Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa

Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Haqaan Haqaaf Hojjanna
Equal Justice for all

  Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Hubanno seeraa hawaasaaf kenne.Guyyaa 22/12/2018waajjirri Abbaa A...
27/08/2026


Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Hubanno seeraa hawaasaaf kenne.
Guyyaa 22/12/2018
waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa karaa Abbaa Alangaa Damissu Amdiyyetiin Aanaa Buttee Fillichaa Zoonii Malkaa Baddeessaatti argamun hubannoo seeraa dhimmoota Seera yakkaa, yakkoota Ajjeechaa fi adabbi hordofsisuu fi akkaataa Eeruun dhiyaatu irratti ummata walitti qabameef hubanno kennera. Hawaasniis hubanno argataniin gammafu isaanii ibsani jiru.
Haqaan haqaaf hojjanna!

Dhimma Mosaajii (PISMS) Kenna tajaajila Hariiroo Hawaasaa dijitaalessu irratti Leenjiin kenname.Guyyaa 09/12/2012Waajjir...
15/08/2026

Dhimma Mosaajii (PISMS) Kenna tajaajila Hariiroo Hawaasaa dijitaalessu irratti Leenjiin kenname.
Guyyaa 09/12/2012
Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa kenna tajaajilaa karaa moosaajii Biiroon Abbaa Alangaa Waligalaa Oromiyaa diriirse PISMS Kan Adeemsii Hariiroo Hawaasaa hojiitti galee irratti Seektarootaa fi qaamolee deggarsaaf leenjii kennera.
Leenjii kana kan kennan ogeessa siistama (TQO) Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Shaashamanne kan ta'an Obboo Shimallis Gaashaw fi Abbaa Adeemsaa Hariiroo Hawaasaa Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Shaashamanne kan ta'an Obboo Adam Muhaammad dha. Leenjii kana irratti seektaraaleen Mootummaa qaamolee qindoominaan waliin hojjannu Mana Qopheessaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa, Waajjira Maallaqaa, Waajjira Lafaa, Waajjira Galii fi Hospitaala Ispeeshaalayiziidii Waligalaa Shaashamanne irratti argamun Leenji kana fudhatani jiru. Adeemsii Hariiroo Hawaasaa akka Birootti systama PISMS hojiirra olchuf kan socha'a jiru yoo ta'u sochi kana galmaan ga'uuf qamoolee qindominaa waliin hojjannuf hubanno kennun dirqama waan ta'eef leenjiin kun kennamu danda'eera.
Leenjii kenname kanaan hubanno gaarii argachu isaanii hirmaattoonni yaada isaaniin ibsaniru.

30/07/2026

Oolmaa dhaddacha
👇
Himatamaan yakka Hannaa Raawwatee adabame.
============///===========
✍️‎Himatamaan maqaan isaa Musxafaa kadiir jedhamu gaafa guyyaa 18/11/2018 guyyaa keessaa tilmaamaan naannoo sa’aatii 4:00 yoo ta’uu,qabeenya miidhamaa dhuunfaa Birruu Dabbabaa ta'e Re'ee Haadhoo gurraattii tilmaamaan qarshii 11,000 baastuu Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Aanaa Buttee Fillichaa iddoo addaa Naannoo Miizana jedhamee waamamu irraa haatee osoo hordofamuu guyyuma kana naannoo sa'aati 5:00 yoo ta'u gurguruuf osoo naanneessu harkaaf harkaatti qabamee eeruun poolisii qaqqabeen galmee qorachuun galmee Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaatti erguun, Abbaan Alangaa KMMSs erga galmichi isa dhaqqaben booda keessa isaa ilaaluun himatamaa kana irratti Seera dhimmichaaf rogummaa qabu Seera Yakkaa keewwata 665 (1) jalatti banee Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaas himannaa saaqamee dhaddachaa dhiyaatef himatamaa dhaddacha irratti akka dhiyaatu taasisee garagalcha himannaa himatamaa dhaqqabsiise eenyummaa himatamaa qulqulleessee booda jecha Amantaaf waakkii himatamaan akka kennu taasisuun himatamaan gocha kana raawwachu isaa akkaatuma himanna Abbaa Alangaa dhiyaaten kan Amanee waan ta'eef kwt. Itti himatamee jalatti balleessa jedheni jira.
✍️ . Manni Murtiis yaada adabbii bitaa mirgaa erga caqasee booda adabbii himatamaa barsisuu fakkaatoota akkekkachisu kennera.
Kanumaan himatamaan gocha raawwateef adabbii hiidha salphaa waggaa 1 fi baatii 8 adabame jira.

ERGAA. ''Gochii hannaa gadhummaadha irraa of haa egnuu ergaa keenya.''

30/07/2026
Dhaadannoo ''Olaantummaa seeraa kabachisiisuun  cinatti biyya magariisa taate ni uumna'' jedhun Waajjirri Abbaa Alangaa ...
30/07/2026

Dhaadannoo ''Olaantummaa seeraa kabachisiisuun cinatti biyya magariisa taate ni uumna'' jedhun Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa sirbaa biqiltu dhaabee.
‎
‎Bulchinsa Magaalaa Shaashamannetti Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa duula ashaaraa magariisaa akka biyyaatti gaggeeffamuu milkeessuuf Abbootii Alangaa fi hojjattoota waliin ta'uun dhaabbii Biqiltuu Mana Barumsaa Faanaa Guddinaatti raawwatanii jiru.
‎Olaantummaa seeraa kabachisiisuun cinatti biyya magariisa taate uumuudhaaf Biqiltuu dhaabuun dirqama akka lammii tokkotti nurraa eggamuudha jechun biqiltuu dhaabani jiru.
Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taanee kununsuu akka qaban walii dhaamanii jiru.

27/07/2026
27/07/2026
Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa raawwii hojii gaarii galmeessuun geeba fudhatee.-------------------...
25/06/2026

Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa raawwii hojii gaarii galmeessuun geeba fudhatee.
-----------------------------------//---------------------------------
Guyyaa 17/10/2018
Gamaggamaa raawwii hojii bara 2018 akka Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti taasifameen Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa raawwii gaarii galmeessuudhaan Waajjiraalee Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa jiran keessaa sadarkaa 3ffaa bahe jira. kanaanis Geebaa fi waraqaa beekkamtii argachuu danda'ee jira.
Baga gammannee baga gammaddan!!!

Address

Shashamane

Opening Hours

Monday 08:30 - 11:30
Tuesday 08:30 - 11:30
Wednesday 08:30 - 11:30
Thursday 08:30 - 11:30
Friday 08:30 - 11:30

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share