Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa

Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Haqaaf Haqaan Hojjanna!

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa kokkossaa duula hojii hubannoo seeraa akka Godinaatti labsame sababeeffachuun gaafa 14/12/...
21/08/2026

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa kokkossaa duula hojii hubannoo seeraa akka Godinaatti labsame sababeeffachuun gaafa 14/12/2018 Magaalaa Hoogisoo keessatt guyyaa gabaa akka carraatti fayyadamuun ummata bal'aa gabaaf magaala dhufee fi hawaasa daldalaa magaalichaatiif hubannoo mata duree adda addaa kanneen akka mirga shamattootaa, daldala seeraan alaa, yakkoota taaksii galii mootummaa irratti raawwatamanii fi kkf ilaalchisee labsiiwwan lak.813/2016, lak.980/2008 fi lak 203/2009 walqabsiisuun hubannoo seeraa maloota adda addaa fayyadamuun kennee jira!

Duula Ashaaraa Magariisaa!======================Jilli I/Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kab. Obboo ...
03/08/2026

Duula Ashaaraa Magariisaa!
======================
Jilli I/Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kab. Obboo Darajjee Daddafoo fi Biiroo Abaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti Qindeessaa Damee Kibbbaa Kab. Ob.Ayyaanoo Waarsamootiin durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Wondootti duula ashaaraa magariisaa akka biyyoolessaatti labsame sababeeffachuun guyyaa har'aa kana jechuunis gaafa 27/11/2018tti biqiltuu dhaabanii jiru! Biqiltuu guyyaa har'aa kana dhaabanis, dhaabanii biraa hafuu osoo hin taanee akka guddatuuf kunuunsa maluuf akka godhanis ergaa isaanii dabarsanii jiru!

Beekamtii fi Badhaasa==================Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa  Adaabbaa milkaa'ina raawwii hojii Waajjira Galiiww...
30/07/2026

Beekamtii fi Badhaasa
==================
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Adaabbaa milkaa'ina raawwii hojii Waajjira Galiiwwanii Aanaa Adaabbaa bara 2018 kana keessatti qindoominnaa wajjiin hojjachuun Waajjirichi Waajjiraalee Galiiwwanii Godinaalee Arsii lixaa keessaa raawwii fooyyee galmeessuu keessatti gahee dilbii waan taphateef waraqaan beekamtii fi badhaasni geebaa kennameefii jira! Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Adaabbaa Obbo Aabbuu Siraaj waraqaa beekamtii fi badhaasa geebaa Waajjira Galiiwwan Aanaa Adaabbaa irraa fudhatanii jiru! Waajjirri Abbaa Alangaa Adaabbaa fi Waajjirri Galiiwwan Aanaa Adaabbaa bara 2018 keessatti qindoominna cimaa uumuun waliin hojjachaa turuun bu'aan olaanaa galmaa'ee bara 2019 keessattis cimee kan itti fuufu ta'uu dhaamamera!

Beekamtii fi Badhaasa==================Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa milkaa'ina raawwii hojii Waajjira Gali...
20/07/2026

Beekamtii fi Badhaasa
==================
Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa milkaa'ina raawwii hojii Waajjira Galiiwwanii Godina Arsii Lixaa bara 2018 kana keessatti qindoominnaa wajjiin hojjachuun Waajjirichi Waajjiraalee Galiiwwanii Godinaalee Oromiyaa keessaa sadarkaa 1ffaa bahu keessatti gahee dilbbii waan taphateef waraqaan beekamtii fi badhaasni geebaa kennameefii jira! Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kab. Obboo Darajjee Daddafoo waraqaa beekamtii fi badhaasa geebaa Waajjira Galiiwwan Godina Arsii Lixaa irraa fudhatanii jiru!
Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa fi Waajjirri Galiiwwan Godina Arsii Lixaa bara 2018 keessatti qindoominna cimaa uumuun waliin hojjachaa turuun bu'aan olaanaa galmaa'ee bara 2019 keessattis cimee kan itti fuufu ta'uu Kabajamoo Ob. Darajjee Daddafoo dhaamanii jiru!

Aanaa Dodolaa sadarkaa 3ffaa xumuran!=================================Qorannoo raawwii hojii Waajjiraalee Abbaa Alangaa ...
24/06/2026

Aanaa Dodolaa sadarkaa 3ffaa xumuran!
=================================
Qorannoo raawwii hojii Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa bara kana jechuun bara 2018 akka Godina Arsii Lixaatti gaggeeffameen, Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Dodolaa raawwii hojii hojii waliigalaatiin raawwii caalmaa qabu galmeessuun Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee Godinichaa keessaa sadarkaa 3ffaa bahuun waraqaa beekamtii fi geeba badhaafamanii jiru!

Gadab Hasaasaa sadarkaa 2ffaa xumuran!==================================Qorannoo raawwii hojii Waajjiraalee Abbaa Alanga...
24/06/2026

Gadab Hasaasaa sadarkaa 2ffaa xumuran!
==================================
Qorannoo raawwii hojii Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa bara kana jechuun bara 2018 akka Godina Arsii Lixaatti gaggeeffameen, Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa raawwii hojii hubannoo seeraa hawaasaa cimsuun sadarkaa 1ffaa fi hojii waliigalaatiin immoo sadarkaa 2ffaa bahuun waraqaa beekamtii fi geeba badhaafamanii jiru!

Nageellee Arsii sadarkaa 1ffaa xumuran!=================================Qorannoo raawwii hojii Waajjiraalee Abbaa Alanga...
24/06/2026

Nageellee Arsii sadarkaa 1ffaa xumuran!
=================================
Qorannoo raawwii hojii Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa bara kana jechuun bara 2018 akka Godina Arsii Lixaatti gaggeeffameen, Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Nageellee Arsii raawwii hojii waliigalaan raawwii caalmaa galmeessuun Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa keessaa sadarkaa 1ffaa bahuun waraqaa beekamtii fi geeba badhaafamuun shaampiyoonaa ta'anii jiru!

Guduunfaa Gamaggama Hojii Bara 2018!=================================Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa  waltajj...
24/06/2026

Guduunfaa Gamaggama Hojii Bara 2018!
=================================
Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa waltajjii gamaaggama raawwii karoora hojii kurmaana 4ffaa bara 2018 guyyoota lamaaf jechuun gaafa guyyaa 16-17/10/2018 ALItti Waajjiraale Abbaa Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa fi Mana Sirreessaa Godina Arsii Lixaa wajjiin Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa ture guyyaa har'aa kana karaa milkii ta'een xumuramee jira. waltajjii kun Abbootii Alangaa Godinaa fi Aanaalee Godina Arsii Lixaa, hojjattoota bulchiinsaa Godinaa, hojjataa karooraa fi dursaa garee humna namaa Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee fi qooda fudhattoota biroo karaa hirmaachiseen gaggeeffamee jira.

Waltajjichi kun eebba manguddootaatiin jalqabee Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Darajjee Daddafoo ergaa baga nagayaan dhuftanii fi haasaya baniinsaa taasisuun kallattii gamaaggamaa kennuun waltajjii kana ifatti jalqabsiisanii jiru.
Baniinsa waltajjii qorannoo kana irrattis Itti Aanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Asaffaa Tolosaa argamuun haasaa taasisanii jiru. Gabaasni raawwii hojii kurmaana 4ffaa bara 2018 Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa, Mana Sirreessaa Godina Arsii Lixaa fi kan Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee Arsii Lixaa, gabaasa duubdeebii daawwannaa hojii dirree Aanaalee, xiinxala galmeewwan murtii argatanii fi sakatta'iinsa poosti odiitii galmeewwanii dhiyaatee jira. Dabalataanis Leenjii Moosaajii pismis irratti kennamee jira. Gabaasota dhiyaatee fi leenjii kenname irratti gaafii fi yaanni mana keessaa ka'ee irratti mari'atamee jira. Gaafilee fi yaadota mana keessaa ka'an irratti hoogganttoonni hojii isaan ilaallatu deebii kennanii jiru!

Qorannoo waltajjii gamaaggama kana irratti ciminaalee galmaa'anii fi hanqinnaalee bara kana raawwii hojii keessatti nu mudatanis adda baasuun mariin gaggeeffamee jira! Guduunfaa waltajjii qorannoo kana irratti Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Kabajamoo Obboo Mallasaa Abbaayinaa, Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaa kan ta'an Kabajamoo Obboo Bukaarii Kadiiroo fi Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Godina Arsii Lixaa Obboo Mi'eessoon argamanii jiru! Kabajamoo Obboo Mallasaa Abbaayinaa fi Obboo Darajjee ciminaalee galmaa'an itti fuufsisuudhaan hanqinnaalee mul'an galtee karooraa hojii bara 2019 taasifachuun irratti karoorfachuu akka qabamus kallatti hojii kennanii jiru!

Dhuma irratti sirni beekamtii fi badhaasaa Abbootii Alangaa fi Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa gama hojii hubannoo seeraatiin raawwii caalmaa qaban galmeessanii fi Waajjiraalee raawwii hojii waliigalaatiin raawwii caalmaa qaban galmeessaniif waraqaa ragaa beekamtii fi geeba badhaafamanii jiru.
Haala kanaan hubannoo seeraatiin Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa sadarkaa 1ffaa, Kokkossaa 2ffaa fi Shaallaa 3ffaa bahuun waraqaa beekamtii argatanii jiru. Abbootii Alangaa hubannoo seeraatiin Ramadaan Aadam sadarkaa 1ffaa, Abdii Waarituu 2ffaa fi Abbishuu Irreesso 3ffaa qabachuun waraqaa beekamtii argatanii jiru!

Raawwii hojii waliigalaatiin wajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Adaabbaa fi Aanaa Kofalee sadarkaa 5ffaa fi 4ffaa qabachuun waraqaa beekamtii kan argatan yoo ta'u Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Dodolaa sadarkaa 3ffaa bahuun waraqaa beekamtii fi geeba, Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa 2ffaa bahuun waraqaa beekamtii fi geeba badhaafamanii jiru! Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa keessaa bara kana jechuun bara 2018 1ffaa bahuun waraqaa beekamtii fi geeba kanvbadhaafaman Aanaa Nageellee Arsii shaampiyoonaa ta'uun xumuree jira! Kanumaan waltajjiin qorannoo hojii guyyoota lamaaf Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa ture har'a gaafa 17/10/2018tti milkiin xumuramee jira!

Waltajjiin qorannoon gabaasa raawwii hojii  Waajjiraalee Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa kan kurmaana 4ffaa bara 2018 g...
23/06/2026

Waltajjiin qorannoon gabaasa raawwii hojii Waajjiraalee Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa kan kurmaana 4ffaa bara 2018 guyyoottan lamaaf turu guyyaa har'aa kana gaafa 16/10/2018tti Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa jira. Waltajjii kun Abbootii Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaalee Arsii Lixaa, hojjattoota bulchiinsaa Godinaa, dursaa humna namaa fi karoora Aanaalee, Mana Sirreessaa Godina Arsii Lixaa fi qooda fudhattoota biroo hirmaachisuun gaggeeffamaa jira! Waltajjiin kun ganama eebba maanguddootaatiin jalqabee jira. Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Darajjee Daddafoo haasa baniinsaa fi ergaa baga nagayaan dhuftan taasisuun waltajjii kana jalqabsiisanii jiru. Keessummaan Kabajaa waltajjii kanaa kan ta'an Itti Aanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Asaffaa Tolosaa baniinsa waltajjii kanaa irratti argamuun haasaa taasisanii jiru! Waltajjiin ganama irraa jalqabee hanga sa'aa kanaatti itti fuufee jira!

Daawwannaa Hojii Dirree Gaggeeffame!===============================Gareen deegggarsaa fi hordoffii Waajjira  Abbaa Alang...
19/06/2026

Daawwannaa Hojii Dirree Gaggeeffame!
===============================
Gareen deegggarsaa fi hordoffii Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa guyyaa har'aa Waxabajjii 12 bara 2018 daawwannaa hojii dirree Waajjiraalee A/Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa irratti gaggeessaa jira! Gareen deeggarsaa fi hordoffi kun iddoo saditti qoodamuun Godina irraa kan bobba'e yoo ta'u kaayyoon hojii daawwannaa dirree kanaas Waajjiraaleen A/Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa karooraa fi raawwii hojii isaanii kan waggaa jechuun kurmaana 4ffaa bara 2018 ilaaluun raawwii waggaa akkaataa karooraatiin raawwachuu ykn raawwachuu dhiisuu isaanii adda baasuuf, raawwii hojii isaan Godinaaf gabaasaa turan qabatamaan lafa irra jiraachuu ykn dhiisuu isaa ragaa qabatamaa qabaachuu ykn dhiisuu isaanii fi kkf bu'uura cheelistiitiin daawwannaa kanaan adda baasuudhaan akkasumas ciminaalee raawwii keessatti galmaa'nii fi hanqinnaalee mul'atan irratti duubdeebii kennuuf! Bu'uuruma kanaan daawwannaa hojii dirree gaggeeffamee jira. Aanaalee daawwannaan irratti taasifame duubdeebiin battalaa garee deeggarsaatiin kennamee jira. Daawwannaa kun guyyaa borus kan itti fuufu ta'a!

Address

Kela
Shashemene
010

Opening Hours

Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251937432653

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa:

Shortcuts

Share