Robe City Communication Office

Robe City Communication Office Kenninsa Odeeffannoo Mootummaa fi Qunnamtii Ummataa Odeeffannoo sirrii fi wahitawaa hawaasa keenya biraan gahuu.

02/09/2026

Tajaajila Turiziimiirratti Leenjii Ogummaan Of danda'uu qooda fudhattootaaf kenname

02/09/2026
02/09/2026
02/09/2026
Magaalaa Roobeetti Leenjiin Sosochii Ogummaan of danda'uu tajaajila Turiziimiirratti xiyyeeffate qooda fudhattoota garag...
02/09/2026

Magaalaa Roobeetti Leenjiin Sosochii Ogummaan of danda'uu tajaajila Turiziimiirratti xiyyeeffate qooda fudhattoota garagaraatiif kenname

Leenjiin kunis Qulqullinna, Tajaajila, Teknolojii fi Interpirunershiippii irratti kan hundaa'e ta'uun barameera.

Kaayyoon leenjii kanaas qooda fudhattoota Dhaabbilee Turiziimii, dhaabbilee barnootaa fi leenjii, hawaasa, dubartoota, abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee misoomaa turiziimiin hidhata qaban kakaasuun; misooma ogummaa tajaajila turiziimiirratti hubannoo walfakkaataa fi qindoominna ittigaafatamummaa waliinii qabu uumuuf akka ta'e ibsameera.

Ittigaafatamtuun Waajjira Turiziimii Bulchiinsa Magaalaa Roobee Aadde Gannat Birhaanuu waltajjicharratti ibsa qooda fudhattootaaf kennaniin; Turiziimiin hawaasa hirmaachisuu akka qabuu fi Tajaajila si'ataa, dhaqqabamaa fi qulqullinna qabu kennuu akka qabu dubbatan.

Leenjiin kunis, Diinagdeen of utubuu, Ogummaan of ijaaruu, kabaja maamilaaf barbaachisu kennuu fi Aadaaf duudhaa kabajuu irratti kan fuulleffate ta'uu kaasaniiru.

Dhaabbileen misoomaa; hoteelotaa fi dhaabbileen tajaajila Turiziimii magaalicha keessatti argaman kamuu kana booda tajaajila si'ataa fi qulqullinna qabu laachuuf namoota ogummaa fi gahumsa qaban qacaruu irratti xiyyeeffachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Ittigaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Roobee Obbo Dirribaa Raggaasaa saganticharratti argamuun yaada kennaniin; Baale biyya qabeenya uumamaa fi hambaalee kiliyaatiin badhaate ta'uu ibsuun; Dhaabbileen Tajaajila Turiziimii daawwattoota biyya keessaa fi Turistoota biyya alaarraa gara Godina keenyaatti dhufaniif tajaajila si'ataa fi qulqullinna qabu kennuurratti xiyyeeffachuu akka qaban dhaamaniiru.

Ittigaafatamtuun Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Roobee Aadde Fayyisee Alamuu Turiziimiin madda galii biyya keenyaa keessatti gumaacha olaanaa akka qabu ibsuun; qooda fudhattoonni leenjii kanaa hubannoo gonfataniin ogummaa Turiziimii fi tajaajila kennamuuf xiyyeeffannaa kennuu akka qaban ibsaniiru.

Akka Magaalaa Roobeetti Dhaabbileen Tajaajilaa 300 ol ta'an seektara Turiziimii jalatti hammatamanii deeggarsaaf hordoffiin kennamaafii jiraachuu ragaan Waajjira Turiziimii Bulchiinsa magaalichaarraa argame ni mul'isa.

Kominikeeshinii Magaalaa Roobeetiin

01/09/2026

Deeggarsa Tajaajila lammummaa Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Goobbaatiin taasifame

Waajjirri Poolisii kutaa Magaalaa Goobbaa deeggarsa qarshii kuma 300 olitti tilmaamamu harka qalleeyyiif gumaacheHagayya...
01/09/2026

Waajjirri Poolisii kutaa Magaalaa Goobbaa deeggarsa qarshii kuma 300 olitti tilmaamamu harka qalleeyyiif gumaache

Hagayya 26/2018:- Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Roobeetti Waajjirri Poolisii kutaa Magaalaa Goobbaa dhaadannoo "Nama gargaaruuf, nama ta'uun qofti gahaadha." jedhuun barattootaa fi maatii harka qalleeyyii 160 oliif deeggarsa namoomaa taasise.

Sagantaa deeggarsa barattootaa fi maatii harka qalleeyyiif taasifame kanarratti hooggansi mootummaa, Abbootiin Amantaa fi Jaarsoliin biyyaa, Haadholiin Siinqee fi Kutaaleen hawaasa garagaraa argamaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Poolisii kutaa Magaalaa Goobbaa Inispeektar Zannabaa Taayyee miseensonni Poolisii isaanii kutaalee hawaasa garagaraa waliin ta'uun nageenya waaraa mirkaneessuun cinaatti hojii tajaajila lammummaa keessattis gumaacha isaanirraa eeggamu bahachaa jiraachuusaanii dubbatan.

Haaluma kanaan akka kutaa Magaalaa isaaniitti Waajjira Poolisii gandaa ijaarsisuu, Ashaaraa Magariisaa lafa qabsiisuu fi deeggarsa meeshaalee barnootaa, midhaan nyaataa fi mi'eessituuwwan garagaraa gumaacha turuusaanii ibsaniiru.

Sagantaa Maaddii qooduu fi Deeggarsa meeshaalee barnootaa guyyaa har'aa taasisan irrattis barattoota maatiinsaanii harka qalleeyyii ta'aniifi Barattoota mana Sirreessaa Godina Baalee keessatti baratan 101'f Dabtara Darzaana tokko tokkoo fi Qalama lama lama kennaafi ooluusaanii ibsaniiru.

Dabalataan, Dubartootaa fi maatii harka qalleeyyii ta'an namoota 60'f daakuu 25 kg fi Zeeytii nyaataa abbaa litira sadii gumaacha taasisuus dubbatan.

Bulchaa Ittaanaan Kutaa Magaalaa Goobbaa Obbo Ashannaafii Tolosaa hojiin tajaajila lammummaa duudhaa oromummaa abbootii keenya irraa dhaalle ta'uu ibsuun; hojii eebbifamaa namaaf rabbi birattillee galata qabu kana keessatti hunduu gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Hoogganaan Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Roobee Komaandar Gammadaa Tullichaa saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin kutaalee magaalichaa qaban sadeen qaban keessatti hojii miseensonni Poolisii hawaasa magaalichaa waliin hojjataniin Magaalli Roobee Ambaasaaddara Misoomaa fi Nageenyaa ta'uushee dhugoomaniiru.

Dabalataan Qajeelchi Poolisii isaanii walitti dhufeenya barattootaa fi Poolisii gidduu jiru cimsuuf manneen barnootaa hunda keessatti torbee jaalala barattootaa kabajuuf qophii ta'uu himaniiru.

Qaamoleen hawaasaa sagantaa deeggarsaa kanarratti hirmaatanis hojii qaamolee nageenyaatiin hojjatame dinqisiifachuun dhimma misoomaa fi nageenya biyyaa irratti yeroo kamuu qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuuf qophii ta'uu himaniiru.

Namoonni deeggarsi kun isaaniif taasifames qaamolee deeggarsa kana isaaniif taasise galatoomfachuun deeggarsa argatanittis gammadoo ta'uusaanii ibsaniiru.

Kominikeeshinii Magaalaa Roobeetiin

Address

Robe

Telephone

+251226652305

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Robe City Communication Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Robe City Communication Office:

Shortcuts

Share