09/06/2026
Waxabajjii 2, 2018
Baalee, Roobee
_____________
𝐖𝐢𝐱𝐢𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐥𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢 𝐒𝐨𝐜𝐡𝐢𝐢 𝐃𝐚𝐥𝐝𝐚𝐥𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚𝐧 𝐀𝐥𝐚𝐚 (𝐊𝐨𝐧𝐭𝐫𝐨𝐨𝐛𝐚𝐚𝐧𝐝𝐢𝐢) 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐟𝐚𝐦𝐮 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐠𝐚𝐡𝐞𝐞 𝐨𝐥𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐚𝐤𝐞𝐞𝐤𝐚𝐦𝐞 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐁𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐁𝐮'𝐨𝐨𝐭𝐚 (𝐇𝐏𝐑) 𝐔𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐪𝐨𝐩𝐡𝐚𝐚'𝐞 𝐫𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚𝐬𝐢𝐟𝐚𝐦𝐞
___________
Waxabajjii 2, 2018; Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa, yaa’ii idilee 24ffaa isaa irratti, wixinee labsii Labsii Gumuruukaa fooyyessuuf qophaa’e qoratee raggaasiseera.
Dura taa'aan koree dhaabbataa karoora, baajataa fi faayinaansii mana maree bakka bu'oota ummataa Kabajamoo Obbo Desalegn Wedaje gabaasaa fi murtee mana marichaaf dhiyeessuun, wixineen labsii kun tattaaffii kontirobaandii ittisuuf taasifamu cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Dabalataan wixineen labsii kun waliigalteewwan idil-addunyaa dhimmoota daldalaan wal qabatan irratti biyya keenyaan mallattaa’an waliin walsimsiisuuf kan qophaa'e ta’uu fi hojimaata gumurukaa irratti haqummaa mirkaneessuuf haala mijataa uumuuf ta’uunis ibsameera.
Kana malees, wixineen labsii kun guddina indaastirii omishaa biyya keenyaa kan deeggaru fi invastimantii kan jajjabeessu ta'uun akeekame.
Wixineen labsii kun dhoorkiiwwanii fi daangaawwan labsii kanaan dura ture keessatti tumame yeroo hojiirra oolu rakkoolee raawwii keessatti mul’atan furuuf tumaalee barbaachisoo ta’an dabaluu fi hammachiisuun kan qophaa'e ta'uun akeekamee jira.
Wixineen labsii kun adeemsa shallaggii gibiraa fi gibiraa irratti komii alaa galchitoonni (Importers) dhiyeessan irratti gufuulee muudachaa turan maqsuuf tumaalee hammatus eeramee jira.
Miseensonni mana marichaa gama isaaniitiin hojiin yeroo qophii wixineen labsichaa hojjetame adeemsa qorannoo fi gamaaggama seeraa barbaachisaa ta’e hordofee, labsichi sirnaan gamaaggamamee madaalamuu isaa ibsaniiru.
Sababa fe’umsa meeshaalee kontiroobaandiitiin konkolaataa akka qabamu tumaan hayyamu jiraatus, abbaan qabeenyaa gochicha keessatti hirmaannaa kan hin qabne yoo ta’e qabeenyi sun fudhatamuu akka hin qabnes hubachiisaniiru.
Abbaan qabeenyaa konkolaataa , konkolaataa isaa konkolaachisaaf yeroo dabarsee kennu konkolaachisaa amanamaa fi seera kabaju qacaruun miidhaa ykn gocha seeraan alaa irraatiif Wabii sirrii fi barbaachisaa ta’e qabachuu akka qabus hubatameera.
Dhumarratti, Manni Marichaa wixinee labsii kana irratti marii bal’aa erga taasisee booda, wixinee labsii Labsii Gumuruukaa, Labsii Lakk.1425/2018 taasisuun sagalee caalmaadhaan raggaasisee jira.
𝐌𝐚𝐝𝐝𝐚: http://www.facebook.com/hoprparliament