07/04/2023
Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiru furuuf hojjetamaa jira" PBMNO Obbo Shimallis Abdiisaa
*********//***********
Komiishiniin haaromsa biyyaalessaa bakka Pirezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezdaantii itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hooggansi olaanoo naannichaafi federaalaa adda addaa argamanitti waajjira pirezidaantiitti geggeeffame.
Marii kana irratti argamuun haasawaa kan taasisan PBMNO, Obbo Shimallis Abdiisaa mootummaan naannichaa sagantaa loltoota duraanii deebisanii dhaabufi hawaasa miidhame deeggaruu kanaan duras kan jalqabe ta’uu ibsuun, ammas komishinicha waliin hojjechuuf mootumman naannichaa qophii ta'uu himaniiru.
Ambaasaaddar Tashoomee Toogaa gama isaaniin, kaayyoon komishinichaa inni guddaan loltoota duraanii biyyaafi uummataaf tajaajila biyyoolessaa kennaniifi waraana biyya keenya mudate keessatti gatii kaffalan deebisanii dhaabuu akka ta’e himaniiru.
Ambaasaaddar Tashoomeen itti dabaluun waraanni biyya keenya irratti miidhaa guddaa geessisaa turuu himuun, dogongora keenya darberraa barannee rakkoo keenya karaa nagaa furuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.
Kana booda waraanni karaa kamiinuu furmaata ta’uu akka him dandyee himuun, nageenya waaraa biyya keenyaa mirkaneessuuf loltoota duraanii deebisanii dhaabuun gatii guddaa akka qabu Ambaasaaddar Tashoomeen himaniiru.
Kana hojiirra oolchuuf gaheen naannolee baay’ee barbaachisaa waan ta’eef, qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran hundi raawwachuu akka qaban dhaamaniiru.
Hojii kana raawwachuuf itti gaafatamummaa fudhachuun kutannoofi qindoominaan hojjatamu akka qabu ibsuun komiishiniin hundaa'e kunis ariitiin hojii eegaluu akka qabu himaniiru