Sibu Sire Wereda Comunication Office

Sibu Sire Wereda Comunication Office Sibu Sire Communication Office the government office in Sire town

Guraandhala 13/2018Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree                ♧♧♧♧♧♧♧♧♧Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti...
20/02/2026

Guraandhala 13/2018
Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree
♧♧♧♧♧♧♧♧♧
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti Waltajjiin leenjii fi mana maree Sirna nyaataa fi nuutriishini aanichaa hundeessu gaggeeffamaa jira.
Waltajjii kana irratti hoggansi,miseensota Mana maree fi koreen teeknikaa sadarkaa aanaa fi gandaa hirmaachaa kan jiran yommuu ta'u kaayyoo fi barbaachisummaa waltajjichaa ibsuun haasaan kan saaqan Itti Gaafatamtuun Waajjira misooma magaalaa Godina Wallaggaa Bahaa Aadde Muluwerq Dirbabaa, Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Sibuu Siree Obbo Cannaqaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanichaa Obbo Balaachoo Caalaa walitti aansuun ergaa dabarsaniin nyaataa fi sirni nyaataa maalummaa isaanii sirriitti hubachuun waan oomishuu dandeenyu attamiin madaalawwa qaama,fayyaa fi jireenya namaa haala gaariin qabu taasisuu akka qabnu,garaa garummaa umuriitii fi saalaatiin garaagarummaa soorataa albuudota nyaataatiin guutaman fayyadamuu akka qabnu kan irraa hubannu ta'ee waan hundi sirnaan hogganamuu waan qabuuf caasaa isaa lafa qabsiisuun leenjii hubannoos fudhannee akkaataa itti hojiirra oolchinu akkaataa itti hawaasa keenya hubachiisnu waltajjii irraa hubannu waan ta'eef hubannoo kana fudhachuun barbaachisaa dha kanaaf naamusa waltajjii kabajuun hordofuu qabna jechuun hubachiisaniiru,Qajeelfamni sirna nyaataas Qindeessaa sirna nyaataa fi nuutriishini Obbo Toomaas Nagawootiin dhiyaachaa jira.
Leenjichas Dhaabbatni mit mootummaa "World Vision Ethiopia"damee misooma Aanaa Sibuu Sireetiin deggeramuun ibsameera.

11/02/2026
"Magaalaa ammayyeessuun jireenya jiraattotaa ammayyeessuu dha"Mudde 14/2018Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree            ...
24/12/2025

"Magaalaa ammayyeessuun jireenya jiraattotaa ammayyeessuu dha"
Mudde 14/2018
Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree
♧♧♧♧♧♧♧♧♧
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti Wixinee pilaanii magaalaa Siree haaromfame irratti Inistitiyuutiin Pilaanii Magaaloota Oromiyaa Damee Lixaa Pilaanii qophaa'e dhiyeessee mareen hawaasa waliin irratti gaggeeffamaa jira.
Waltajjii maree kana haasaan kan saaqan Itti aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaafi Lafaa aanichaa Obbo Tamasgeen Cimdeessaa fi Hoji Gaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Siree Obbo Daagim Darajjee walitti aansuun ergaa dabarsaniin magaalaan Siree umurii dheeraa kan qabdu,ummanni hedduun kan keessa jiraatu giddu galeessa aanaalee ollaa kan taate daandiin guddichi kan qaxxaamuruun teessoo Aanaa taatee otuu jirtuu akka maqaashee seenaashee fi teessuma lafaa qabeenya qabduun cina yeroo ilaalamtu garuu boodatti haftuu ta'uushee eeranii kana fooyyessuurra kan darbe jijjiirama hundeedhaa ta'e gochuuf maaster pilaaniin hojjetame kun isinii ibsamee yaada keessan irratti kennuun murteessaadha,
sababiinsaas iddoo mijataa bareedaa hawwataa fi sammuu namaa kan boqochiisu namni jibbu hin jiru waan ta'eef yaadni keessan murteessaa dha jedhaniiru.
Ogeeyyiin Pilaanicha qopheessanis Haalli qabatamaan waliigala maaster pilaanichaa qabeenyaa fi teessoo magaalatti waliin wal bira qabuun bu'uuraalee misoomaa dabalamuu qaban,kan sirrachuun irra jiraatu,kan hin barbaachifne jechuun tokko tokkoon dhiyeessaniiru.mareen hirmaattotaas irratti gaggeeffamaa jira.

"Sababoota Gufaatii fi Kufaatii Barnootaa Faana Dhoofnee Maqsuun Har'a Dha "Onkoloolessa 24/2018Kominikeeshinii Aanaa Si...
03/11/2025

"Sababoota Gufaatii fi Kufaatii Barnootaa Faana Dhoofnee Maqsuun Har'a Dha "
Onkoloolessa 24/2018
Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree
♧♧♧♧♧♧♧♧♧
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti Yaa'iin Barnootaa ergaa"Barnootni Misooma Qabeenya Humna Namaaf"jedhuun dhimmamtoota hirmaachise gaggeefame.
Yaa'ii Barnootaa hoggansi Aanaa,kan gandaa,miseensonni gamtaa maatii,hoggantoonni manneen barnootaa,barattoota qaxalee fi barsiisonni buleeyyiin kan irratti hirmaatan yommuu ta'u yaa'icha haasaan saaqanii xumura irratti kallattii fuulduraa kan kennan Itti Gaafatamaan Waajjira Galmeessa Siiviilii Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Caalii Likkaasaa,Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Sibuu Siree Obbo Cannaqaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa Aanichaa Obbo Yooseef Mokonnon walitti aansuun Barnoonni bu'uura jiruu fi jireenya dhala namaa,dhala namaafi addunyaa kana qaroomsaa teeknooloojii har'a irra geenyeef meeshaa murteessaa ta'uusaa eeranii dhaloonni keenya barnoota qulqulluu argatee addunyaa faana akka tarkaanfatuuf sirnoota barnootaa haarawoo waliin adeemuun,gufuuwwan cabiinsa barnootaaf sababa ta'an buqqisaa hojii hawaasa hirmaachiseen daandii barnootaa haxaa'uun qulqulleessinee dhaloota bor biyya nurraa fuudhee gahumsaa fi ofitti amanamummaan gaggeessu horachuu tu nurra jirasta,kana gochuuf barnoonni kan qaama ebeluuti kan hin jedhamne dhimma hunda keenyaa fi quba walitti qabuun eessaan gahuu akka hin dandeenye fudhannee hojjechuun,hawaasattis abbummaa manneen barnootaa akka

"Hojiin yeroon yoo gamaaggamame malee hanqinni dhokatee hanquu nama taasisa"Fulbaana 21/2018Kominikeeshinii Aanaa Sibuu ...
01/10/2025

"Hojiin yeroon yoo gamaaggamame malee hanqinni dhokatee hanquu nama taasisa"
Fulbaana 21/2018
Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree
♧♧♧♧♧♧♧♧♧
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti Waltajjiin hojii Paartii fi mootummaa kurmaana 1ffaa gamaaggamee kallattii fuula duraa kaa'u eegalameera.
Waltajjii kana irratti hoggansi aanaa,Kan gandaa,miseensonni maanaajmentii manneen hojii mootummaa kan hirmaatan yommuu ta'u deggersa hojiif Aanicharra kan jiran Itti Gaafatamtuun Gurmuu dubartootaa Godina Wallaggaa Bahaa Aadde Seblee Dhinsaa,Bulchaa Bulchiinsa aanichaa Obbo Cannaqaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanichaa Obbo Balaachoo Caalaa walitti aansuun ergaa dabarsaniin hojii yeroo gamaaggamnu karoora keenya gama mootummaatiin hojii hunda akkamiin hogganne,bu'aansaa maalrra jira,gama paartiitiin hojiin siyaasaa hojjennu keessoo paartii cimsee dandeettii gaggeessummaan nu cimee ergama paartii bahanneerraa jennee raawwiin keenya bara kanaa karoora cina eessa jira,raawwii keenya bara darbeetiin wal maddii qabnee madaalaa eessa geenyeerra eessatti hanqinni jira maaliif,eenyu abbaan dhimmichaa jennee adda baasuun kan ilaalamu ta'ee kunis gabaasota hojii dhiyaatan hayaataan dhaggeeffannee maree Bilchaata gaggeessuun walirratti qabsoofnee eda'amni hojii kun carraaqqii mootummaa fi ummanni taasisaa jiran ni ibsa moo hin ibsu jennee hin ibsu taanaan maaliif jennee sirriitti madaaluun yeroo itti aanutti kallattii itti sirrachuu qabu ni keenya ciminni yoo jiraate waliin cimna,kuufaatiin yoo jiraate waliin kufna kufaatiin akka hin jiraanne taasisuuf ammoo gamaaggamuun dura hojiin cimuutu murteessaa dha jedhaniiru.
Akkaatuma armaan olitti eerameen gabaasa hojii Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Sibuu Siree Obbo Addisuu Tasfaayeetiin,Gabaasni hojii mootummaa ammoo Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa Obbo Wandimmuu Ittafaatiin dhiyaaree mareen irratti gaggeeffamuu eegaleera.

"Biyya Badhaate Arguuf Lammii Ogummeessuun Damee Cimuu Qabu Dha."Fulbaana 20/2018Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree      ...
30/09/2025

"Biyya Badhaate Arguuf Lammii Ogummeessuun Damee Cimuu Qabu Dha."
Fulbaana 20/2018
Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree
♧♧♧♧♧♧♧♧♧
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti Feestivaaliin Ogummaa Poolii teeknikaa Sibuu Sireettii geggeeffame
Baga nagaan dhuftan jechuun kaayyoo feestivaalichaa kan ibsan Diiniin poolii teeknikaa Sibuu Siree Obbo Biraanuu Taaffesee koolleejjichi bara 2001 hundaa'ee hojiitti galuusaa yaadachiisanii Humna namaa gabaarratti barbaadamu Oomishuuf Hirmaannaa hawaasaa deggersa mootummaa fi mit mootummaatiin koolleejjichatti humna horuu,simannaa barataa dabaluu fi hirmaannaa dhaabbbilee garaa garaa cimsuudhaaf kan kaayyeffate waan ta'eef hojiiwwan ijaan daawwattan cimsuuf,dabaluuf,ogummaa kana jajjabeessuuf deggeruutu barbaachisaa dha kun ammoo humna koolleejjichaan ol dha gahee keenya fudhannee bahuutu nurraa eegama jechuun dhaamsa deggerssaa taasisaniiru.
Daawwannaa bu'aalee koolleejjichaa fi meeshaalee hojii koolleejjichaa garaa garaa taasifamee maree koolleejjicha cimsuuf eenyurraa maaltu barbaachisa jedhu irratti mareef taa'amee hirmaattonni tokko tokko yaada kennaniin dhimmichi dhimma dhalootaa mariyachuu,dhimma egeree biyyaa ijaaruu akka taa'e,ogummaan eessattuu yoomiyyuu kan abbaa ogummaa akka ta' eeranii jalqaba ilaalcha hafaa ogummaarra jiru dhabamsiisuu,koolleejjicha hawwataa taasisuu,maddoota galii barbaachuu,hojii dadammaqinaatiin barataa simachuuf hojjechuu irraa eegalee hanga rakkoo koolleejjii kanaa furuu irratti qaama mootummaa dabalatee hawaasni hundi tattaaffii taasisuu qaba,deggersis akka taasifamuuf hawaasa hirmaachisuun murteessaa ta'uu dubbataniiru.
Bulchaa Bulchiinsa aanichaa fi walitti qabaan Boordii koolleejjichaa Obbo Cannaqaa Bulchaa,Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanichaa Obbo Balaachoo Caalaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa Carraa Hojii Uumuufi Investimentii aanichaa Obbo Ibsaa Dilnassaa Waltajjii maree kana dursuun yaadota ka'anii fi fedhii koolleejjichaa irratti ergaa furmaataa fi deggersaa dabarsaniin koolleejjii kana rakkoo furree ol qabnee kufaatiirraa oolchuun mul'ata qabaachuu fi dhabuusaa irraa eegalee koolleejjicha irraa kan jalqabu ta'ee gahee isaanii beekanii akka hojjechuun ogummaa jiru gabaatti baafachuu akka qaban galii keessoo uummachuu akka qaban hubachiisanii gama mootummaatiin ammoo hojii ijoo ta'ee hawaasa keenya,caasaa keenya hundi ajandaa guddaa taasisuun hawaasni dhimma kooti jedhee akka deggeru taasisuun hojii amansiisuu hojjechuun,simannaatiin wal qabatees carraawwan argamanitti hojii dadammaqsuu,hubachiisuu irratti hojjechuun akka nurraa eegamu ni hubanna waan ta'eef koolleejjii kana kan ummata Aanaa Sibuu Siree gitu taasisuuf rakkoo ibsaa fi daandii furuu irraa eegalee nuti hoji manaa nu ilaallatan irratti maree gaggeessuun furmaataaf ni hojjenna kunis ajandaa gaggeessaa taasisuun fudhannee gara hawaasaatti bu'uun dirqama keenya ta'a jedhaniiru.
Agarsiisa feestivaalaa kana irratti jaarsoliin biyyaa,abbootiin amantii,gaggeessitoonni waldaalee hawaasaa,hoggansi aanaa fi gandootaa akkasumas hawaasa naannoo irraa affeeraman irratti hirmaataniiru.

"Boruu keenya har'a haa dhaabnu"Caamsaa 13/2017Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree.                       ♧♧♧♧♧Godina Wall...
21/05/2025

"Boruu keenya har'a haa dhaabnu"
Caamsaa 13/2017
Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree.
♧♧♧♧♧
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireett karoora dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa bara 2017f biqiltuun mukaa gosti garaa garaa mil.29 ol dhaabbiif Qophaa'uusaa waajirri Qonnaa fi lafaa aanichaa beeksise.
Mancaatii qilleensaa yeroodhaa gara yerootti addunyaa qoraa jiru tasgabbeessuuf dhaabbii biqiltuutiinis ta'e falmii waltajjiiwwan addunyaa irratti gaggeessuun biyyi keenya beekamtii olaanaa gonfachaa dhufteetti.
Akka biyyaattis ta'e akka naannoo fi aanaatti Aanaan Sibuu Siree hirmaataa duula kanaa ta'uun bara kanas biqiltuu mukaa sagantaawwan misooma bosonaa,muduraalee,nyaata beelladaa fi hunda galeessaa ta'uun tajaajilan yommuu ta'an akaakuudhaan ammoo kan akka Leemmanaa,Gaattiraa,Laaftoo,Mukarbaa,Gishxaa,Jakarta daandii fi kkf walumaa gala biqituun 29,200,000 ta'u buufataalee biqiltuu mootummaa 7 fi kan dhuunfaa 257 keessatti biqilfamee kunuunfamaa akka jiru waajjira Qonnaa fi lafaa aanichaatti abbaan adeemsa hojii misoomaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa Obbo Alamuu Aagaa ibsanii hanga gabaasni kun qindaa'ettis boolli dhaabbiif ta'u 912,000 qotamuusaa fi hojiin kunis itti fufee akka jiru Obbo Alamuun dabalanii ibsaniiru.

"Dargaggeessi Abdii Biyyaati"Bitootessa 16/2017Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree ♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧Godina Wallaggaa Bahaa Aa...
25/03/2025

"Dargaggeessi Abdii Biyyaati"
Bitootessa 16/2017
Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree
♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧♧
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti yaa'iin idilee koochoo Paartii Badhaadhinaa dargaggootaa aanichaa 2ffaan gaggeeffame.
Yaa'iin kun murtoo fi kallattii yaa'iin paartii Badhaadhinaa 2ffaan dabarse bu'uura godhachuun kan gaggeeffame yommuu ta'u jalqabbii yaa'ichaa irratti argamuun haasaan kan saaqan Itti Gaafatamtuu Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Sibuu Siree Aadde Ayyelech Gammachuu,Itti Gaafatamaa Koochoo Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Sibuu Siree Obbo Alamuu Aagaa, Bakka Bu'aa Itt Gaafatamaa Waajjira Gurmaa'ina Ummataa Obbo Deggefee Waaqoo wal duraa duubaan ergaa dabarsaniin dargaggeessi humna misoomaa,humna guddinaa,humna teeknooloojii humna badhaadhinaa gaachana biyyaa ta'uun dhaloota egeree biyya keenyaaf abdii ta'e dha jedhanii kanaafis paartiin Badhaadhinaa dargaggeessa dandeettii siyaasummaasaa cimsaa,ijaarsa biyyaa keessatti qooda inni qabu barsiisaa hubannoo biyyaalessummaasaa tokkoomsaa humni kun bor Paartii kana dhaalee nurraa fuudhu akka hin rakkanne gochuuf shaakala siyaasaa akka gabbifatan taasisuuf koochoo isin taasifatee socho'aa waan jiruuf murtoo paartii keessanii sirriitti hubattanii haala hojiirra ooluu qabuttis hirmaachuu qabdu jedhaniiru.

Address

Sire

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sibu Sire Wereda Comunication Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share