Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufa

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufa Mana Murtii Aanaa Magaalaa Haruufaa_Harufaa City Woreda Court_የሀሩፋ ከተማ ወረዳ ፍርድ ቤት

13/08/2026
Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee 3ffaa-------------------------Adoolessa 21,2018. Yaa’iin Ab...
28/07/2026

Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee 3ffaa
-------------------------
Adoolessa 21,2018. Yaa’iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii magaalaa Shaashamannee 3ffaan Magaalaa Shaashamannee Hoteela Jaloo tti gaggeeffameera.

Yaa’icha irratti Abbootiin Seeraa Manneen Murtii Magaalaa,keessumoon MMWO, fi Miseensotni Koree Bulchiinsaa MMO Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee,Jaarsoliin biyyaa fi Keessummoonni manneen hojii sadarkaa gara garaa irraa afeeraman argamaniiru.
Yaa'icha irratti barreeffamni qophaa'e dhiyaatee irratti maryatameera. Hirmaattonni waltajjichaa yaada Gara garaa laatanii jiru. yeroo ammaa Manneen Murti riifoormiiwwan gama Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin diriiran lafa qabsiisuun Manneen Murtii Magaalaa Shaashamannee hojii fakkeenyummaa qabun Hojachaa Jira! haala itti fayyadamaa teeknooloojii kana caalaa cimsinee akka itti fayyadamnuu maarii irraatti mariyatamee Jira.
Itti fufuunis Manneen murtii magaalaa shaashamannee sadarkeffamanii Mannii murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufaa Baranas badhaasa Geebaa fudhatee Jira. itti dabaluun Abbootti seeraa Rawwii Galmee Olaanaa galmeessaniif badhaasa kennameen Abbaa seeraa M/keenyaa kan ta'an Kabajamoo Addee Iyyerusaleem H/Gabreel Rawwii galmee ol'aanaa galmeessuun Sadarkaa 3ffaa bahuun bara hojiin kana xumurani Jiru.
"""""""""""""". ^^^^^. """""""""""""
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufaa

Sirna sagantaa cufiinsa mana murtii Aanaa Kutaa  magaalaa Haruufaa yeroo boqonnaa gannaa Abbootii Seeraa sababeefachuun ...
27/07/2026

Sirna sagantaa cufiinsa mana murtii Aanaa Kutaa magaalaa Haruufaa yeroo boqonnaa gannaa Abbootii Seeraa sababeefachuun gaggeefameera.

Adooleessa 20, 2018
Shaashamannee

Hojjattoonni mana murtii Aanaa Kutaa magaalaa Haruufaa yeroo boqonnaa gannaa Abbootii seeraa sababeefachuun sagantaa sirna cufiinsaa mana murtii haala ho'aa fi miidhagaa taheen bakka pirezdaantiin mana Murtii Keenyaa kab. Aaddee Muniiraa Abdulqaadir argamanitti gageefame.
Sagantaa kana irratti prezdaantiin Haasaa baniinsaa taasisaniin hawaasa manaa akka waliigalatti galateefachuun hojii bara xumurame kana keessatti hojjatamee milkaa'ina argameef gaheen isaanii Ol'aanaa tahuu isaa eeruun gara fuul duraafis cimee akka itti fufuu fi hariiroon amma jiruus akka hojjattoota waliin hojjatan qofaa osoo hin taane akka maatii tokkootti kan callaqisu tahuun isaa milkaa'ina amma argameef bu'uura waan taheef fuulduraas daran cimee akka itti fufuuf dhaamanii Kanuma sababeeffachuun staff mana murticha Hunda wajjiin Affeeran Buna Fi Laqanaas Tasifamee sagantaan raawwateera.
"Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufaa"

17/07/2026
BAGA AYYAANA IID AL-ADAHAA GEESSAN!Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufaa Ayyaana Iid Al-Adahaa Waggaa 1447ffaa saba...
26/05/2026

BAGA AYYAANA IID AL-ADAHAA GEESSAN!

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufaa Ayyaana Iid Al-Adahaa Waggaa 1447ffaa sababeeffachuun hordoftoota Amantaa Muslimaa maraan baga ittiin isin gahe jechuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Ayyaanichi kan jaalalaa, kan tokkummaa, kan milkaa'inaa fi kan waloomaa akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsaa irra deebiin baga ittiin isin gahe jedha.

Ayyaana Gaarii!

19/05/2026

Address

Near Radiat Hotel CDI
Shashemene
HARUFA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Haruufa:

Shortcuts

Share