Taarikuu Ashabbir

Taarikuu Ashabbir Odeeffannoo yeroo yerootti jireenyakee irraatti dhiibbaa pozetiivii fiduu danda'an irratti kan xiyyeeffatedha.

06/08/2025

Hjjkk
DUBBIILEE HAYYOOTAA

➊. Albert Einstein - "Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha."

➋. Steve Jobs - "Yeroon kee daanga'aa dha, kanaafuu itti jiraachuu nama kan biraa hin balleessin."

➌. Bill Gates - "Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha."

➍. Warren Buffet - "Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha. Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin."

➎. Bruce Lee - "Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate."

➏. Albert Hubbard - "Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a. Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u."

➐. Robert Kiosks - "Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa."

➑. Abraham Lincoln - "Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan."

➒. Audrey Hepburn - "Wanti kamiyyuu ni danda'ama."
"Nothing is impossible, the word itself says "I'm possible."

➓. Maya Angelou - "Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu. Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu, namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan."

➊➊. Mike Ditka - "Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte."

➊➋. Muhammad Ali - "Guyyaa hin lakkaa'in, guyyaan akka lakkaa'aman godhi!"
Dubbisuun sammuu gabbisaa

06/08/2025
05/08/2025

Soorama
Qajeelfama Soorama Hojjettoota Mootummaa Itiyoophiyaa

1️⃣ Soramaaf Galmaa'uu

Hojjetaan mootummaa kamiyyuu, guyyaa hojii eegale irraa kaasee guyyoota 60 keessatti Ejensii Wabii Hawaasummaa keessatti sooramaaf galmaa'uu qaba.

2️⃣ Hirmaannaa Gumaacha Sooramaa:

%7 hojjetaa irraa,

%11 mootummaa irraa

=> Waliigala = %18

Poolisii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa:

%7 hojjetaa irraa,

%25 mootummaa irraa

=> Waliigalaan = %32

3️⃣ Sababoota Soorama Baasu:

— Yeroo umurii waggaa 60 guute

— Rakkoo fayyaa cimaa qabachuun hojii yoo dhaabu

— Miidhaan qaamaa hojiirratti isa qaqqabe

— Du'a

— Yoo umurii waggaa 55 guutee fi tajaajila waggaa 25 ol qabaate (fedhii isaatiin soorama bahuu danda'a)

4️⃣ Sorama Bakka Bu’aadhan Kaffalamu:

— Sababa dulloomaa

— Sababa dhukkuba cimaa

— Du’a

5️⃣ Soorama Duubatti Hafe (Kan Yeroo Darbeef Hin Kaffalamu)

— Yoo gaafii sooramaa dhiyaachuu baate, yookiin soorama isaaf murtaa’e osoo hin fudhatin waggaa 3 oliif turame, soorama sun hin kaffalamu.
👉 Garuu, guyyaa gaafii dhiyeesse irraa eegalee kaffaltiin ni eegalama.

— Erga soorama gaafateen booda waggaa sadii guutuu osoo hin fudhatin yoo ture, soorama isaa cufamee kaffaltii jalaa haqama (hin kaffalamu).

6️⃣ Shallaggii Soorama Yeroo Umuriin Waggaa 60 Guutu

Yeroo hojjetaan mootummaa umuriin isaa waggaa 60 guutu, mindaan soorama akkasitti shallagama:

Waggaa 10 jalqabaa = %30

Kan waggaa 10 olii = tokkoon tokkoon waggaatti %1.25

Fakkeenya: Tajaajila waggaa 27 yoo qabaate:

Waggaa 10 jalqabaa = 30%

Waggaa 17 × 1.25 = 21.25%

=>Waliigala = 51.25%

Yoo mindaan waggoota sadii gara dhumaa Birrii 6,000 ta’e:

51.25% × 6,000 = Birrii 3,075

👉 Kana jechuun, Birrii 3,075 ji’aan soorama argata jechuu dha.

7️⃣ Hojjetaan Mootummaa Tokko Fedhii Isaatiin Soorama Bahuu kan Danda’u:

— Umuriin isaa waggaa 55 yoo guute, fi

— Tajaajila waggaa 25 fi isaa ol yoo qabaate, fedhii mataa isaatiin soorama bahuu ni danda’a.

⚠️ (Kan Poolisii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa kanarraan adda)

8️⃣ Hojjetaan S

02/08/2025


Dogoggorri nama tokkoof nama hunda xuraa'aa hin godhu, barsiisaan abbaakee fi haadhakeerra baay'ee sitti dhiyoodha, ilaalcha ati har'a ofiikeef qabdu kan sikeessa kaa'e barsiisaadha,sammuu isa akka sammuu hoolaa nama akkasitti yaadu sigodhe, warri haasoftan haasa'aa hamma ofkeessaa fixxanitti warri kabaja barsiisaaf qabdanis ni jirtu.
Namni nama isaa gaditti dubbii hin baay'su nama isaa oliitti malee, hamachuu fi salphisuunimmoo seexana irran kaasee kan warra hamootaati,
Warraa qullaa namaa bakkee baasanii itti kolfan macaafni qulqulluu "garba garbootaa ta'aa jedha"
!

30/07/2025

14

29/07/2025

🚨 Liverpool have reached an agreement over a five-year contract with Alexander Isak.

A bid of £100M will be submitted and the Reds hope to reach a deal for around £120M.

(Source: )

28/07/2025

Lallaba guyyaa21/11/2017

‎Argachuudhaaf fiiguu ykn dhama'uu 1qor 9: 24-27
‎Akk nam fiigicha keessa jiruu
‎Akka nama qilleensa abootuumiti
‎Akka nam badhaasa fudhatuutti fiiguutti fiiguudha

‎10 Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti utuu jiruu gaariis ta'e hamaas ta'e, akkuma hojjetetti waan isaaf ta'u akka argatuuf, nuyi hundumti keenya barcuma firdii Kristos duratti dhi'aachuuf jirra.
‎ 2qor 5

‎Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo'ichaa hin argatu
‎ 2xm 2;5
‎Fiigicha keenya:
‎ Of bitanii fiiguu
‎1 ofirraa of eega
‎2 namarra of eegaa fiiguu
‎1Qor 9 ;27
‎27 Ani warra kaan dorgomeetti waamee ofii kootii akkan keessaa hin hambifaneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda'u haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta'a.

W.w.w.guutuu wangeelaa Daaloo Naqamtee

I am with my father and my brother!
23/07/2025

I am with my father and my brother!

Address

Nekemte

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Taarikuu Ashabbir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Taarikuu Ashabbir:

Share

Category