Yabelo Communication Affairs

Yabelo Communication Affairs Hello every one! this Page is governmental page. Please, use it for positive issues only!
- Adverti we are promoting Our destination!!!

06/12/2017

Via- Miyoo Communication
---
**Lafti Teena Lafe Teenaa***
Sadasaa 27/2010 ---- Oduu injifannoo
Godinaa Booranaa Aanaa mata wayyama (BORBOR) ttii guyyaa hardhaa ganama sa'atii 11 irraa egalee warranii Abdii Illee kan liyyuu polisii jedhamuu ummataa aanaa dhaas kan horsiisee bulaa irrattii waraana banee. Haa ta'uu malee waraanni kun warabeessaa dogamsuu dhaqee riimaan galee ta'ee ,jajjabeen teena akka baratee facciftee ofirraa deebsite. Hanga oduun kun nuu gaheeti waraana abdii kan kooromiin tenaa isaan sadii(3) battalumati mata isaan kooddaa gootee ,meeshaa hidhannoo guutuu lamafi hidhannoo sinyaara tokkoo waalin boojitee. Jajjabee mataa wayyaama baay'ee nuu boonsitan galaatni keessaan bilisummaa haa ta'uu. Walumagalaati waraani liyyuu hayyili kun ammas qophii waan qabanif uummatafi jajjabeen teenaa iddoo hundatti ofii eegannoo cimaa akka gootaan isaanin jeenna.
-------- (Maddi W/K/M/Aanaa Miyoo) ---------
Injiifannoon taa uummataa oromooti!!!!
Gadaan gadaa bilisummaati
Horaa bulaa.

04/12/2017

# Oduu Jigjiga Irraa Dhufte!
Yakka Hawaasa Oromoo Naannoo Somaalee keessa
jiraatan irratti raawwatame qulqulleessuuf gareen
pooliisii Federaalaa sochii taasiiseen namoota shan qofa
(deeggarsii mootummaa naannichaa dhibuu isaatiin)
to'achuun kan danda'ame tahu isaatiin sanbata darbee,
humni dabalataa naannichatti akka rammadamuu
mootummaan fedeeralaa murteessee ture.
Bu'uruuma kanaan humnii raayyaa waraanaa Mejeer
Jeneraal Geetaachoo Guddinaatiin hogganamu Jigjigaa
galuu isaatiin sodaan ol'aanaan hoggantoota
naannichaa biratti kan qunnamee yeroo tahu, guyyaa
har'aas Pirazidaantiin naanniichaa kaabinee isaa walittii
qabuudhaan Oromoota buqqa'an akka deebisanii fi
abbaan rakkoos hoggantoota mootummaa naannichaa
akka tahe murteessanii jiru.
Abbaan rakkoo isaan tahu isaa murteessuun waan gaarii
tahe, ummannii keenya hanga;
~ Pirazidaantiin Mootummaa Naannoo Somaalee Abdii
Mohammad Umar seeratti dhiyaatanitti,
~ Hogganaan Liyyuu Pooliisii Abdurhimaan Abdulaayii
seerattii dhiyaataniitti,
~ Caasaan Liyyuu Pooliisii Jedhamuu seeraan
diiggamuutti akkasumaas
~ Warreen Mootummaa Naannoo Sommaalee duuba
dhaabbatanii ummata keenya rakkoof saaxilan kanneen
hoggansa raayyaa ittiisa biyyaa keessa jiran seeratti
dhiyaatanitti Oromoon kamiyyuu gara naannoo
Somaaleetti deebi'uu hin qabu.
Eergaa kana share waliif godhaa!! Qabsoo itti muddaa!!
---
(Maddi Kominikeeshinii Areeroo)

Konfiraaansii Hawaasa Magaala Yaaballoo...----Godina Booranaa Magaala Yaaballootti Konfiraansiin Nageenyaa Hawaasa Magaa...
22/11/2017

Konfiraaansii Hawaasa Magaala Yaaballoo...
----
Godina Booranaa Magaala Yaaballootti Konfiraansiin Nageenyaa Hawaasa Magaalattii Bal'inaan Hiraachise Guyyaa Har'aa Gaggeeffamee jira.
---
Konfiraansiin Kun Xiyyeeffannoo Olaanaa kan taasifate dhimmoota yaakkaa kanneen akka hattummaa, balaa tiraafikaa Motorii fi ajjeechaa adda addaa irratti yommuu ta'u, Dhimmoonni Bu'uuraalee Misoomaa fi Dinagdee magaalattii akkasumas dhimmi Daballii gatii meeshaalee gara garaa seeraan ala dabalamaa jiranii bal'inaan ka'uun mariif dhiyaataniiru.
---
Konfiraansii kana irratti Bulchaan Buchiinsa Godina Booraanaa Aab Liiban Areeroo Argamuun Haasaa Baniinsaa taasisanii jiru.
Hawaasi Magaalattiis Dammaqinaan bahuun Dhimmoota akka rakkootti ka'an irratti yaadota ciccimoo fi furmaata egeree ta'uu danda'an kennanii jiru.

Konfiraansiin dhabbattummaa 7ffaa miseensota  hojjettoota mootummaa fi jiraattota magaalaa wajjiin gaggeeffamu eegalee j...
13/11/2017

Konfiraansiin dhabbattummaa 7ffaa miseensota hojjettoota mootummaa fi jiraattota magaalaa wajjiin gaggeeffamu eegalee jira.
-----
Via BAGAJA
TOKKUMMAAN JABEENNAA!
Yoo tokkummaa fi gamtaan socho'an rakkoon namii hiikuu hin
dandeennee hin jirtu. Yoo tokko tahanii Gaafatan,Falmat
an,Walidhaga'an karaa fagoo yaadan deemanii dhaqqabuu danda'an.
Yoos QABSOON Urgooftee laallistee galma geetti. Uummanni hin
gamtoofnee yeroo hunda hojii ofii karoorse osoo hin taanee hojii
namii biraa karoorsee hojjata, ofi ta'uu hin danda'uu, guddates,beekaa
qabaates,jabaa hedduu qabaatus hin mul'atu,akka hin jirreetti
ilaallama. KANAAFUU, Tokkummaan keenyaa yoo cimee ;ni
mul'anna,ni dhaga'amna,ni sodaatamna,mirga keenyaa ni
eegsifanna,jabeennaa fi qarrummaan keenya ni mul'ata, YAADA
MOO'AA burqisiisnuun yeroo hundaa ni M***A MALEE HIN
MOO'AMNU. Kannattuu TOKKUMMAAN JABEENNA NU JECHIISISA.
Tanaafi maanguddoon akkana jetti "Walidhaga'an tokkoo ta'an ,tokko
ta'an mirgaan galan"

KONFIRAANSII Dhaabbattummaa Magaala Yaaballoo ....-----Konfiraansiin Dhaabbattummaa Sadarkaa Magaala Yaaballootti guyyaa...
10/11/2017

KONFIRAANSII Dhaabbattummaa Magaala Yaaballoo ....
-----
Konfiraansiin Dhaabbattummaa Sadarkaa Magaala Yaaballootti guyyaa 30/2/2010 hanga 02/3/210tti gagggeeffamu har'a eegalee jira.
----

KABAJA GUYYAA AYYAANA DAA'IMMANII...-----Godina Booranaa Magaala Yaaballootti Guyyaan Daa'imman Addunyaa Kabajamee Oolee...
09/11/2017

KABAJA GUYYAA AYYAANA DAA'IMMANII...
-----
Godina Booranaa Magaala Yaaballootti Guyyaan Daa'imman Addunyaa Kabajamee Ooleera.
---
Ayyaanichi mata duree " Hirmaanaa Qaama Hundaa Mirkaneessuudhaan Daa'imman Maatii Waliin Sababa Walitti Bu'insaan Buqqa'an Deeggarsaa fi Kunuunsa Barbaachisaa Ta'e Akka Argatan Gahee Lammummaa Keenya Haa baanu" jedhuun akka Addunyaatti yeroo 28ffaatiif , Akka Biyya Keenyaatti ammoo yeroo yeroo 12ffaatiif kabajamee jira.
-------"Daa'imman Kunuunsuun Gaahee Nama Maraati!"----------

KONFIRAANSII DHAABBATTUMMAA 7ffaa GODINA BOORANAA.....-----Konfiraansiin Dhaabbattummaa 7ffaa Sadarkaa Godina Booranaatt...
07/11/2017

KONFIRAANSII DHAABBATTUMMAA 7ffaa GODINA BOORANAA.....
-----
Konfiraansiin Dhaabbattummaa 7ffaa Sadarkaa Godina Booranaatti gagggeeffamu Magaala Yaaballootti eegalee jira.
----
Konfiraansiin kuna guyyaa 27-29/2/2010 tti gaggeeffamu yommuu ta'u , murtoowwan addaa addaas ni dabarsa jedhameet eegama.

26/09/2017
Marii Mana Maree Kaabinee Magaala Yaaballoo...----Manni Maree Kaabinee Bulchiinsa Magaala Yaaballoo marii isaa guyyaa ha...
26/09/2017

Marii Mana Maree Kaabinee Magaala Yaaballoo...
----
Manni Maree Kaabinee Bulchiinsa Magaala Yaaballoo marii isaa guyyaa har'aa Gaggeeseen Haala raawwii hojii kurmaana 1ffaa fi qoodinsa Bajataa bara 2010 irratti mari'atee jira.

Leenjii Barsiisotaa fi Hoggansa Dhaabbilee Barnootaa Yaaballotti....------Godina Booranaa Magaala Yaaballootti Leenjiin ...
19/09/2017

Leenjii Barsiisotaa fi Hoggansa Dhaabbilee Barnootaa Yaaballotti....
------
Godina Booranaa Magaala Yaaballootti Leenjiin Barsiisotaa fi Hoggansa Dhaabbilee Barnootaaf kennamu guyyaa har'aa eegalee jira.
Akka Ibsa Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaala Yaballootti leenjiin kun mata dureewwan:-
1. Barsiisummaan Haal-duree Kamiiniyyuu kan hin daangeffamnee fi gahee mootummaaf ergama lammummaa
2. Bu'a Qabeessummaa Barnootaa fi Leenjii
3. Barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii
4. Haaromsa Gadi Fageenyaa Booda Bu'aalee Galmaa'anii fi Rakkoolee mul'atan, akkasumas kallattii Gara Fuulduraa.
5. Raawwii Hojii Bara 2009 fi Karoora Bara 2010

jedhan irratti guyyaa fulbaana 09-15/2010tti Manneen Barnootaa 11 keessatti kan kennamaa jiraachuu isaa beeksiseera.

Godina Booranaa Magaala Yaaballootti Guyyaa 07/1/2010 Galgala Rooba cimaa Roobeen Lolaan Mana Namoota Muraasaa Seenuun Q...
18/09/2017

Godina Booranaa Magaala Yaaballootti Guyyaa 07/1/2010 Galgala Rooba cimaa Roobeen Lolaan Mana Namoota Muraasaa Seenuun Qabeenya gara garaa miidhee jira. Rakkoon kun kan uumame Bo'oon lolaa jiru biyyee cirrachaan guutamee cufamuu isaatiinidha. Manni qopheessaa Magaalattii miidhaan dabalataa akka hin uumamne hawaasa waliin hojjechaa jira. Namoota Naannoo Bo'oo lolaatti Mana seeraan alaa ijaaranii fi balfa adda addaa bo'oo lolaatti guuran gocha isaaniirraa akka of qusatanis dhaamsa dabarseera.

09/09/2017

GADDA CIMAA QABNA ............
---------
Nuyi warri Booranaa Nagaa Feena. Haata'u malee Nagaan keenya Humna Naannoo Somaalee (Naannoo shanii) Irraa Meeshaa waraanaa Hidhatee nutti Gadi baafateen Jeeqamaa jirra. Lubbuun Namoota nagaa keenyas haala gaddisiisaa ta'een nurraa gaaga'amaa jira. Ummati Godina keenyaa Alaabaa Fi Lafa Oromiyaa Ormaaf dabarsinee hin kenninu jedhee Ciniinnatee falmataa jira. Humna meeshaa guutuu hidhatee Somaalee Itoophiyaa irra nutti baafate, Ummati Booranaa Golatti deebisee ari'achaa jira. -------------------
--------------------------

Address

1st
Yabelo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yabelo Communication Affairs posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share