Dilloo Woreda Police Office

Dilloo Woreda Police Office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dilloo Woreda Police Office, Government Organization, Ethiopia, Borena, Yabelo.

Onk 18/2/2014ttii M/murtii Aanaa Dilloo sirna beekamtii  kennuu murtii Aadaa hundeesuu guyya har'a kabajamtoota keesuumm...
28/10/2021

Onk 18/2/2014ttii M/murtii Aanaa Dilloo sirna beekamtii kennuu murtii Aadaa hundeesuu guyya har'a kabajamtoota keesuummoota Oromiyaa, Godinoota, Aanallee fi jaroollee Aanaa sanan bifa Adda ta'een eebbifameera.

Affeerra Laaqanaa Gaachana Uummataaf!Fulbanaa 2/2014  (WDHKMAD**Dilloo)Godina Booranaa Aanaa Dillootti Ayyaana Bara Haar...
13/09/2021

Affeerra Laaqanaa Gaachana Uummataaf!

Fulbanaa 2/2014 (WDHKMAD**Dilloo)

Godina Booranaa Aanaa Dillootti Ayyaana Bara Haaraa 2014 Sababeefachuun Affeerra Laaqanaa Gootataa poolisoota,Milishaa fi Gaachana Sirnaaf Affeerraa laaqanaa godhamee jira.

Ayyaana Bara Haara Qaamolee Nageenyaa Waliin Aanaa keenna khaa waardiyaa halkaan fi guyyaa qoraa fi qabbanaa osoo hin jedhiin uumaata fi biyyaa keenna Eegaa jirtuuf kabajaatu malaa jedhaa Bulchaa bulchinsaa Aanaa Dilloo obbo Reshiid Ibreen afferaa kan irratti argamuun haasa fi simaanaa Gootataaf godhaan jiruu........

Gaachana Sirnaa jechuun maal jechuudha? faayidaan isaahoo maali?"Sabni Dammaqe, Gurmaa'eefi Hidhate Yoomuu Injifataadha!...
28/08/2021

Gaachana Sirnaa jechuun maal jechuudha? faayidaan isaahoo maali?

"Sabni Dammaqe, Gurmaa'eefi Hidhate Yoomuu Injifataadha!!" Haayilee Fidaa

Gaachanni meeshaa lolaa kan ittin diina qolataniidha. Gaachanni akkaataa qabannaa qaba. Itti fayyadamuufis leenjii gaafata. Eeboon waraananii gaachanaan ammoo qolatu. Gaachanni Oromoof qaaliidha, meeshaa kabajamaafi gati jabeessa.
Gaachanni Sirnaa ammoo sirna ittiin Oromoon qe'ee isaa eeggatuudha. Dhimmi Gaachana Sirnaa dhimma Oromoo hundaati. Dhimm kanarratti hawaasaaf leenjiin bu'uraa kennamaa jira. Leenjiin kun yeroo ammaa guutummaa Oromiyaatti kennamuu eegaleera. Leenjii kanaan Oromoon sochii qaamaafi dhimmoota faayidaa qaban kan biroos ni leenji'a. Fayaasaafis ta'ee nageenya naannoosaa eeggachuuf faayidaa guddaa qaba.

Ummanni hubannoofi leenjii Gaachana Sirnaa kana erga fudhatee boodas hattuufi kashalabbe qe'ee isaarra naannoftee saamicha geggeessituufi ummata darartu ofiirra ittisa. Qaama nageenya isaafi naannoosaa jeequ, akkasumas sirna ofii ijaarrate humnaan diiguuf socho'urrattis tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata. Roorroo itti dhufturrattis gurmuunis ta'ee dhuunfaan ofirraa ittisuuf kan dandeesisuudha.
Qaamolee nageenyaa waliin ta'unis naannoosaa, qe'eefi daangaa isaas sirriitti kan ittiin eggatuufi kabachiifatu Gaacha Sirnaatiin.

Addunyaan nuti keessa jirru kun guyyaa guyyaatti jijjiirama keessa jirti. Nus addunyaa kanaa ala ta'uu waan hin dandeenyeef jiruufi jireenya keenya qindoominaan geggeeffachuu qamna.
Kanaaf, Oromoonis of jijjiiraa, waan haaraas barachaafi hubachaa deemuu qaba. Waan ta'eef dhimma baay'ee murteessaa ta'e kana keessatti Oromoon dammaqinaan hirmaachuu qaba.

"Sabni Dammaqe, Gurmaa'eefi Hidhate Yoomuu Injifataadha!!" Haayilee Fidaa

Bilaalaa 15/12/2013
21/08/2021

Bilaalaa 15/12/2013

TPLF fi shaneen  Diina Oromooti, gonkuma fira Oromoo ta’uu hin dandeessu ,Namni maalummaa TPLF fi Shaneen nutti himu hin...
20/08/2021

TPLF fi shaneen Diina Oromooti, gonkuma fira Oromoo ta’uu hin dandeessu ,Namni maalummaa TPLF fi Shaneen nutti himu hin jiru Maalummaa ishee fi hojii ishee badaa waan beeknuuf jedhee uummaati Aanaa Dillo

"Biyya kiyya Baraaruuf Essattis ta'ee, Waan Danda'uun, Haala kamiinuu nan Dulaa"      Gaafa Guyyaa 13/12/2013 irraa egal...
20/08/2021

"Biyya kiyya Baraaruuf Essattis ta'ee, Waan Danda'uun, Haala kamiinuu nan Dulaa"
Gaafa Guyyaa 13/12/2013 irraa egalee akka Aanaa Dillootti Gandoota 13 kessaatti Leenjiin Gaachana Sirnaa mata duree jedhuun bifa ho'aatiin gaggeffamaa jira.

Address

Ethiopia, Borena
Yabelo

Telephone

+251916818259

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dilloo Woreda Police Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Dilloo Woreda Police Office:

Shortcuts

Share