Paartii Badhaadhina A/O/Shaakkiso

Paartii Badhaadhina A/O/Shaakkiso Like and share to Your friends

26/12/2022
25/12/2022

Mudde 16/2015 Sirni awwaalchaa Abbaa Gadaa Gujii duraanii Dr.Kabajaa Aagaa Xeenxanoo Magaalaa Shaakkisootti raawwatee jira.

Sirni awwaalcha isaaniirraattis Abbotiin Gadaa, haadholiin Siiinqee, aanga'oonni Mootummaa Federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Sirna gaggeessaarratti Bulchaan Godina Gujii Obbo Taaddalaa Uddoo ergaa dabarsaniin, Yuubni Aagaa Xeenxanoo ummanni Gujii akka beekamu taasisuu, ummataafi mootummaa gidduu nageenyi fi hariiroon gaariin akka jiraatu hojjetaniiru jedhan.

Komishinarri Koomishinii Nageenya Oromiyaa Obbo Ibrahiim Hajii, nageenyaaf, tokkummaaf, Aadaaf, Sirna Gadaatiif hayyuu tattaafatan ta’uu eeran.

Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Obbo Taaraqanyi Bulultaa gamasaaniin sirni guddaan Oromoon qabu Sirna Gadaa ta’uu himuun, Yuubi kunis sirnichi deebi'ee akka dagaaguu fi mul'atu taasisuu himan.

Gaaffiin ummataa akka deebii argatu, hariiroo ummataa fi ummata gidduu akkasuma ummataa fi mootummaa gidduu nagaafi araaraaf nama ifaajjan ta’uu himan.

Gadaa lallabuu fi barsiisuu qofa osoo hin taane, Gadaan nama jiraate ta’uu dubbatan.

Gaggeessaan isaaniif malu istaadiyoomii Adoolaattis qaamoolee adda addaatiin taasifameera.

Yuuba Aagaa Xeenxanoo Muddee 13, Bara 2015 dhukkubsatanii utuu yaalamaa jiran lubbuunsaanii darbuun kan yaadatamuudha.

Address

Shakiso
Tore

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Paartii Badhaadhina A/O/Shaakkiso posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Paartii Badhaadhina A/O/Shaakkiso:

Shortcuts

Share