Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa

Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa Haqaan haqaaf hojjanna

✅Har'a Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti Guyyaan Dubartoota Addunyaa "March 8" mata duree "Sagaleen Dubartootaa-Walqixxumm...
14/03/2026

✅Har'a Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti Guyyaan Dubartoota Addunyaa "March 8" mata duree "Sagaleen Dubartootaa-Walqixxummaa fi Badhaadhina Biyyaaf" Jedhuun kabajameera✍️✍️

05, 2018 ✍️
✅Guyyaan Kabaja Ayyaana Dubartootaa 8" Sadarkaa Addunyaatti yeroo 115ffaa, biyyaatti yeroo 50ffaaf, Akka Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti yeroo 3ffaaf kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti kabajameera.
✅Kabaja Ayyaana kana irrattiis Abbaan Alangaa kutaa Magaalaa Galaan Guddaa hubannoo seeraa mata duree;
✅Miriga dubartootaa fi Daa'immanii,
✅Yakkoota dubartootaa fi Daa'imman irratti rawwatamaan
✅Itti dabaludhaan Dubartootaan ala hojileen Nageenyaa, Misoomaa, fi Sochiin Hawaas diinagdee hunduu Galma barbaadame ga'uu akka hin dandeenyee ta'u isaa
✅Dubartoonni dinagdee biyyaa Utubuu keessatti shoora olaanaa bahachuuf eeggattummaa jalaa bahuun, diinagdeen of ijaaruuf gurmaa'uun hojii hojjechuun barbaachiisaa akka ta'e
✅Dubartoonni utubaa biyyaa waan ta'aniif dubartoota jajjabeessaa deemuu fi aangessuu irratti yeroo ammaa mootummaan xiyyeeffannoo itti kennuun hojjechaa jiraachuu isaa
✅Dubartootaa diinagdeen cimsuun fayyadamummaa dubartootaa guddisuufi dubartoota guddina siyaas-diinagdee fi Hawaasummaa keessatti qaban dabaluun barbaachiisaa ta'u isaa hubannoon haala gaarii ta'een kennameera✍✍✍

  Yakka Hanna Cimaa Dhaabbata Dhuunfaa   Orjiin jedhamu irratti Raawwataan Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 7 fi Baatii 9 tii...
11/03/2026

Yakka Hanna Cimaa Dhaabbata Dhuunfaa Orjiin jedhamu irratti Raawwataan Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 7 fi Baatii 9 tiin Adabamani jiran✍✍

, 2018
👉Kunis, Himatamtoonni maqaan 1ffaa Akliluu Tafarraa, 2ffaa Salamoon Birraa fi 3ffaa Saayiid Muddasiir jedhaman waliin ta'uun Yakka Hanna Cimaa raawwachuuf itti yaadani Bul/Magaalaa Shaggar Kutaa Magaala Galaan Guddaa Aanaa Daalattii bakka addaa Dhuunfaa Bishaan Orjiin itti gaafatamummaan isaa murta'ee jedhamee beekamutti Qabeenya Dhaabbatichaa kan ta'e adda addaa kan dhaabbaticha kana sochoosan Maashinoota tilmaamaan Qarshii 7,005000.00 (Miliyoona torba fi kuma shan) baasu Warshaa keessa halkan sa'aatii 5:00 hanaga sa'aatii 8:00tti hiktuu biloonitiin hiikudhaan Konkolaataatti fe'ani deemuun gurguratani jiran jechuun eeruun Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti kan dhiyaate yommuu ta'u, Kanumaan himatamtoota kana irratti Ragaa Ashaaraa qubaa fi kan kophee, akkasumas Ragaan Naannoo adda addaa erga irratti qulqullaa'een booda, Abbaan Alangaa Himannaa Seeraa Yakkaa kewt.669 (3.B) jalatti Mana Murtii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti hundeessuun Ragaan M/murtiitti dhiyaatee erga dhaga'ameen booda, buu'uruma Himannaa Abbaa Alangaatiin himatamtoota irratti mirkaneessani jiran, kanumaan Manni Murtiis himatamtoonni akka ofirraa ittisaan ajajuun, Himatamtoonni ragaaa ittisaa dhiyeeffatanis Ragoonni dhiyaatan kan irraa hin ittisne waan ta'eef, Bu'uuramaa himannaa Abbaa Alangaatiin Manni murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhaddacha Gaafa Guyyaa 01/07/2018 ooleen Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 7 fi Baatii 9 himatamtoota kanarratti mata mataan murteessee jira.

👉Waliin taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa keenya✍✍



゚viralシfypシ゚viralシ

👉Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhimma Milkaa'ina Filannoo Marsaa 7ffaa irratti hubannoo seeraa ke...
13/02/2026

👉Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhimma Milkaa'ina Filannoo Marsaa 7ffaa irratti hubannoo seeraa kenne jira✍️✍️

06, 2018 WAAKMGG


'a gaafa Guyyaa 06/06/2018 Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti Waltajjiin leenjii hubannoo seeraa dhimmmoota milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa irratti xiyyeeffachuun mata-duree" Labsii Filannoo lakk.1394/2017, lakk. 1162/2019, Heera Mootummaa keewwata 38, Aangoo fi Gahee hojii boordii filannoo keewwatta Heera Mootummaa 102 " irratti karaa Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Obbo Yaddeessaatiin Qaamoolee garagaraa fi Dargaggoota Kutaa Magaalichaatiif kennameera✍️✍️✍️✍️
milkaa'ina💚💚💚🙏🙏🙏🎁

  Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhimma   irratti hubannoo seeraa kennee jira🎁🎁🎁✍️✍️  28, 2018    ✍️Har'a ga...
05/02/2026

Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhimma irratti hubannoo seeraa kennee jira🎁🎁🎁✍️✍️

28, 2018 ✍️

Har'a gaafa Guyyaa 28/05/2018 Qindoomina Waajjira Abbaa Alangaa, Qajeelchaa Poolisii fi ATEN Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa waliin ta'uun sagalee guddiftuudhaan Magaala keessa deemuun hawaasa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatiif hubannoo seeraa Labsii Qabiinsaa fi Dhabamsiisa Balfa Gogaa lakk.1383/2017 ta'e irratti kennee jira🙏🙏🙏



 👮Poolisiin ajaja qabiinsaa malee nama yakkaan shakkame qabuu kan danda'u yoomii?✍️✍️👮 Shakkamaan nageenya ummataa boore...
25/01/2026


👮Poolisiin ajaja qabiinsaa malee nama yakkaan shakkame qabuu kan danda'u yoomii?✍️✍️
👮 Shakkamaan nageenya ummataa booressuu shakkii qabatamaa fi amansiisaa yoo qabaate
👮Shakkamaan yakka hidhaa waggaa tokko oliitiin adabsiisu raawwachuu isaa yookaan ni raawwata jedhee shakkii qabatamaa fi amansiisaa yoo qabaate;
👮Shakkamaan yeroo poolisiin hojii idilee isaa hojjatu/raawwatu kan gufuu ta’e yookiin to’annaa jalaa kan miliqe yookiin miliquuf kan yaale yoo ta’e;
👮Shakkamaan to’annoo poolisii jalaa kan miliqe yookiin miliquuf kan yaale ta’uu isaa shakkii qabatamaa fi amansiisaa yoo qabaate;
👮Shakkamaan dirqama hojii poolisii yookiin raayyaa ittisa biyyaa jalaa miliquu isaaf shakkii qabatamaa fi amansiisaa yoo qabaate;
👮Shakkamaan eeyyama seera qabeessa malee meeshaa mana cabsuu danda’u qabatee yoo argame; meeshaa yakka hannaatiin yookiin karaa biraa yakkaan argame jedhamee shakkame shakkamaan haala seeraan ala ta’een qabatee argamuu shakkii gahaa yoo qabaate.
👮Shakkamaan kashalabbee beekamaa yookiin hojii hiiktummaa balaafamaa ta’uu isaa shakkii gahaa yoo qabaate(seera yakkaa keewwata 477);fi
👮Seera biraatiin ifaan ifatti tumamee yoo argame qofa poolisiin ajaja qabiinsaa Mana Murtii malee shakkamaa qabuu(to’achuu) danda’a, seera deemsa falmii yakkaa keewwata 51✍️✍️✍️
taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa ✍✍


🚭Iddoowwan Sigaaraa (Tamboo) itti aarsuun dhorkamutti Sigaaraa aarsuun yakkaan kan nama adabsiisuu dha🚭🚭  16, 2018    Ak...
24/01/2026

🚭Iddoowwan Sigaaraa (Tamboo) itti aarsuun dhorkamutti Sigaaraa aarsuun yakkaan kan nama adabsiisuu dha🚭🚭

16, 2018
Akkaataa Labsii bulchiinsa nyaataa fi qorichaa lakk.1112/2011 keessatti tumametti iddoowwan sigaaraa(Tamboo) itti aarsuun dhoorkaman ilaalchisee labsii kana Keewwata 48 jalatti tarressee jira✍️
🚭 Bakka tajaajilli uummataa itti kennamu,
🚭 Geejjiba uummataa keessatti,
🚭 Manneen Waliin Jireenyaa (Condominiums),
🚭 Koridoora, dilli (balcony) waliinii,
🚭 Bakka buufataa konkolaataa fi
🚭 Bakka tapha ijoollee keessatti tamboo xuuxuun dhorkaadha✍️✍️
Akkasumas Labsii kana Keewwata 49 jalatti iddoowwan Tamboo Xuuxuun Itti Dhorkame;
🚭Dhaabbilee Fayyaa fi Barnootaa keessatti fi alatti tamboo xuuxuun guutummaatti dhorkaadha.
🚭Mooraa dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaa, fi bakkeewwan tajaajilli Daa'immani fi dargaggootaa itti kennamu irraa fageenya meetira 100 gidduutti sijaaraa gurguruun dhorkaadha.
🚭Labsii bulchiinsa nyaataa fi qorichaa lakk.1112/2011 keewwata 67 Adabbii
Kewt. 67/20 jalatti iddoowwan dhorkaman kanatti namni tamboo (sigaaraa) Aarse Adabbii hidhaa salphaa ji'a 6 hin caallee fi adabbii maallaqaa qarahii 5000 hin caalleen ni adabama!!✍️✍️
🚭Waliin taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa keenya✍✍

🙏🙏🙏🙏🙏🙏
23/01/2026

🙏🙏🙏🙏🙏🙏

15/05/2018
ABS(Adama Broadcasting Service)

Naannoo Oromiyaatti tajaajilli haqaa si’ataan teeknooloojiin deeggarame kennamaa jira
********
Hojmaanni tajaajila haqaa si’ataan, ifaa fi qaqqabamaa taasisu teeknooloojiidhaan deeggaramee naannoo Oromiyaatti hojiirra oolaa jiraachuu hoogganaan biiroo abbaa alangaa walii galaa naannoo Oromiyaa Guyyoo Waariyoo dubbatan.

Hojmaatilee dijitaalaa haaraa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa kennuu kan dandeessisu hojmaanni diriirfamuusaa hogganaan kun ibsaniiru.

Haala Kanaan tajaajilamtoonni bu’aa ba’ii malee haqa akka argatan haalli mijachuu fi tajaajila argachuuf harlifannaan ture furamuusaa ENAtti himaniiru.

Galmeewwan himataa gara dijitaalaatti jijjiiruudhaan karaa onlaayinii tajaajila kennuun danda’amuusaa, kanneen raga bahan waajjiraalee haqaa godinaalee, magaalotaa fi aanaaleetti jechasaanii akka kennan godhamaa jira jedhaniiru.

Haala Kanaan tajaajila haqaa si’ataa iftoomina kan qabuu fi qaqqabamaa taasisuun akka danda’ame ibsanii, cimee akka itti fufus dubbataniiru.

Poolisii fi abbootiin alangaa wal ta’uun hojii galmeewwan qorannoo qulqulleessuu fi himata banuu hojjechaa akka jiran eeraniiru.

Kana hordofuun dandeettiin galmee qulqulleessuu dabalaa dhufuusaa fi dandeettiin badii raawwatameef murtoo kennuu guddachaa jiraachuus beeksisaniiru.

Kenniinsi haqaa fi harkifannaan qaqqabama tajaajilaa fi hanqinni qulqullinaa fooyya’eera jedhan.

Baadiyyaa fi magaalaatti lafa saamame deebisiisuunii fi hojmaata seeraan alaa ittisuudhaan hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuu kaasaniiru.

Kaartaawwan lafaa tajaajila garagaraaf ooluuf turan hojiirra akka hin oolle taasifamuu eeraniiru.

TOI

   15, 2018  ,   GuddaaLabsiin sirna bulchiinsa fi dhabamsiisa gataa  Federaalaa lakk 1383/2017 jalatti dhimmoota adabbi...
23/01/2026


15, 2018 , Guddaa
Labsiin sirna bulchiinsa fi dhabamsiisa gataa Federaalaa lakk 1383/2017 jalatti dhimmoota adabbii yakkaa hordofsiisan:-
👉Namni kamiyyuu peestaalii pilaastikaa yoo fayyadame ykn qabatee argame qarshii 2000 hanga 5000 qabsiisa
👉Peestaalii pilaastikaa kana yoo oomishe ykn gara biyya yoo galche, gabaaf kan dhiyeesse, yoo gurgure, kaayyoo tokkoof yoo kuuse ykn qabatee argame qarshii 50,000 hanga 200,000 fi adabbii hidhaa cimaa hanga waggaa 5 amansiisaa.
👉Badii kan rawwate dhaabbata yoo ta'e qarshii 1ffaa ykn 2ffaa jalatti ibsame dachaa sadiin adabama.
👉Adabbiin bulchiinsa (administrative penalty) dabalataan kan adabamu ta'a.
👉Kanaaf, namni dhuunfaa, daldalaan ykn dhaabbanni kamiyyuu gaafa 23/5/2018 irra eegalee dhorkaan labsii kanaa yoo darbitan yakkaan kan gaafatamtan waan ta'eef irra of haa eeggannu!🙏🙏🙏

taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa keenya✍✍

👉Karaxitii Pilaastikii(plastic bag) Kamiiyyuu Oomishuun, Gurguruu fi Fayyadamuun Amajjii 23 Bara 2018 Irraa Eegalee Seer...
22/01/2026

👉Karaxitii Pilaastikii(plastic bag) Kamiiyyuu Oomishuun, Gurguruu fi Fayyadamuun Amajjii 23 Bara 2018 Irraa Eegalee Seeraan Dhoorkame✍️✍️
👉 keessatti karaxitii pilaastikiitti fayyadamuun, oomishuu ykn biyya alaatii galchuun adabbii maallaqaa fi hidhaa akka adabsiisu Abbaan Tayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa beeksise jira. Ammajjii 23/2018 irraa eegalee tarkaaffii qabatamaa akka fudhatus dabalataan beeksisee jira.
Labsii Oomish*tootaa, Fayyadamtootaa fi Dhiyeessitoota Korojoo /Qabee Peestaalii/ to'achuuf bahe lakk. 1383/2017 keewwata 25 jalatti adabbiin isaas akka armaan gadiitti ibsamee jira.
➡️ Namni kamiiyyuu Korojoo Pilaastikii /Plastic Bag/ ykn Feestaalii fayyadame, ykn fayyadamuuf harkatti qabatee argame adabbii Maallaqaa qarshii 2000- 5000 ta'ee ni Adabama.
➡️ Namni kamiyyuu Korojoo Pilaastikii /Plastic Bag/ ykn Feestaalii Oomishee, alarraa biyya keessaa fi alaa galchee, gurguruufi kuusee argame, ykn gurgurtaaf dhiyeesse qarshii 50,000 hanga 100,000 fi Adabbii hidhaa cimaa hanga waggaa 5 ta'uun ni Adabama.
➡️ Dhaabbilleef gaafa ta'u adabbiin maallaqaa olitti ibsame dachaa sadi baayyifamee kan adabaman ta'a.
Labsichi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin raggaasifamee hojiirra ooluu isaatiin namni dhuunfaa fi jaarmiyaa kamiyyuu dambii haaraa kana akka kabajisuu itti gaafatamummaa qaba✍️✍️

  gammaddan! Hordoftoonni keenya karaa Fesbukatiin 20,000 gahaniiru✍️✍️ 👉Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan G...
18/01/2026

gammaddan! Hordoftoonni keenya karaa Fesbukatiin 20,000 gahaniiru✍️✍️
👉Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa tajaajila haqaa dhaqqabamaa gochuuf carraaqqii taasisaa jiru keessatti hordoffii fi deeggarsa keessaniin Hordoftoota karaa fuula Fesbukatiin 20,000 gahuu isaa gammachuu guddaa itti dhagahame isinif ibsa✍️ Gammachuun kun hirmaannaa, amantaa fi deeggarsa isin irraa argamee dha.
Hawaasa keenya galateeffacha, seera kabachiisuun, haqaa fi tajaajila iftoomina qabu kennuuf cimsine itti fufna✍️✍️
taanee haqa ni mirkaneessina!"
Galatoomaa! Deeggarsa keessaniin humna arganneerra!!
! We have reached 20,000 followers on Facebook. The Galan Guda sub-City District Attorney's Office is deeply grateful for your follow and support in our efforts to make justice services accessible✍️✍️
milestone demonstrates that the community truly trusts us, is engaged with what we do, and supports us.
Thank you for standing with us as we continue to uphold justice, the rule of law, and transparent public service✍️✍️
Together, we ensure justice!
👉We sincerely appreciate your support!⚖️
thanks!







26/12/2025
👉Himatamaan yakka miidhaa Saalqunnamtii Daa'imma umuriin ishee waggaa kudha sadii taatee fi waggaa kudha saddeet hin guu...
24/11/2025

👉Himatamaan yakka miidhaa Saalqunnamtii Daa'imma umuriin ishee waggaa kudha sadii taatee fi waggaa kudha saddeet hin guunne irraatti Raawwate Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 7 fi Baatii 2 tiin Adabame jira✍

, Himatamaan maqaan isaa Naafyaad Margaa jedhamu Miidhamtu dhuunfaa S.R. jedhamtu kan umriin ishee waggaa kudha sadii taatee fi waggaa kudha saddeet hin geenyee irratti Yakka miidhaa Saalqunnamtii raawwachuuf yaadee Bulchinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaala Galaan Guddaa Aanaa Daalattii bakka addaa Waatoo jedhamee beekamutti miidhamtuu dhuunfaa kana miidhaa saalqunnamtii irratti raawwateera jechuun Eeruun gaafa guyyaa 01/01/2018 Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti kan dhiyaate yommuu ta'u, Abbaan Alangaa himannaa Seeraa Yakkaa kewt.626 (1) jalatti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti hundeessuun ragaan namaa M/Murtiitti dhiyaatee erga dhaga'ameen booda, Manni murtii himatamaa kana akka ofirraa ittisu ajajuun, Himatamaan ragaaa ittisaa dhiyeeffatus Ragoonni dhiyaatan kan irraa hin ittisne waan ta'eef, bu'uuramaa himannaa Abbaa Alangaatiin Manni murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhaddacha Gaafa Guyyaa 15/03/2018 ooleen Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 7 Baatii 2 tiin himatamaa irratti murteessee jira🙏🙏

# taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa keenya✍✍

Address

Sebeta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category