29/05/2026
Waltajjiin Marii Abbootii Qabeenyaa Gaggeeffame.
Caamsaa,21/2018 Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa waltajjii marii abbootii qabeenyaa PIQQ Bulbulaa fi Naqamtee akkasumas, Giddugaloota Ce'umsa Baadiyyaa Shaashamannee, Dodolaa, Baalee Roobee, Itayyaa, Olancitii fi Maqii keessa galanii hojii eegalanii fi adeemsa hojii eegaluurra jiran waliin marii gaggeesse. Marii kanaaf yaada ka'umsaa kan ta'uu fi sadarkaa abbootiin qabeenyaa kun irra jiran barreeffama gabaabaa Obbo Tamasgeen Shoonee Daayrektara Daayrektoreetii Bulchuunsa Paarkiwwanii dhiyeessanii jiru.
Barreeffama dhiyaateen haala sosochii abbootii qabeenyaa sadarkaan isaan hojii keessa galaa jiraniin kanneen hojii keessa galanii omisha jalqaban halluu magariisa, kanneen adeemsa ijaarsaa fi sochiin isaanii laafaa ta'an halluu keelloo fi kanneen ammoo, sosochii gonkuma hin jalqabin halluu diimaa keessa galchuun agarsiisanii jiran. Hubannoo kanarraa ka'uun sadarkaa isaanii arganiin yaada akka kennan Aadde Sannaayit Mabree Hojii Raawwachiistuu Ol Aantuu KMPIO fi Obbo Mangistuu Raggaasaa Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Ol Aanaa KMPIO abbootii qabeenyaa affeeruun yaada qaban akka kennan taasisanii jiru. Keessattuu, abbootiin qabeenyaa halluu keelloo fi diimaa keessa jiran rakkoon isaanii maal akka ta'e yaada kennaniin rakkoo meeshaleen ijaarsaa fi maashinoonni alaa galan sababa waraana Giddugaleesa Baha Addunyaa jiruun turuu isaanii kaasanii jiru. Dabalataanis rakkoo qaalayiinsa meeshaalee ijaarsaa fi industiriis kaasanii jiru. Dhumarratti Aadde Sannaayit Mabree rakkoowwan akka waliigalaatti jiran akkuma jiranitti ta'anii rakkooleen kun kan hundaati waan ta'aniif akkuma abbootiin qabeenyaa kanneen rakkoo kana dandamatanii oomisha eegalan kanneen duubatti haftanis kana keessaa bahuu qabdan jechuun yaada kanarratti waliigalamee mariin har'aa xumuramee jira.