Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee

Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee MMO Magaalaa Roobee
Haqaaf Haqaan Hojjanna!!!

Leenjiin Moosaajii Sirna Bulchiinsa Qindaawaa Dhimma Manneen Murtii Oromiyaa(OICCMS) irratti Abukaatota Dhuunfaaf kennam...
02/09/2026

Leenjiin Moosaajii Sirna Bulchiinsa Qindaawaa Dhimma Manneen Murtii Oromiyaa(OICCMS) irratti Abukaatota Dhuunfaaf kennamaa ture milkaa'inaan goolabame.
_______
(Hagayya 27/2018 Roobee)
Manneen Murtii Ol'aanaa Godina Baalee fi MMO Magaalaa Roobee waliin ta'uun leenjii mata-duree "Moosaajii Sirna Bulchiinsa Qindaawaa Dhimma Manneen Murtii Oromiyaa(Oromia Integrated Court Case Managament System)" jedhurratti Abukaatota Dhuunfaa Godina Baalee fi Magaalaa Roobeetiif leenjii kennaa ture milkaa'inaan goolabee jira.

Pirezidaantii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Baalee kabajamoo Obbo Muhaammadxayyib Nuuree fi pirezidaanti MMO Mag. Roobee Kabajamoo ob. Taammiree Shubbuutin haasa'a taasisaniin Abukaatonni Dhuunfaa qaamolee waliin hojjannu keessaa qaama murteessaa ta'uu ibsuun hirmaattonni leenjichaa leenjii Moosaajii Sirna Bulchiinsa Qindaawaa Dhimma Manneen Murtii Oromiyaa irratti kennamerraa hubannoo argattaniin kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa gara waraqa maleessaatti ceesisuuf tarsiimoo Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa qabatee deemaa jiru mirkaneessuu keessatti gahee keessan akka bahattan abdii guddaa akka qaban kaasaniiru.
Kanaaf,Abukaatonni Dhuunfaa hundi hubannoo walfakkaataa horattanii galma gahiinsa kaayyoo Moosaajichaatiif tumsa barbaachisu gochuunii fi xiyyeeffannoo guutuu kennuun sirna haqaa cimsuuf akka hojjatan dhaamuun saganticha milkaa'inaan xumuranii jiru.
@@@@@@@@@
Kom. MMO Mag. Roobee
# # # # # # # # # # # # # #

Sirni Mallaattoo fi walharkaa fuudhinsa Karoora BIX gaggeeffame.(Hagayya 26/2018 Roobee) # # # # # # # # # # # # # # # #...
01/09/2026

Sirni Mallaattoo fi walharkaa fuudhinsa Karoora BIX gaggeeffame.(Hagayya 26/2018 Roobee)
# # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
sirni Mallaattoo fi walharkaa fuudhinsa Karoora BIX Bara bajataa 2019 Manneen Murtii Aanolee Kutaa Magaalaa Roobee fi MMO Mag. Roobee jidduutti fi Adeemsalee MMO fi Hoggansa waliin taasifameera.
Guyyaa har'aa Karoorrii MMA tokko tokkoon Ergaa dhiyyaatee booda mariin irratti taasifameera. Iddoowwaan karooraa keessatti harcaatin mul'atee akka sirree ffamuu fi ciminoota karooraa adda baasuun ilaalameera.
pireezidaantii MMO Mag. Roobee Kabajamoo ob. Taammiree Shubbuu Sirna Mallaattoo fi walharkaa fuudhinsa karooraa dura kallattii kawwaniin akka jedhanitti, harcaatiwwaan bara darbe toorota xiyyeeffannoo 4'n jalatti adda bahan irratti xiyyeeffatamee karoorfachuu fi kutannoon irratti hojetamuu akka qabu,
Karooricha sadarkaa keessoo fi qaamoleen alaatti hubannoo gahaa irratti kennamuu akka qabu,
karoorrii sadarkaa hanga nama dhuunfatti akkaataa qabatama gahee hojii hojjetaatin qophechuu akka qabamuu fi
walumagalatti karoorrii akka Manneen Murtii Mag. Roobeetti qophaayee karooraa nuhojjechiisuu danda'u ta'u kaasuun Hawaasni MM fi Qaamoleen hirtaa hunduu milkaa'ina karoorichaaf tattaaffii irraa eegamuu akka raawwatamu dhaamaniiru.
@@@@@@@@@@@@@@@
Kom. MMO Mag. Roobee
@@@@@@@@@@@@@

Beeksisa 2ffaa Wardiyaa Mana Murtii Ol'aanaa Mag. Roobee fi MMA kutaa Magaalaa Adoosheef bahee namoonni fedhii fi ulaaga...
31/08/2026

Beeksisa 2ffaa Wardiyaa Mana Murtii Ol'aanaa Mag. Roobee fi MMA kutaa Magaalaa Adoosheef bahee namoonni fedhii fi ulaagaa guuttaan MMO Magaalaa Roobee kutaa BQHumna Namaatti galmawuu dandeessu.

Leenjiin Dandeettii Raawwachisummaa Cimsu MMO n kennamaa ture goolabame (Hagayya 22/2018 Roobee)@@@@@@@@@@@@@@@@@@@MMO M...
28/08/2026

Leenjiin Dandeettii Raawwachisummaa Cimsu MMO n kennamaa ture goolabame (Hagayya 22/2018 Roobee)
@@@@@@@@@@@@@@@@@@@
MMO Mag. Roobee leenjii Dandeettii raawwachisummaa Cimsu Mata duree
1, Ooditii Faayinaansii irratti Seeraa fi Hojmaata jiru, Itti fayyaadama Moodelota adda addaa fi harcaatii fi fala isaa jedhu irratti
2, Itti fayyaadama Bajataa, Horataalee Mootummaa fi Karoora Bittaa fi Bittaa raawwatamu Walsimsiisuu jedhuu fi
3, Falaasama Hoggansa Kaayizaan irratti hirmaattotaa sad. MMA fi MMOtif laatamaa ture goolabameera. leenjii kana hojjettoonni sadarkaa MM lachuu irraa hirmaatan galtee hojiif ta'u argatuu marii xumura leenjichaa irratti kasaniiru. leenjiin Kun Gama dursitoota, Ooditii Keessa, Dursaa GBBF fi Dursaa Garee BQH tinlaatamaa kan tureedha.
Dhuma irratti yaadaa fi gaaffiin himaattotaan ka'an irratti Ergaa mari'atamee booda pireezidaantii MMO Mag. Roobee Kabajamoo ob. Taammiree Shubbuu kallattii hojii itti aanuu kennaniin leenjii irraa galtee argame namni hunduu Mana hojiitti galuun hojiirra oolchuun faddadamummaa ummataa akka mirkanessanii fi hojmaatni walfaklaataan Sirna diriire hordofee Haala walfakkaataan akka hojiirra oolu jedhaniiru. yeroo gabaabaa keessatti leenjiwwaan biroo Moosajii OICCMS kan marsaa 2ffaa kan jalqabu waan ta'eef qophiin gahaan ammumaa MM Gara E- Court ceesisuuf hojjetamaa akka jiru akeekanii jiru.
walumagalatti leenjiin laatamaa ture milkawaa ta'u kasaniiru.
# # # # # # # # # # # # # #$$$$@@@@
Kom. MMO Mag. Roobee
**********************

27/08/2026
Leenjiin Dandeettii Raawwachisummaa Cimsu kennamuu jalqabeera.(Hagayya 21/2018 Roobee)@@@@@@@@@@@@@@@@@@@MMO Mag. Roobee...
27/08/2026

Leenjiin Dandeettii Raawwachisummaa Cimsu kennamuu jalqabeera.(Hagayya 21/2018 Roobee)
@@@@@@@@@@@@@@@@@@@
MMO Mag. Roobee leenjii Dandeettii raawwachisummaa Cimsu Mata duree
1, Ooditii Faayinaansii irratti Seeraa fi Hojmaata jiru, Itti fayyaadama Moodelota adda addaa fi harcaatii fi fala isaa jedhu irratti
2, Itti fayyaadama Bajataa, Horataalee Mootummaa fi Karoora Bittaa fi Bittaa raawwatamu Walsimsiisuu jedhuu fi
3, Falaasama Hoggansa Kaayizaan irratti hirmaattotaa sad. MMA fi MMOtif laatamuu egaleera.
leenjii irratti pireezidaantii MMO Mag. Roobee Kabajamoo ob. Taammiree Shubbuu barbaachisimmaa leenjichaa ilaalchisuun haasawa baniinsaa taasisanii jiru.
Leenjichi guyyaa 2f kan turuudha.
# # # # # # # # # # # # # #$$$$@@@@
Kom. MMO Mag. Roobee
**********************

Ergaa Baga Geessaan!!
25/08/2026

Ergaa Baga Geessaan!!

Dhaamsa Baga Geessanii !!
--------------------------------------
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Horfoftoota Amantaa Islaamaatiin Baga Ayaana Dhaloota Nabii Mahaammad (Mawuliidaa) Waggaa 1501ffatiin Isin Gahe Jechaa,Ayyaanichi Kan Nagaa fi Gammachuu Akka Isiniif Ta'u Hawwii Qabu Ibsa.Ayyaana Gaarii !!

22/08/2026

Address

Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share