Bilo Nopa Woreda Health Office

Bilo Nopa Woreda Health Office here we are to serve our community

23/09/2016
waajjira eegumsa fayyaa Aanaa Biloo Nophaatti sakatta'insa qulqullina manneen nyaataa fi shaqaxaa ykn suuqii godhameen l...
02/07/2016

waajjira eegumsa fayyaa Aanaa Biloo Nophaatti sakatta'insa qulqullina manneen nyaataa fi shaqaxaa ykn suuqii godhameen lallaafaan yeroon isaa itti darbe mana shaqaxaa lama keessatti kan argamee fi daldaltoota kana irratti of eeggaannoo cimaan jalqabaa kennameera. kanuma duukaa uummanni keenyas wantoota akka kanaa yeroo fayyadamtan guxyaa x-date jedhu ilaaluu akka hindaganne ni hubaachiifna.
'health is wealth"

Waajjirri eegumsa fayyaa A.B.Nophaa dhukkubsattoota HIV/AIDS tiif gargaarsa qarshii %2 seektara mootummaa irraa walitti ...
19/04/2016

Waajjirri eegumsa fayyaa A.B.Nophaa dhukkubsattoota HIV/AIDS tiif gargaarsa qarshii %2 seektara mootummaa irraa walitti qabame 112236 namoota 30f harkati kennuun jireenya jaraa akka fooyyessaniif akkasumas leenjiin hubanoo HIV geggeessitoota seektaraaf kennameera

02/04/2016
18/03/2016

Dhukkuba Sukkaaraatiin—Qabamuu Hirʼisuun Ni Dandaʼamaa?
DHIBEEN sukkaaraa addunyaa maratti babalʼateera. Dhukkubni kun gosa gurguddaa lamatti hirama. Inni tokkoffaan ijoollummaatti kan jalqabu yommuu taʼu, yeroo ammaa doktooronni akkaataa itti ittisuun dandaʼamu hin beekan. Matadureen kun gosa isa lammaffaa dhukkuba sukkaaraa gara parsantii 90 of keessatti qabatee jiruu kan ibsudha.
Kanaan dura gosti dhukkuba sukkaaraa inni lammaffaan namoota gurguddaa qofa qabachaa kan ture siʼa taʼu, yeroo dhihoodhaa asitti garuu ijoollee xixinnoos qabachaa jira. Haataʼu malee, dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaatiin qabamuu hirʼisuun akka dandaʼamu ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu. Waaʼee dhukkuba hamaa taʼe kanaa hubannaa tokko tokko argachuunkee si fayyaduu dandaʼa.
Dhukkubni Sukkaaraa Maalidha?
Sukkaarri dhiiga nama tokkoo keessa jiru yommuu baayʼatu dhukkuba sukkaaraa fida. Dhukkubni kun adeemsa sukkaarri dhiiga keessatti godhu jeequudhaan seelonni annisaa isaan barbaachisu akka hin arganne godha. Kunimmoo qaamonni keenya akka miidhamaniifi dhiigni akka gaariitti akka hin sochoone godha. Kunis yeroo tokko tokko qubni ykn miilli akka kutamu, iji akka jaamuufi dhukkubni kalee akka uumamu godha. Namoota dhukkuba sukkaaraatiin qabaman keessaa hedduunsaanii dhukkuba onneetiin qabamanii ykn dhiigni sammuusaanii keessatti dhangalaʼee duʼu.
Sababii guddaan dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa, coomni qaama keessatti garmalee baayʼachuusaati. Coomni garaa keessattiifi naannoo mudhiitti kuufamu dhukkuba sukkaaraatiif kan saaxilu taʼuusaa ogeessonni fayyaa ni amanu. Keessumaammoo coomni rajiijiifi tiruu keessatti kuufamu marsaan sukkaara dhiiga keessatti argamuu akka jeeqamu kan godhudha. Maarree carraa dhukkuba kanaan qabamuu hirʼisuuf maal gochuu dandeessa?
Tarkaanfiiwwan Sadan Carraa Dhukkuba Sukkaaraatiin Qabamuu Hirʼisuuf Gargaaran
1. Sadarkaa dhukkuba kanaaf si saaxiluu dandaʼurratti argamta taanaan sukkaara dhiigakee keessa jiru qorachiisi. Dhukkubni sukkaaraa gosti lammaffaan nu qabuusaa dura baayʼinni sukkaaraa dhiiga keenya keessa jiru garmalee dabaluunsaa dhukkubni kun nu qabuuf akka jedhu kan argisiisudha. Namni tokko dhukkuba kanaan qabamuu baatus sukkaarri dhiigasaa keessatti baayʼachuunsaa fayyaasaa kan tuqudha. Haataʼu malee toʼachuurratti garaagarummaa qabu. Dhukkuba sukkaaraa toʼachuun kan dandaʼamu taʼus, guutummaatti fayyisuun hin dandaʼamu. Namoonni sukkaarri dhiigasaanii keessatti baayʼatus dhukkuba sukkaaraatiin hin qabamne tokko tokko, baayʼina sukkaara dhiigasaanii keessatti argamuu sirreessuu ni dandaʼu. Haataʼu malee, namni tokko sukkaarri garmalee dhiigasaa keessatti baayʼatus, mallattoon dhukkuba kanaan qabamuusaa argisiisu isarratti hin mulʼatu taʼa. Kanaaf haala akkasii utuu hin hubatin yeroo dheeraaf turuu dandaʼa. Gabaasni tokko akka ibsetti namoota addunyaa maratti argaman keessaa miliyoona 316 kan taʼan, sukkaarri baayʼeen dhiigasaanii keessatti kan argamu taʼus, hedduunsaanii kana

ሙዝ ለጤናችን የሚሰጠን 10 ጥቅሞች/10 Health Benefit Of Banana(በዳንኤል አማረ ©ኢትዮጤና)1. ሲጋራ ማጨስ ማቆም ለሚፈልግ ሰው በጣም ጠቃሚ ነው፡፡2. የአእምሮ አቅም ወይም...
03/03/2016

ሙዝ ለጤናችን የሚሰጠን 10 ጥቅሞች/10 Health Benefit Of Banana
(በዳንኤል አማረ ©ኢትዮጤና)
1. ሲጋራ ማጨስ ማቆም ለሚፈልግ ሰው በጣም ጠቃሚ ነው፡፡
2. የአእምሮ አቅም ወይም አስተሳሰብ እንዲጨምር ይረዳል፡፡
3. በወር አበባ ጊዜ የሚከሰትን የሆድ ቁርጠት ያስታግሳል፡፡
4. የደም ማነስን ይከላከላል፡፡
5. ጤናማ አጥንቶች እንዲኖሩን ያደርጋል፡፡
6. ድብርትን ይቀንሳል ወይም ይከላከላል፡፡
7. በልብና በደም ግፊት በሽታዎች የመያዝ ዕድላችንን ይቀንሳል፡፡
8. በወባ ትንኝ ተነክሰን በሚያሳክከን ጊዜ የሚያሳክከንን ነገር ይቀንሳል ወይም ያስታግሳል፡፡
9. የምግብ ስልቀጣ ሂደት የተረጋጋ እንዲሆን ያደርጋል፡፡
10. ውስጣዊ ወይም ውጫዊ የሰውነት ቁስለት ቶሎ እንዲያገግም ይረዳል፡፡
መልካም ጤንነት!! ለጓደኛዎ ሼር ያድርጉ
ለበለጠ የጤና መረጃ ይህን ገጽ ላይክ ያድርጉ

03/03/2016

Dhukkubni hepatitis B (virasii tiruu) mallattoonsaa maalii? Akkamiin daddarbaa? Akkamiin irraa of eeggachuu dandeenyaa? Talaallii qabaa?
Dhukkubni tiruu kan viral hepaatitis jedhamu gosoota vaayiresii shan ( hepatitis A, hepatitis B, hepatitis C, hepatitis D fi hepatitis C virus) kan nama qabu yoo tahu rakkoo tiruu irratti kan yeroo dheeraa kan fidan hep B fi C qofadha. Hep A karaa bishaan faalamee yoo darbu yeroo muraasaa qofa tiru hubee ofumaan deebee kan dhiisudha. Hepatitis D ofiisaan ofdanda'ee osoo hin taane hepatitis B irratti maxxaneeti. Hepatitis E kan jedhamu ammoo kan miidhaa cimaa fiduu danda'u dubartoota ulfaa irratti.
Hepatitis B virusii tiruu kan miidhaa tiruu yeroo gabaabaa (acute viral hepatitis) fi miidhaa tiruu yeroo dheeraa (chronic viral hepatitis) kan namatti fiduu danda'udha. Dhukkubni kun karaan ittiin daddarbu inni guddaa karaa qunnaamtii saalaa fi meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuudhaani. Akkasumas haadha irraa dhalatti (yeroo da'umsaa fi gadameessa keessatti), dhangalaa'aa kaamiyyuu qaama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti faca'uun. Karaan daddarbuu isaa dhukkuba HIV waliin wal fakkaata garuu carraan daddarbuu kan virasii kanaa HIV caalaa baayyee olka'aadha.
Mallattoon dhukkuba kanaa: halluu ijaa gara keellootti jijjiiruu, haalluun fincaanii bifa cocacolla fakkaachuu, dadhabsiisuu, nyaata jibbisiisuu, balaqqamsiisuu, dhagna gubsiisuu fi kanneen birooti.
Of eeggaannoon nuti gichuu qabnu namoota dhukkuba kana akka qaban beekamee fi mallattoo dhukkuba kanaa qaban (haga mana yaalaa deemnee qoorachiifnutti) harka duwwaa tuttuquu fi kanneen birio irraa of qusataa hattatamaan deemnee of qusachuu qabna.
Oduu gammachiisaan dhukkuba kana waliin wal qabatee jiru talaalliin hepatitis B virus haga dhibbeentaa 90 umrii guutuu dhukkubicha namarraa dhorkuu danda'a. Talaalliin kun keessumaa namoota mana yaalaa keessa hojjataniif namoota qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin taasisaniif hedduu barbaachisaadha Taalaalliin kun namaoota umuriin keenya sadarkaa daa'immanii ol ta'eeg kilinikoota dhuunfaa hedduu keessatti argama. Daa'immaniif garuu akkuma sagantaa talaalliitti kennamaa jira. Yoo tarii osoo talaallii isaa him fudhatiin dhiiga nama dhukkuba kana qabuu waliin walitti buutan, qorichi sa'aa 72 keessatti fudhachuu qabdan (immunoglobulin) ni jira. Inni qarshiin isaas baayyee keenyatti waan ulfaatuuf dursanii talaallii fudhachuutu gaariidha.

Address

Nopa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bilo Nopa Woreda Health Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share