17/12/2025
Manni Murtii Aanaa Daaboo Haannaa Guyyaa har'aa jechuun 07/04/2018 Koree Ittisa Ragaa sobaa Manguddoota biyyaa, Abbootii Amantaa, Seekteroota Mootummaa Kenna tajaajila haqaa qindoominaan waliin hojjennu kanneen akka Waajjira Gurmaa'insaa, Waajjira Abbaa Alangaa, fii Waajjira poolisii irraa waliitti bobbahan irraa hundeessuun Barreeffama gabaabaa Gahee qaamolee haqaaf dhimmamtootaa ilaallatu irratti dhiyeessiin erga gaggeeffameen booda yaadaaf gaaffii mana keessaa kahe irratti deebii iftomina barbaadu kara hoggansa manaatin irratti kennameera.
Dabalataanis, Ragaa sobaa ittisuu irratti hojii hojjetan gabaasa isaa ji'a ji'aan akka dhiyeessan akkasumas gamaggamni raawwii Hojii ji'a lama lamaan akka gaggeeffamu kallattiin kennamee waltajjiin har'aa xumurameera.