022
πŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘Œ IN NEKEMTE TOWN
04/09/2022

πŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘Œ IN NEKEMTE TOWN

π™ΌπšŽπšŽπšœπš‘πšŠπšŠπš•πšŽπšŽ πš†πšŠπšŠπš“πš“πš’πš›πšŠπšŠ, πš–πšŽπšŽπšœπš‘πšŠπšŠπš•πšŽπšŽ π™ΌπšŠπš—πšŠ πš”πšŽπšŽπšœπšœπšŠπšŠ πšŠπš”πš”πšŠ πšπšŽπšπš‘πšŠ πš”πšŽπšŽπšœπšœπšŠπš—πš’πšπšπš’ π™ΊπšŠπš— πš—πšž πš‹πš’πš›πšŠπšŠ πšŠπš›πšπšŠπšπšπšŠπš— 𝚝𝚊'𝚞 πš’πšœπšŠπšŠ π™ΆπšŠπš–πš–πšŠπšŒπš‘πšžπšžπš— πš’πšœπš’πš—πš’πšπšπš’...
02/05/2022

π™ΌπšŽπšŽπšœπš‘πšŠπšŠπš•πšŽπšŽ πš†πšŠπšŠπš“πš“πš’πš›πšŠπšŠ, πš–πšŽπšŽπšœπš‘πšŠπšŠπš•πšŽπšŽ π™ΌπšŠπš—πšŠ πš”πšŽπšŽπšœπšœπšŠπšŠ πšŠπš”πš”πšŠ πšπšŽπšπš‘πšŠ πš”πšŽπšŽπšœπšœπšŠπš—πš’πšπšπš’ π™ΊπšŠπš— πš—πšž πš‹πš’πš›πšŠπšŠ πšŠπš›πšπšŠπšπšπšŠπš— 𝚝𝚊'𝚞 πš’πšœπšŠπšŠ π™ΆπšŠπš–πš–πšŠπšŒπš‘πšžπšžπš— πš’πšœπš’πš—πš’πšπšπš’ π™·πš’πš–πš—πšŠ.

01/12/2020

Nekemte

02/09/2020

--Qajeelfamoota Jireenya Kiristaanaa ulfaatoo fi hedduu barbaachisoo shanan kana dubbisaa--

Kaleessa mata duree ' BA'AA JAALALAA' jedhu jalatti qajeelfamoota jireenya Kiristaanaa shan Roomaa 12:9-21 keessatti kennamanin Waldaa keenyatti qoodee ture. Isaanis:-
: Jaalalli keessan dhugaa haa ta'u!
Kun jechuun fakkeessuu nama hin jaallatamaa jechuudha. 'Jaalala ' dhiisaa jechuudha. Bu'aaf nama jaallachuu utuu hin taane namni bifa Waaqayyoon waan uumameef jaallanna..Gaa'elli jaalala dhugaa irratti hin ijaaramin in dhiifama. Yeroo amma gaa'elli biyyoota guddatanii dhibbeentaan walakkaatti kan tilmaamu wal hiikuun xumurama. Polotikaa keenya keessattillee jaalala nuuti qabnu kan faayidaa wayii argachuu[taayitaa, qarshii, ijaa baafannaa...] irratti ijaarame malee kan dhugaan saba ofii jaallachuu keessaa madde hin fakkaatu. Jaalalli dhugaan ni ulfaata, garuu ulfinaan nama jiraachisa.

: Of jajuu dhiisaa, gad of deebisaa jiraadhaa! Yesuus ulfina isa Waaqayyo abbaa wajjin wal isa qixxeessu dhiiseetu foon uffate gara biyya lafaa dhufe. Kun waan amantii Kiristaanaa adda godhudha. Akkasumas amantii kana namni akka baay'ee qeequ Kan godhudha. Maal attamitti Waaqni guddaan gadi bu'ee nama ta'a? Maaliif achuma teessoo isaarra taa'ee waan fedhe hin godhu jenna. Kun amala namni jaallatudha. Nus yoo milkoofte ykn aangoo qabaanne gara hiyyeessaa fi isa dararamaa jiru dhaquu hin feenu..Hiyyeessi maaliif gaafa walga'ii guguddaan magaalaa Finfinnee keessatti adeemsifamu daandii irraa kaafamu seetan?! Hiyyuummaa dhoksuu feena. Hidhamaa dhoksuu feena. Rakkataa mandara keenyarraa fakkeessuu feena..Yesuus garuu gadi of deebisii isaan waliin jiraadhu jedha. Waan fedheefuu namni waan ittiin of jaju maal qaba? Hoomaa!! Of jajuun kufaatiif nama qopheessa. Kanaaf, jireenya keessatti of jajuun haa hafuutii laphee keenya keessatti yaaduunuu qajeelaa miti.
: Ijaa baasuu Waaqayyoof dhiisi!!
Gaaf tokko Daawwit lola deemee milkaa'ee gale. Saa'olis milkaa'eera garuu hamma kan Daawwit hin ga'u. Kanaan hinaaffaan itti gale. Adaraa maaloo nama wajjin dorgomuu dhiifnee mul'ataa fi kaayyoo jireenya keenyaan haa dorgomnu!..Ammas kana hin dagatinaa!!
Saa'olitti hinaaffaa sanaan dahatee seexanni itti galee akka Daawwitiin ajjeesuu qabu itti hime. Eeboo itti darbate. Ammas dabalee darbate. Waaqayyo garuu Daawwitiin eege. Gaaf tokko garuu Saa'ol harka Daawwit keessa buunaan Daawwit nama Waaqayyootti qubakoo hin buusu jedhee dhiise..Ijaa baafachuun akka gootummaatti ilaalama mitii?..Waaqayyo garuu hin jaallatu! Ofii isaa inni ijaa siif haa ba'u..Haqakees siif haa falmu..In falmammoodha. Of hin dandeenyu..Waaqayyo garuu gatii keenya nuuf baasa.
4ffaa: Diinakee nyaachisi
Tuqaan 3ffaa ijaa baasuu dhiisi jedha. Kun ammoo baddu baasayyuu diinakee nyaachisi jedha. In yaadattu obbolaa Yooseef? Isaan dabarsanii du'atti isa kennan. Akka yaada isaanitti abjuu gufachiisuu isaaniiti. Garuu inni midhaan tola isaan nyaachiseetu du'arraa isaan baraare..Deebisee obbolummaa garaa isaanii keessaa dammaqse. Biyyi lafaa diinakee nyaachisi yoo jedheef summii kenniif jechuu isaati..Waaqayyo garuu aannan obaasiitii diinummaa sana itti qabbaneessi nuun jedha..Kun baay'ee ulfaata garuu akkasitti tola jedhe Wangeelatu..
: Warra gammadanii wajjin gammadi; warra bo'anii wajjinis bo'i.
Kun gaddaa fi gammachuu namaa qooddadhu jechuudha. Bara nuuti keessa jiraannu kana keessa du'i baay'een waan jiruuf bo'uumayyuu dadhabneerra. Garuu Waaqayyo akka walii keenyaaf ba'aa bannu nu yaadachiisa. Waanan hin daganne gaafa Haacaaluun boqote bo'icha guddaa sabni keenya bo'uu sanadha. Garuu namni jedhus tureera. Sun baay'ee na gaddisiise.Akkasumas namoota mana hidhaa keessa jiranitti kan qoosan darbee darbee saba keenya keessaas ta'e saba biraa keessaa nan arga. Inuman of qaba malee waan akkasii waan meeqa na dubbachiisuu ga'a. Xiiqii hin taanettis nama hoofa. Garuu Waaqayyo jira jedheeman amanee of qaba. Nu garuu akka sabaattis ta'e dhuunfaatti kufaatii firaa miti kan nama ykn gartuu diina jennuuttillee gammaduun nurra hin jiru. Milkaa'ina isaaniif gammaduu malee..

Tuqaan shanan kun hojiirra oolchuuf ulfaataa ta'us karaa sirrii fi Waaaayyo jaallatuudha. Kiristaanummaan ammoo kan beekumsa fi humna keenyaan goonu utuu hin taanee amantii fi ayyaana Kiristoosiin kan jiraannuudha. Qajeelfama armaan olii ayyaana Waaqayyoon malee jabina namummaan hojii oolchuun waan hin dandaa'amneef Waaqayyoon na gargaari jechuu qabna.

Kun kanaati...

Sagaleen dhiyeessuuf har'a naaf hin mijanne. Boritti nan dhiyeessa. Waan dubbiftaniif eebbifamaa..

Address

Nekemt

Telephone

+251919268984

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Debela Enkosa Ebsa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category