Tourist Attractions in West Arsi zone

Tourist Attractions in West Arsi zone A huge accumulation of resources

🌴 Langanno Beach Resort 🌊Riizortii ajaa’ibsiisaa qarqara Haroo Laangannoo irratti argamu!Arsii Lixaa, Aanaa Nageellee Ar...
01/02/2026

🌴 Langanno Beach Resort 🌊
Riizortii ajaa’ibsiisaa qarqara Haroo Laangannoo irratti argamu!

Arsii Lixaa, Aanaa Nageellee Arsii keessatti, riizortiin ammayyaa’aa fi dijitaalaan deeggarame kun dhalataa naannichaa dargaggoo Isaayyaas Daani’eeliin ijaarsi isaa jalqabameera.

Riizortiin kun riizortoota duraan ijaaraman hunda irraa bifa adda ta’een kan bocame yoo ta’u, miidhagina uumamaa, hawwata olaanaa fi meeshaalee ammayyaa’aan guutamee kan ijaarameedha.

✨ Boqonnaa, bashannanaa fi tasgabbii sammuu bakka tokkotti argattu!
🎉 Baga gammaddan, baga gammanne!
Xumuramee waliigalaan eebbifamee tajaajila jalqabuu akka danda’u abdii guddaan eegamaa jira.
📍 Qarqara Haroo Laangannoo – Arsii Lixaa, Nageellee Arsii
💥💥💥💥💥💥💥💥

🌴 Langanno Beach Resort 🌊
ልዩ ውበት ያለው በላንጋኖ ሐይቅ ዳር የሚገኝ ሪዞርት!
በምዕራብ አርሲ፣ በነገሌ አርሲ ወረዳ ውስጥ፣ ዘመናዊና በዲጂታል ቴክኖሎጂ የተደገፈ ይህ ሪዞርት በአካባቢው ተወላጅ ወጣት ኢሳያስ ዳንኤል ተነሳሽነት የግንባታ ሥራው ተጀምሯል።

ይህ ሪዞርት ከቀድሞ የተገነቡ ሪዞርቶች ሁሉ በተለየ አቀራረብ የተዘጋጀ ሲሆን፣ የተፈጥሮ ውበት፣ ከፍተኛ ማራኪነትና ዘመናዊ መገልገያዎችን በአንድ ላይ ያካተተ ነው።

✨ እረፍት፣ መዝናኛና የአእምሮ ሰላም በአንድ ቦታ! 🎉 እንኳን ደስ አላችሁ፣ እንኳን ደስ አለን! ሪዞርቱ በቅርቡ ሙሉ በሙሉ ተጠናቆ ተመርቶ አገልግሎት መጀመሩን በታላቅ ተስፋ እየተጠበቀ ነው።
📍 የላንጋኖ ሐይቅ ዳር – ምዕራብ አርሲ፣ ነገሌ

💥💥💥💥💥💥💥💥💥
🌴 Langanno Beach Resort 🌊
A uniquely beautiful resort located on the shore of Lake Langanno!

In West Arsi, Negelle Arsi Woreda, this modern and digitally supported resort project was initiated by a local young entrepreneur, Isayas Daniel.

The resort is designed with a distinctive concept that sets it apart from previously built resorts. It is developed by blending natural beauty, high-level attractiveness, and modern facilities.

✨ A place where relaxation, entertainment, and peace of mind come together! 🎉 Congratulations to all of us! There is great anticipation that the resort will soon be fully completed, officially inaugurated, and begin providing services.
📍 Shore of Lake Langanno – West Arsi, Negelle Arsi

Godaansa birraa birraa, gara ollaa burqaa bishaa danfaa uumamaa dinqii addaa! hoo'aa abbaa jibaa, yaala aadaa jabaa hawa...
14/01/2026

Godaansa birraa birraa, gara ollaa burqaa bishaa danfaa uumamaa dinqii addaa! hoo'aa abbaa jibaa, yaala aadaa jabaa hawaasa keenyaaf qaba!!
🏇🏇🏇🏇🏇🏇🏇🏇🏇🏇🏇
Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii qarqara hora shaallaatti burqaa bishaan danfaa, hurkaaf fuuruu ajaa'ibaa rabbiin biyya kana badhaase kanaaf kunuunsa barbaachisaaf sona itti dabaluun misoomsuu feesisa.

Ardaa yaala hawaasaa, baasii malee baroota hedduuf qabaataaf dhabaa, ykn dureessaaf hiyyeessas yaalaan dawaa ta'ee, fayyisa. uumama akka namaa hawaasa wal'aanatu. Burqaa bara dheeraa dhala namaaf jiraatu, jedhamuun kan beekkamu hawaasni maaliif itti hajamee?? Xiqqaa guddaan, fagoo dhihoo gugatee, maaf oollaa bishaan kanaatti quphata?

Hawaasni keenya hoo'aa Abbaa jibaa irraa bu'aa fayyaan walqabatu hedduu kan irraa milkaa'an! Fakkeenyaa dhukkuboota akka qorraa, Asmii ykn Xiichaa, Laamshessaa fi dhukkuboota gogaa qaamaa mammadeessan kanneen akka cittoo ykn Jenjendhaa jedhaman bishaan danfaa kana irra bubbuluun nyaataaf dhugaatii dhalee qabachuun yoo fedhan isumatti bilcheeffachuun, halkanii guyyaa bishaan kana dhiqachuun, hurka isaa irratti huccuu haguuggachuun dafqa uumamaa isaatiin dhibee irraa fayyaa akka turan beekkamaadha.

Gama birootiin bishaan hoo'aa Abbaa jibaa burqee, gaafa cirracha hawwataa qarqara hora Shaallaa tattaraaraa itti makamuuf gallola'u, simbirrootni gosa adda addaa filaamiingoof abbaa koddaa dabalatee qarqara hora shaallaatti gaafa bareedina uumamaa wajjiin wali booharsan ykn bashannansiisan qalbii tuuristoota biyya keessaaf alaa hedduu hawachuu akka danda'an shakkii hin qaban.

Kanaaf Uumamni kun midhaagina dachaa akka gabbifatan, kunuunsaaf misooma barbaachisaa akka argatan gochuun umuriin dilbii kanaa akka fooyya'uuf sona itti dabaluudhaan, caalatti hawataa ta'anii galii diinagdee biyyaa akka utubaniif, hojii guddaafi xiyyeeffannaa addaa qooda fudhattoota hunda irraa eeggama!

26/11/2025

Dilbii golaa qabnu, dhukkee irraa dhadhoofnee.
Misoomsuun dirqama galma waloof jennee!!

Arsii Lixaatti Uumama Rabbiin Tolchee uume, galtee tuuriziimii Addaa burqaa danfaa " 'aa " jedhamu qarqara argamu beektuu!

Qabeenya Rabbiin nu badhaase Dhukkee ykn Awwaara irraa dhadhoofnee misoomsuun Imala Badhaadhina hunda galeessaaf haa oolfannuun dhaamsa sirnaaf biyya keenyaati

07/11/2025

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tourist Attractions in West Arsi zone posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Tourist Attractions in West Arsi zone:

Shortcuts

Share