Daily WBO Information

Daily WBO Information Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Daily WBO Information, Political organisation, Adama, Robe.

Page'n kun kaayyoon inni banameef odeeffannnoo sirrii yeroo sirrii fi barbaachisatti ummata oromoo biraan gahuudhaafi kanaafuu isinis gama keessaniin akka nama biroo bira qaqqabuuf share waliif godhaa

Bara Namni Hanga bineensaa itti yaaduu dadhabe keessa jirra🤔Bineensi bineensa caale nama😭
20/01/2025

Bara Namni Hanga bineensaa itti yaaduu dadhabe keessa jirra🤔
Bineensi bineensa caale nama😭

❤💚❤  jetti na waamti jarri, jetti na waamti jarri, jetti na waamti jarri, jetti na waamti jarri!Yosan getahun !
06/11/2023

❤💚❤
jetti na waamti jarri, jetti na waamti jarri, jetti na waamti jarri, jetti na waamti jarri!
Yosan getahun !

01/10/2023



Dubbii seena qabeessa, kan yoomuu hin dagatamne!Wayyaaneen akkas jette, "Yoo balleessaa kee amantee dhiifama gaafatte hi...
09/09/2023

Dubbii seena qabeessa, kan yoomuu hin dagatamne!

Wayyaaneen akkas jette, "Yoo balleessaa kee amantee dhiifama gaafatte hidharraa si hiikna.”

Baqqalaan akkas jedhe,

“Yoo dhiifama gaafachuun barbaachise isiniin utuu hin taane, Uummata Oromoofi Waaqayyoon qofan dhiifama gaafadha.

1. Hacuucaan Oromoo irra ga'aa jiru hagam hamaa akka ta'e himuu dhiiseera yoon ta'ee fi kanas kanan godhe Oromoon saboota biroo waliin jiraachuu akka danda'uuf jedhee yoo hin taane saba Oromoo dhiifaman gaafadha.

2. Qabsoon ani mirga Oromoof jedhee godhe fedhii dhuunfaa koof yookiin beekamtii dhuunfaa akka naaf dabaluuf jedhee yoo ta'ee fi uummanni biyya kanaa hundi bilisummaa, kabajaa fi walqixxummaadhaan akka jiraataniif jedhee yoo hin taane Waaqayyoon dhiifaman gaafadha.

Mirga dimokiraasii fi mirga namoomaa uummata koo, kanin fedhii fi hawwii koon osoo hin taane fedha Waaqayyoon keessatti dhaladheef qabsoon ani karaa nagaa godhee fi aarsaan xiqqoon ani kaffale yakkatti lakkaa'amee seeraan ala himatamuun koo ittuu na boonsa.”

Baqqalaa Garbaa, nama dhugaaafi garraamii; nama qajeelummaa jaallatu!

Thank you for everything!

  Oromummaa Oromummaan sirrumaa bareede Jabaadhu gameessa keenya!❤
09/09/2023



Oromummaa
Oromummaan sirrumaa bareede Jabaadhu gameessa keenya!❤

  - Akkuma jarri "GAALLAA/ጋላ" jettee xiinsammuu Oromoo tuquu yaaltu, nutis "ጀውሳ/  " jennee waamuun xiinsammuu isaanii ru...
18/08/2023

- Akkuma jarri "GAALLAA/ጋላ" jettee xiinsammuu Oromoo tuquu yaaltu, nutis "ጀውሳ/ " jennee waamuun xiinsammuu isaanii rukutna. Jawwusaa jechuun hattuu, saamtuu fi likiskisii daddeebii jechuudha. Ilmaan Immiyyee dhiiga dhaabuuf yeroo kamuu jecha kanatti fayyadamaa.
Via

Weellisaan Gameessi Oromoo Ibraahim Aadam du’aan addunyaa kana irraa boqate.Artist Ibraahim Aadam bara jireenya isaatti ...
13/07/2023

Weellisaan Gameessi Oromoo Ibraahim Aadam du’aan addunyaa kana irraa boqate.

Artist Ibraahim Aadam bara jireenya isaatti walleewwan warraaqsaa weellisuu hamma qabsoo hidhannoo adeemsisutti qabsaa’aa kan ture yoo ta’u dhibee yeroo dheeraa isa muudatteen Adoolessa 13 bara 2023 guyyaa har’aa du’aan addunyaa tana irraa boqote.

Artist Ibraahim Aadam dhukkubsatee Hospitaala magaalaa Harar kan Jogol jedhamutti wal’anamaa erga turee boqote.

Weellisaan hangafni kun bara jireenya isaatti walleewwan warraaqsaa sirbuun ummata Oromoo kan dammaqsaa ture yoo ta’u, albamoota sadii fi sirboota qeenxee 10 weellisuun ummata Oromoo biratti jaalatamummaa guddaa horatee jira.

Weellisaan gameessi bara dukkanaatti aartii fi hidhannoon qabsaa’aa ture, Ibraahim Aadam saba isaa fi ummata Oromoo irra du’aa adda bahus seenaan bara baraan isa yaadata jedhan namoonni OMNf yaada kennan.

OMN du'a Weellisaa Gameessa Ibraahim Aadamiin maatii fi firoottan isaa akkasuma ummata Oromoo bal’aaf jajjabinna hawwa.

Source of information:-OMN

Haati Hamzaa Booranaa balaa Konkolaataa mudateen boqachuu dhaga'een baayyee tokko gadde. Aayyoo nagatti! Nagayoo Hamzaa ...
12/07/2023

Haati Hamzaa Booranaa balaa Konkolaataa mudateen boqachuu dhaga'een baayyee tokko gadde.

Aayyoo nagatti! Nagayoo Hamzaa Booranaatiif mara maatii Nagayoo Adaanee Dhaanaa Roobaa fi firoottan hundaa jajjabina hawwa.

Waaqayyo isin haa jajjabeessu!😭

Waraana Isa dhugaa kan jedhamu Waraana Bilisummaa Oromooti! ❤️💚❤️The rest is fake and a group of
02/06/2023

Waraana Isa dhugaa kan jedhamu Waraana Bilisummaa Oromooti! ❤️💚❤️
The rest is fake and a group of

"Ani nama Aangoof dantaa hin qabneedha, aangoon qabadhe mirga ummata Musliimaa hin kabaachiisu taanan qilee haa seenu. N...
02/06/2023

"Ani nama Aangoof dantaa hin qabneedha, aangoon qabadhe mirga ummata Musliimaa hin kabaachiisu taanan qilee haa seenu. Nutu jiga malee ammaan achi Masjidni diigamu hin jiraatu."

Sheek Hajjii Ibraahim Tufaattu jedhe

Hiriirri mormii diigamuu Masgiidotaa har'a Shaashamannee irraa jalqabee jira.Dhaabbilee amantaa diigaa magaalaan ijaaram...
26/05/2023

Hiriirri mormii diigamuu Masgiidotaa har'a Shaashamannee irraa jalqabee jira.
Dhaabbilee amantaa diigaa magaalaan ijaaramtu hin jirtu.
Shaashamannee

Ummanni keenya waan gaafate argachuun dirqama Yoo hin taane immoo Jira Leencichi bosonaa Kan fedhii ummata isaa guutuuf ...
22/05/2023

Ummanni keenya waan gaafate argachuun dirqama Yoo hin taane immoo Jira Leencichi bosonaa Kan fedhii ummata isaa guutuuf jooru!
WBO❤️💚❤️

Address

Adama
Robe
ALL

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Daily WBO Information posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Daily WBO Information:

Share