30/06/2025
Bineensa Gaanfa Kudhan Qabu Arguu Isaa
13Kana booddee immoo bineensi tokko galaana keessaa utuu ba'uu nan arge; bineensichis gaanfa kudhanii fi mataa torba, gaanfa isaa irratti waan akka gonfoo kudhan, mataa isaa torban irrattis maqaa ulfinaa, Waaqayyoon arrabsuudhaaf kennaman qaba ture. 2 Bineensi ani arge qeerransa in fakkaata ture; miilli isaa akka miilla amaaketaa ti, afaan isaas akka afaan leencaa ti; bineensi akka jawwee sunis humna isaa, teessoo isaa, aboo isaa isa guddaas bineensichaaf in kenne. 3 Mataa isaa torban keessaa inni tokko hamma du'aatti waan madaa'e in fakkaata; rukuttaan du'aan ga'u sunis deebi'ee fayye ture. Namoonni guutummaa biyya lafaa dinqifatanii yaadaan bineensicha duukaa bu'an. 4 Bineensicha isa kanaaf iyyuu aboo kan kenneef bineensa akka jawwee sana waan ta'eef, namoonni isaaf in sagadan; akkasuma immoo bineensa isa kaaniif sagadanii, โEenyutu akka bineensa kanaa ta'a? Eenyutus bineensicha loluu danda'a?โ jedhan.
*1 11:7; 12:3; 17:3, 7-12; Dan 7:3-7
*2 Dan 7:4-6; Luq 4:6
*3 17:8
5 Dubbii gurratti guddaa fakkaatuu fi Waaqayyoon kan arrabsu dubbachuudhaaf afaan in kennameef; ji'a afurtamii lamaaf kana gochuudhaaf aboon in kennameef. 6 Yommus bineensichi Waaqayyo irratti arrabsoo dubbachuudhaaf, maqaa Waaqayyoo, iddoo buufata isaa, warra waaqa keessa isa bira buufatanis arrabsuudhaaf afaan isaa in bane. 7 Warra Waaqayyoof qulqullaa'an lolee isaan mo'uunis in kennameef; gosa hundumaa irratti, nama hundumaa irratti, afaan hundumaa irratti, saba hundumaa irrattis aboon in kennameef. 8 Warra lafa irra jiraatan keessaa, uumamuu biyya lafaatii jalqabee maqaan isaanii macaafa hoolicha qalamee, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman irratti hin argamne hundinuu, bineensichaaf sagaduuf jiru.
*5 Dan 7:8, 11, 25; 11:36; Mul 11:2
*7 11:7; Dan 7:21
*8 17:8; 3:5; Far 69:28; Dan 12:1
9 Namni gurra qabu haa dhaga'u! 10 Namni booji'amuuf jiru, booji'amuun isaa hin oolu; namni billaadhaan ajjeefamuuf jiru, billaadhaan ajjeefamuun isaa hin oolu; kana keessatti obsaan danda'uunii fi amantiin warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, in barbaadama.
*9 2:7
*10 Er 15:2; 43:11; Mat 26:52; Mul 14:12
Bineensa Gaanfa Lama Qabu Tokko Arguu Isaa
11 Kana malees bineensa lafa keessaa ba'u biraa tokko nan arge; akka hoolaa gaanfa lama qaba, akkuma bineensa akka jawwee sanas in dubbata ture. 12 Bineensi inni lammaffaan kunis aboo bineensi inni duraa qaba ture hundumaan, isuma duratti in hojjeta; biyyi lafaa, warri isa keessa jiraatanis bineensa isa duraa, isa rukuttaan du'aan ga'u deebi'ee fayyeef sanaaf, akka sagadan in godha. 13 Inni milikkita gurguddaa in argisiisa; ibidda iyyuu ija namootaa duratti waaqa keessaa lafatti gad in buusa. 14 Milikkita bineensa isa duraa sana duratti akka inni argisiisuuf kennameef sanaan, warra lafa irra jiraatan in wallaalchisa; warra biyya lafaa irra jiraatan sana wallaalchisuudhaafis, bifa fakkeenya bineensicha billaadhaan rukutamee deebi'ee jiraatee, waaqessuudhaaf akka tolfatan isaanitti in hima. 15 Bifa fakkeenya bineensa isa duraa sanatti lubbuu itti gochuun, bineensa isa lammaffaa sanaaf kennamee ture; kana irraa kan ka'es bifni fakkeenya bineensichaa kun dubbachuu iyyuu danda'ee, hammi isaaf hin saganne akka ajjeefaman in godhe. 16 Bineensichi namni hundinuu, xinnaan, guddaan, sooressi, hiyyeessi, birmaduun, garbis harka mirgaa irratti yookiis adda irratti gubaa akka qabaatu in gochisiisa. 17 Kana gochuun isaas namni gubaa bineensicha isa duraa, isa maqaa isaa yookiis lakkoobsa maqaa isaa argisiisu of irraa yoo qabaate malee, bituus gurguruus akka hin dandeenyeef.
*11 16:13; Mat 7:15
*13 Mat 24:11, 24; 2Tas 2:9-10
*14 19:20
*16 14:9-11
18 Kana keessatti ogummaan in barbaadama; lakkoobsi kun maqaa namaatiif waan dhaabatuuf, namni sammuu qabu lakkoobsicha lakkaa'ee bira ga'uu in danda'a; lakkoobsi isaa immoo dhibba ja'aa fi jaatamii ja'a.
*18 17:9