17/02/2022
Himatamaan haadha warraa isaa albeen morma qalee ajjeese hidhaa umrii guutuu adabameera.
Himatamaa maqaan isaa Fayyisaa Korroosoo lrreessoo jedhamu waldhabbii gaa'ela keessatti uumame akka gadoottii qabatee; dukkana dawoo godhachuun; gara jabummaan nama ajjeesuuf itti yaadee; gaafa 25/03/2014 halkan keessaa tilmaamaan sa'aa 8:00 ennaa ta'u, asuma Godina Arsii Lixaa Magaalaa Nageellee Arsii Ganda Jigeessa jedhamutti; haadha warraa isaa, duutuu Suufii Waaqoo jedhamtu, iddoo isheen miidhaan dhahame oogdii bule tiiksuuf (eeguuf) daa'ima ishee waliin jirtutti, bakka isheen rafaa (ciisaa) jirtutti qabee; albeedhaan (billaan) mormaa ishee gara bitaa qalee (gorra'ee) haala sukkanneessa ta'een battalumatti waan ajjeeseef yakka ajjeechaa namaa cimaatiin himatamee dhaddacha gaafa 03/06/2014 ooleen adabbii umrii guutuu adabameera.