Biiroo kitaabaa

Biiroo kitaabaa Gosoota kitaabaa haaraa ba'an ykn gadhiifamaan. Seenaas ta'e barnootaaf kan oolan beeksisudha.

18/03/2026
uggum ! Yaa bareedina uumamaa !!!!
08/10/2021

uggum ! Yaa bareedina uumamaa !!!!

Kun mallattoo maaliiti beektuu?
06/06/2021

Kun mallattoo maaliiti beektuu?

➡️Deendrokiroonoloojiin (dendro chronology) saayinsii guddina biqiltootaa qoo’atu dha.➡️ Dhibbantaan 90 nyaanni nu nyaat...
14/05/2021

➡️Deendrokiroonoloojiin (dendro chronology) saayinsii guddina biqiltootaa qoo’atu dha.
➡️ Dhibbantaan 90 nyaanni nu nyaatnu biqiltoota 30 qofa irraa dhufa.
➡️ Kaarotni jalqabaa bifti isaa daanguleessa (purple) dha.
➡️Raafuun dhibbantaan 91 bishaanidha.
➡️ Hagayya 10 bara 2015tti astiroonomeroonni nyaata hawaa keessatti guddate yeroo jalqabaatiif nyaataniiru.
➡️ Akka qorannoo bara 2015 godhametti namoonni nyaata isaanii keessattii mi’eessituu (spicy) fayyadaman umrii dheeraa jiraatu.
➡️ Indoooneezhiyaan biyya addunyaa edola baay’ee qabaatuun 1ffaa taatedha.
➡️Baay’inni isaas 13,000 ol ta’a jedhamee tilmaamama.
➡️Kuubaa fi kooriyaan kaabaa biyyoota addunyaa keessaa biyya kookaa koollaan (coca cola) itti hin gurguramnedha.
➡️ Biyyoonni hordoftoota buudizimii kan ta’an taayilaand, burmaa, sirilaankaa, kaambodiyaa fi laa’os ayyaana waggaa isaanii guyyaa 3f kabaju.
➡️ Awustraaliyaa keessatti lagni tokko maqaan isaa “gonkumaa gonkumaa” (never never) jedhamu ni jira.

😀Itti fufa ѕнαяє ѕнαяє

Biiroo kitaabaa

 !✅✅✅✨Namicha simbirroo kiyyeesuudhaan qalee foon ishee qorannoof dhi'essu tokkotu simbira bareedduu tokko kiyyoodhaan q...
06/05/2021

!✅✅✅

✨Namicha simbirroo kiyyeesuudhaan qalee foon ishee qorannoof dhi'essu tokkotu simbira bareedduu tokko kiyyoodhaan qabe. Sanyiim simbira sana baayyee barbaadamtuu waan ta'eef simbira sana qabachuuf baayyee itti dadhabaa ture. Qabachuu isaatiifis guddaa gammade. Simbirrottiin garuu sagalee dhaggeessiftee, "Yaa namicho utuu ati nan ajjeesinan gorsa jireenya keetiif si fayyadu sadii si gorsaa naaf eeyyami. Gorsi an amma si gorsu kun immoo jireenya keetiif dhimma guddaa siif baasa. Qajeelfama jireenyaa of keessa waan qabuuf bu'aa guddaa siif buusee milka'aa jireenyi isaa gaabbii hin qabne si godha. Kanaaf gorsakoo kana dhaggeeffattee hin dhiisinii sirriitti dhaga'i. Erga dhaggeesseen boodas yaadatti qabadhuuti hojii irra oolchii" jetteen. Namichis dubbachuu isheetiif baayyee na'eetu, "Tole! Gorsa jireenya kootiif na gargaaru fi qajeelfama jireenyaa ta'e kana dhaga'uu hawwera. Kanaaf Sin dhaggeeffadha, sin dhaga'a, yaadattis qabadheen ittiin jireenyakoo geggeeffadhaa natti himii" jedheen.

✨Simbirrottiinis, "Gorsikoo inni tokkoffaan kan biraa dabalachuuf jettee isa qabdee jirtu harkakee keessa gadi hin dhiisinii ogummaan qabadhu. Lammaffaa, jireenyakee keessatti tasumaa waan darbeef gaabbitee yerookee isa ammaa of jalaa hin balleessin. Ammaaf isaan kana lamaan sirriitti qabadhuu hojii irra oolchi. Isa sadaffaa immoo amma sitti hin himuu..." jetteen. Namichis dhaga'uuf baayyee sardamee waan tureef akka isheen itti himtuuf cimsee kadhate. Simbirroon namicha gorsaa osoo jirtuu addaan kutte kun garuu tasumaa isa sadaffaa sitti hin himuu jettee isa didde. Innis irra deddebi'ee ishee kadhate. Simbirri sunis, "Akkan sitti himu erga barbaaddee dura gadi na dhiisi sittan himaa" jetteen. Namichis guddaa gammadee akka isheen itti himtuuf ariitiidhaan harka isaa keessaa gadi ishee dhiise. Isheenis barristee irraa asii ol fagaatte. Namichis asii ol ishee ilaalee, "Yoo ati gadi na dhiiste sittan hima waan ati jetteefan ariitiin gadi si dhiiseem. Kanaaf natti himii" jedheen.

✨Simbirri sunis asii gadi namicha ilaalteetu, "Yaa namicho an gorsakoo dhaga'i hojii irra oolchi malee dhaggeeffatte hin dhiisin siin jedheen ture. Ati garuu waanan si gorse hin dhaggeenye. Gorsi an sitti hime inni jalqabaa kan biraa dabalachuuf jettee isa qabdee jirtu gadi hin dhiisin kan jedhu ture. Ati immoo gorsa irratti gorsa dabalachuuf jettee ana ishee dadhabbii baayyeen harka keessa galfattee turte gadi dhiifte. Gorsakoo isa duraa dagachuu keetiin anaan dhabde. Isa lammaffaa yoo dagatte immoo bakka amma dhaabbattee jirtu kana ni turta. Hojiinkees, yeroonkees ni bada. Kanaaf gorsikoo inni sadaffaa isa lammaffaa irra jiru yoo hojii irra oolchite sitti himamaa" jetteetu biraa deemte. Namichis amma isheen deebitee dhuftutti of irra gadi taa'ee simbira itti dadhabee qabee deebisee of harkaa baasuu isaatiin qarshii dhabe yaadee baayyee gadde. Gaabbiin hudhamee quba isaa ciniine. Simbirri gorsituun sunis deebitee dhufte. Namichis gammadee ol ka'ee dhaabbate. Isheenis, "Gorsikoo inni lammaffaa maal kan jedhu turee" jettee gaafatte. Namichis, "Jireenyakee keessatti waan darbeef tasumaa gaabbitee yerookee isa amma of jalaa hin balleessin" jedhaa jedhee deebiseef. Isheenis, "Ati garuu gaabba jirta. Kanaaf siif gorsi barbaachisu yoo jiraate, isa qabdutti iyyuu fayyadamuu hin beektu isa hin qabne barbaachaan of hin dhamaasin kan jedhu qofa" jetteen! ifaadha. Warri dubbistan warra kaaniif yoo gootan nan gammada!

!

irraati

Yeroo tokko tokko waan irratti hundooftee dubbattu ykn falmitu yoo jiraate; akka beekaa tokkotti waan dubbate hindagatii...
30/01/2021

Yeroo tokko tokko waan irratti hundooftee dubbattu ykn falmitu yoo jiraate; akka beekaa tokkotti waan dubbate hindagatiin.

Ofitti amanamummaadhaan hojjechuun sadarkaa gaggeesummaatti sifida. Kaayyoo keetti amantee jechaan duuba hindeebi'in.
24/01/2021

Ofitti amanamummaadhaan hojjechuun sadarkaa gaggeesummaatti sifida. Kaayyoo keetti amantee jechaan duuba hindeebi'in.

Address

Nekemte

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biiroo kitaabaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Biiroo kitaabaa:

Share

Category