Iftooma Gadab

Iftooma Gadab politics

Faayidaa Biqiltuu Kusaa'ee yokan Sukaaye Maqaan isaa Ingiliffaan (Lippia abyssinica)(Amaariffaa:koseret ኮሰረት,) Jedhama,B...
05/08/2024

Faayidaa Biqiltuu Kusaa'ee yokan Sukaaye

Maqaan isaa Ingiliffaan
(Lippia abyssinica)
(Amaariffaa:koseret ኮሰረት,) Jedhama,
Biqiltuun kun Itoophiyaa keessatti kan argamu yoo ta'u, biyyoota Afrikaa Tiropikaala
hunda keessatti Argama,

Maqaaleen beekamoo biroon

Afaan Faransaayiin (verveine) jedhama,

Namoonni afaan Jarmanii dubbatan Gambia-Teestrauch (Gambia tea shrub) jedhanii waamu .

Seeraaliyoon keessatti maqaan isaa a-kimbo yoo ta'u
Koongoo keessatti ngadi ykn- dutmutzuri) jedhama .

Itiyoophiyaa keessatti Baalli koseret, gogfamee nyaata Urgeessuuf Akka Qimamii Ta'e Tajaajila,

Biqiltuun kun Biqiltoota Fayyaa Namaa Yaaluuf Oolan keessaa Sadarkaa 11ffaa irratti Argama,
Qoricha Aadaa keessatti Tajaajila kennuu Erga Jalqabee Waggaa 1900 Guutera,

Shaayiin Baala isaa irraa Qophaa'e.
Faayidaa Hedduu Qaba,

Infeekshinii Kalee fi Ujummoo Fincaanii yaaluu keessatti humna Cimaa Qaba,
Kalee Hojii Dadhabe kan Of Qulqulleessuu Dadhabeef Bu'aa Ajaa'ibaa Qaba,

Dhukkuboota Qorraa Utaalloo Qofaa Taayifoodii fi kkf Yaaluuf Tajaajila

Qoricha Aadaa keessatti,
Dhukkuba Baakteeriyaa Garaachaa.
Dhukkuba Cobxoo,
Dhukkuba Dadhabina walqunnmtii saalaa fi Rakkoo Dhala dhabuu fi kkf Yaaluuf Tajaajila kenna,

Dhukkuba Sombaa fi Ujummoo Qilleensaa fi Dhukkuba Wabaa yokan Busaa yaaluuf
Hundee/Hiddi isaa fi Baalli isaa Tumamee Fallaana Guddaa Tokko Bishaan Qabbanaa'aa Burcuqoo Tokko Wajjin walitti makame Ganama garaa duwwaatti dhugama, guyyaa 3,

Dhukkuba Gogaa kan Akka Sibiijjii fi Madaa Qaamaa Fayyuu dideef Daakuu isaa Damma Wajjin walitti makame Dibatama,

Dhukkuba Qorraa kan Akka Qufaa Utaalloo fi Dhiibbaa dhiigaa, Raammoo Maxxantuu Jaardiyaa wosfaatii fi Jarmii Kkf Garaa keessaa Baasuuf Dhukkuba Garaa Baasaa, dhaabuuf,
Nama Sareen Maraatuun Ciniineef fi kkf Yaaluuf
Daakuu Baala isaa Guddaa 3 bishaan Burcuqoo 3 wajjin walitti makame Daqiiqaa 10 Danfisamee Qabbanaa'e ganama garaa duwwaatt Burcuqoo Tokko dhugama guyyaa Laaqana Dura Burcuqoo Tokko dhuguma halkan Nyaata Dura Burcuqoo Tokko dhuguma, Guyyaatti yeroo 3 dhugama jechuudha, haala kanaan guyyaa 5 itti fayyadama

Dhukkuba Dhiiraa yokan Cobxoo fi Summii tiruu keessaa Qulqulleessuuf,
Firii fi Baalli isaa Walitti Tumamee Daakuu isaa Fallaana Guddaa Tokko Bishaan Burcuqoo Tokko Wajjin Danfisamee garaa duwwaatti dhugama guyyaa 3
Summii Bofa yokan Jawwee Ni Fayyada,

Farra baakteeriyaa antiraaksii ispoorii fi kkf
Farra Fangasii fi Vaayiresii Waan ta'eef dhukkuba Garaa garaa Fayyisuu fi Namarraa ittisuu Danda'a.

Qorannoon baayookeemikaalaa akka agarsiisutti, Kusaa'een albuudota (Booroonii, Pootaasiyeemii, Kaalsiyeemii, Maagniziyeemi, Kooppaar, Sibiilli, Mangaanizii, Salfarii, Ziinkii, fi Naayitiroojiiniin kan badhaadhe, dha,
Qabiyyeen keemikaalaa, sochiin farmaakooloojii, Qorannoon irratti gaggeeffame akka agarsiisutti Biqiltuun kun irra caalaa wal’aansa rakkoo garaachaa fi sirna hargansuu fi akka Qorichaatti, kan itti fayyadamanidha. Dabalataanis, Biqiltuun kun sochii farra busaa, ispasmolitic, sedative, hypotensive fi, farra inflammatory agarsiisaniiru. Walumaagalatti, zayitiin barbaachisaan ykn kompaawundootni feenooliik (flavonoids) kanneen biqiltoota kana irraa baafaman akka Qorichoota bu’uuraa sochii Gaarii qabanitti fudhatamu.

Biqiltuun kun Faayidaa Guddaa Qaba, Nama Kaansarii Qabuuf hin ta'u,
Akkasumas Guyyaa 5 Ol Fayyadamuun hin Ta'u

fayyaa ta'aa!

Sanamakii =======Afaan Arabaatiin 'sana makkahi' fi Afaan Ingiliffaan ammoo 'Senna leaf' kan jedhamtu biqiltuun kun biyy...
02/08/2024

Sanamakii
=======
Afaan Arabaatiin 'sana makkahi' fi Afaan Ingiliffaan ammoo 'Senna leaf' kan jedhamtu biqiltuun kun biyya keenyati Afaan oromootii
'Sanamakii';Afaan Amaaraatinis haaluma walfakkatuun 'ሰነመኪ' jedhamuun beekamti.Biyya keenya keessatti biqiltuun kun bakka baay'eetti hedduminaan biqiluun argamtuudha.

Biqiltuun kun fayyaa namaatiif bu'aa heddu kennaa jaarra heddu kan lakkofsistee yoo ta'u Macaaf Islaamaa Haddis/Hadeeth jedhamu keessaatis Nabiyyi[S.A.W] Muhaamad 'sanamakiin biqiltuu du'aaf yoo ta'e malee rakkoo fayyaa hundaaf qoricha akka tateefi fi namni hunduu akka fayyadamu qabu gorsa akka turen eerameera'.

Qorannoon saayinsiis akka mul'isuttis baalii biqiltuu kanaa keemikaala 'Sennosides' jedhaman kan of keessaa qabu ta'uu isaa irraa kan ka'e fayyaa namatiif bu'a ola'aana akka qabu mirkaneessa.

Baalli Sanamakii goge gabaa irratti waan garuguramuuf namni kamuu salphaatti argachuu danda'a

Faayidaan Baalli sanamakii fayyaa namaaf qabu:
1.Gogiinsa garaa irra ni fayyisa

2.Dhibee garaatiif fkn rammoo garaa qulqulleesse baasa; warra nyaatni daakamuufi diduu fi warra yeroo hunda dhibee garaatiin yeroo hunda rakkatanii fi namaatu waa na nyachise jedhanii of shakkaniif

3.Kintaarotiidhan warra rakkataniif

4.Ulfaatiin gara-malee hir'isuuf

5.Mudoo garaa garaa kan akka 'maadiyatii' kan gogaa namaa irratti bahu ni balleessa.

Akkamiin Fayyadamna?
======+=+=========
Baala firii Sanamakii goge falla'aan shoorbaa tokko fi walakka (አንድ ከግማሽ የሾርባ ማንክያ) Bishaan liitirii tokkotti erga danfisinee qabaneessine baala irraa calaaluu ykn dhinbiibuun bishaan isaa guutuu dhuguu(cuunfaa Jinjibilaa fi damma yoo arganne yoo itti daballe gaariidha). Kana kan fayyadamnu sa'aatii halkan sa'aatii hir'iba osoo ta'ee filatama.

Kana goonee sa'aatii 7-12 ta'uu keessatti Sanamakiin dhugne bifa baasaatiin gara keenya guutumatti qulqulleesa. Sana booda garaa qulqulla'etti Cuunfaa/juusii/ ykn nyaata garaaf salphatu kan barbaree of keessaa hin qabne fudhachuun akka jalqabnuufi suuta nyaata idileetti akka ceenu gorfama.

Hubaachiisa
==========
** Sanamakiin bifa garaa baasatiin gara waan qulqulleessuuf sanamakii dhugdanii mana akka hin baane adaraa;mana finchaanii irraas hin fagaatina kan jechuun erga dhugdanii booda yoo akkam dheerate sa'aatii 12'f

** Sanamakii akka hin fudhane kan dhoorgaman eenyu fa'a?

1. Ijoollee waggaa 12 gadii

2.Dubartii Ulfaa fi kan harma hoosistu

3.Nama mar'imaan michiramte fi kulkula Appendiksii(tirfa anjet) godhate ykn ittin shakkame

4.Nama garaan baasa jiru

5.Namootni qorichoota gara garaa fudhatan sanamakii fudhachuun dura Ogeessa isaan yaalu mariisisuu qabu.

Sanamakii fudhachuun miidhaan inni geesiisu jiraa?
========
Sanamakii xuura'a gara garaa keessoo garaacha keenyarratti maxxananii yeroo dheeraaf turee fi boolii goge laaffisuun bifa baasaatii baasuu keessatti wal'aansoo inni mar'imaan keessatti godhu irra kan ka'e;sanamakii erga dhugnee booda dhukkubiin garaa hanga tokko jiraachuu danda'a. Kanaan ala humnaa ol yoo fudhane fi garaa garumma ji'a tokko hin caalle keessatti deddebinee al tokko ol yoo fayyadamne miidha geesisuu danda'a malee yeroo baay'ee miidhaan inni geessisu hin jiru.

MALA’UU QAAMA SAALA DHIIRAA - Urethral Discharge Syndrome***********************************Ujummoon fincaanii afuuffee ...
04/05/2024

MALA’UU QAAMA SAALA DHIIRAA -
Urethral Discharge Syndrome
***********************************
Ujummoon fincaanii afuuffee fincaanitii gara gadii jiru kan qaama saala dhiiraa keessa bahee qacee bira gahu “Urethra” jedhama. Dhangala’aan (akka malaa) qaccee qaama saalaa dhiiraa irraa bahu sababa kulkula Urethra irraa kan dhufudha. Kana ammoo irra jireessaan kan fiddu dhukkuboota salqunnamtii saalaatiin daddarban yoo ta’u, darbee darbee garuu sababa infeekshiinii ujummoo fincaanii irraa ta’uu danda’a.
—-

—-
Dhukkuboota salqunnamtii saalaa yeroo hedduu dhiira irratti muldhatan keessaa Cophxoon (mala’uun ykn dhangala’aan Urethra irraa bahuun) dursa kan qabatuudha.

Sababoota ka’umsaa gargaraa qabaatuus, isaan keessaa baakteriyan Neisseria gonorrhea fi Chlamydia trachomatis jedhaman kan yeroo hedduu muldhataniidha. Yeroo baay’ee bakteeriyaa tokkoon otoo hin ta’in baakteriyaan heddu woliin kan fidaniidha.
—-

—-

Mallattoon cophxoos baakteriyaa isa fide irratti hundaa’uun garagarummaa haga tokko ni qaba. Mallatooleen ijoon:

* Dhangala’aa qaccee qaama saalaatii bahu, halluun isaa adii isaparmii fakkaatu, boora malaa fakkatu, boora gara magarisa dabu, ykn akka bishaanii halluu kan hin qabne ta’uu danda’a.
* Dhangala’aan bahu kunis yeroo gababa keessatti baay’ate bahuu ykn torbanoota booda suuta suutaan kan yaa’u ta’uu danda’a.

* Dabalataan:
- Fincan nama gubuun,
- Qaccee qaama saalaa nama nyanyaatunii fi hoqsisuun,
- Fincaan amma amma dhufuun,
- Fincaan nama mudduun,
- Akkasuma isan wojjiin darbee darbee cidhaan cinaa tokkoo dhita’uu fi dhukkubbii qabaachuun jiraachuu danda’u.
—-
—-
Xaxawwaan cophxoo irraa dhufan ijoon
- Dhiita’uu fi dhukkubbii cidhaanii,
- Dhukkubbii buuseewwan (cabsata lafeewwanii) irratti namatti dhagahamu,
- Miira dhukkubbii naannoo hidhaa (dugda gadii)
- Shifiniiniiju gogaa irratti bahu,
- Dhala dhabuu (carraa maseenuu dabaluu)
- Yoo haalaan ykn hin yaalamnee namatti deddebi’uun
- Yeroo dheeraaf (woggootaaf) yoo nama irra ture ujummoon urethra akka gadaanisa uumee dhiphatu gochuun, hanga sadarka fincaan deddeebiin nama ukkaamsuu gahuu danda’a.




Yaala, ittisaa fi of-eegganoo godhamuu qabu:
* Of-eeggannowwan salqunnamtii (qunnamti irraa of-qusachuu, takkattitti murtaayuu, ykn koondomii fayyadamuu) fi salqunnamtii of-eeggannoon hirdhate irraa of eegu.
* Iftoominnaan rakkinna jiru ogeessa yaalaatti himachuun yaala argachuu.
* Dhukkubni kun saal-qunnamtiin waan daddarbuuf haadha worraa (ykn hiriyyaa salqunnamti) keenyas qorachiisuufi yaalachisuu. Yeroo tokko tokko isaan keessaa tokko infeekshinicha rakkoo qaama saalaa kana fide qabaatee mallattoo dhukkubichaa mul'isuu dhabuun isa kaanitti daddabarsaa jiraachuu waan danda’uuf isaan lachuu yaalamuu qabu jechuudha.
* Hanga dhukkuba irraa fayyaniif wolqunnamtii saalaa dhiisuu.
* Ogeessa yaalaa wojjiin mari'achuun qorannoo HIV gochuu.
* Jijjirraa amalaa barbaachisoo ta'an kan carraa dhukkuba saalqunnamtiin qabamuu olkaasan irraa fagaachuu (fkn hiriyyaa saalqunnamtii heddu yoo qabaanne kana dhiisuu).
* Xaxaa yaalamuu dhabuu irraa dhufan keessaa tokko rakkoon kun namatti deddebi'uu, fi xaxawwaan asii olitti barreessine fiduu danda’a waan ta’eef yaala argachuun barbaachisaadha!
—-

—-
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa!

04/05/2024
25/03/2024

On April 8, 2024, you can experience a breathtaking celestial event — a total solar . Not in the eclipse path? You can experience it with us on plus.nasa.gov.

Tune in to our media briefing at 10 a.m. EDT (1400 UTC) on March 26 to learn more: go.nasa.gov/4aIJdJN

Amaloota ONNEE keenya miidhan saddeet  (8)!!*************************************1. Yeroo dheeraaf taa'uu ( fknf. TV ila...
19/03/2024

Amaloota ONNEE keenya miidhan saddeet (8)!!
*************************************
1. Yeroo dheeraaf taa'uu ( fknf. TV ilaaluudhaan, fiilmiiwwan adda addaa irraa taa'aa oolu).
2. Ilkaan keenyaa sirriitti qulqulleeffachuu dhiisuu.
3. Sababoota adda addaan hirriba ga'aa rafuu dhabuu.
4. Sammuun baay'ee dhiphachuu (Stress)
5. Araada akka tamboo fi alkoolii fayyadamuu.
6. Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu.
7. Nyaata ashaaboo itti guddisanii nyaachuu.
8. Dhiibbaa dhiigaa osoo qabanii (osoo akka qaban hin beekiinis ta'uu mala) yaalamuu dhiisuu.
*************************************
Fayyaan Faaya

BAATII RAMADAANAATIIF GUYYAA 59 QOFAATU HAFE !!!••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••By: Dr. Ibsaa ...
12/01/2024

BAATII RAMADAANAATIIF GUYYAA 59 QOFAATU HAFE !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
By: Dr. Ibsaa Dhugaa

Warri Qadaan Soomana Bara Dabree irra jirtu osoo soomanni baranaa isinitti hin seenne soomanaa liqii Rabbii ifirraa kafalaa.

Keessaafuu haadhoowwanii fii shamarran keenya warri Sababa addaa addaatiin soomanni dabre qadaa isinitti tahe akkasumaas dargaggootaa fii abboottiin teenya warri dhukkubsattanii ykn sababa imaltuutiin soomana dabre qadaa qabdan hundinuu dafaa soomanaa liqii Rabbii ifirraa kafalaa.

Yaa Rabbi warra achi gahee soomanu nu taasisi.

Address

Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Iftooma Gadab posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category